Aadaan mallattoo eenyummaati, agarsiistuu sabaati, faajjiifi ibsituu ga’umsa kalaqaa, miidhaginaafi madda galii biyyaati. Itoophiyaan aadaa sabootaafi sablammootaatiin kan badhaate taatus cunqursaa sirnoonni ofittoo nafxanyaa geessisaa turaniin aadaaleen miidhaginaafi madda galii ta’an hedduun ukkaamfamaniiru.
Hammam dhiibbaafi cunqursaan sirna gabroomfataa gadi qabaa aadaa sabaafi sablammiileerratti qaqqabsiisaa turus fincila diddaa gabrummaa dargaggootaatiin gaggeeffamaa tureen sirni atseewwanii, sirni nama nyaataa Dargiis dabareesaanii eeggatanii hurraa’aniiru.
Sabaafi sablammiileen jiraachuu Itoophiyaaf bu’uuraafi utubaa ta’anii tajaajilaa turanis cunqursaa sirnoota balaafamoo kanneeniin dhiittaan mirgaa irratti qaqqabaa kan ture yoo ta’u, qabsoo jaarraa tokkoofi walakkaa booda quubsaa ta’uu baatus calaqqeen bilisummaa aadaa mul’atteetti.
Sidaamaan saba guddaafi sabboonaa ilmaan Kuush jalatti ramadaman keessaa isa tokko yoo ta’u, akkuma saba Oromoo aadaafi duudhaansaa akkasumas afaansaa akka hinguddifanne darbees afaan hojiifi barnootaa akka hintaane jaarraa tokkoofi walakkaa oliif sirna cunqursaa atseewwaniin hiraarfamaa tureera.
Sabani kun kabajamuu mirgasaatiif murnoota abbaa irreef osoo gadi hinjedhin fincila diddaa gabrummaa gaggeessaa tureen aarsaafi wareegama qaalii hedduun boodaa aadaafi duudhaasaa asiin kan gahateedha.
Imala qabsoo aadaafi afaansaa asiin gahachuuf taasise keessatti aarsaafi wareegama ejjeettoowwan kaffalaa turan hadhaahaafi obsa fixachiisaa kan ture yoo ta’u, imala seenaa qabsoosaanii kana keessatti gootonni akka Giiftii Furraafi Walda’amaanu’el Dubbaalee ((Hankarsoo) maqaa dhahuun ni danda’ama.
Giiftii Furraan ilmaan Sidaamaa sirnoota gabroomfataatiif akka hinjilbeeffanne gabrummaa akka xireeffatan, aadaa ofiin ofbulchuu akka gabbifatan dubartoota dhiibbaa uumuun fakkeenyummaan eeramaa turan ta’uu seenaatu ragaa ba’aaf.
Akkuma Giiftii Furraa gootichi Walda’amaanu’eel Dubbaalees qabsoo diddaa sirnoonni darban gaggeessaa turaniin Sidaamaan murnoota maxxantuu kana hadheeffatee ofirraa akka qolatu dura bu’ummaan gaggeessaa turaniiru.
Imala goototaa kanaan kan faayaman dhaloonni haaraa Sidaamaa maqaa Ejjettoo jedhamuun beekaman qabsoo hadhaahaafi obsa fixachiisaa taasisaniin har’a ifatti duudhaa, afaaniifi aadaasaanii guddifachaa, gabbifachaa kan hinbeekne ammoo walbarsiisaa ilmaansaa egeree qaraa jira.
Ayyaana simannaa bara haaraa Saba Sidaamaa (Fiichee Cambalaalaa) dhiyeenya kana Finfinneetti kabajamerratti Ejjettoowwan uffata aadaatiin faayamanii kan argaman yoo ta’u, shamarranis uffata aadaan miidhaganii argamaniiru.
Sirni walkaadhimannaas ayyaanicharratti kan raawwatu yoo ta’u, akkaataa inni itti raawwatu akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineerra. Shamarree Hermeellaa Mokonnin intala warra Sidaamaa dacheen Hawaasaa biqilchiteedha.
Ayyaana Fiichee Cambalaalaa (Bara Haaraa) bu’aa dhiigaaf lafee Ejjettoo ta’e kan akaakileeshiirraa dhaalte kabajuuf magaalaa guddoo naannoo Oromiyaa Finfinneetti argaman keessaa ishee tokko. Hermeellaan shamarra ykn durbadha, hinkaadhimamne, isa kanaafimmoo haala itti isheen mataa dhahatteefi uffatni aadaashee ishee ibsa.
Dargaggeessi Sidaamaa durba kaadhimmachuuf ayyaanicharratti argamu kamuu uffataafi aadaa mataa dha’annaashii ilaalee kan heerumteefi hin heerumn ta’uu adda baafatee qooda bahuu qabu baasee gaafatata. Hermeellaan rifeensa mataashii ‘Godaayyaa’ dhahatteetti. Godaayyaan sirna rifeensa mataa dha’annaa durba Sidaamaa warra hin heerumneeti.
Akkaataan mataa dha’annaa kun shurrubbaa ta’ee qarqarasaarra naanna’ee kirrii adiifi diimaan irratti fo’amee gateettiishii uwwisuun fagoorraa miidhagee dargaggeessa kan hawwatuufi miidhaginashii daran kan dabaluudha.
Shurrubbaan mataasaanii kun daran dheeratee mudhiirra akka ga’uuf dura wayita mataasaanii filatan dabbassaa buqqa’u walitti qabanii ol kaa’uun itti dabalanii dha’achuun kan dheereffatan yoo ta’u amma garuu dabbasaan bitamuun ykn wiigiin dheereffachaa akka jiran Heermeellaan kaasteetti. Mataasaaniirratti guutoo (Gussee) ykn Guduruu haaddatanii erga biqileen booda qofaatti ol filuun simboon dabbasaafi fuulasaanii akka walsimatu taasisu.
Shamarran akkaataa kanaan rifeensa mataa dha’achuu kan dnda’an umrii waggaa 12 kaasaniiti. Faayi addashiirra jirus ilka (Ilkee) jedhama. Qulfii uffataa walitti qabsiisuun addaaf faaya ta’ee kan tajaajiludha. Kanamalees Calleen mormasaaniirra jiru kan aadaa Oromoo Arsiin walfakkaatuun kan faayaman yoo ta’u, maqaa Baalaattoo jedhamuun beekama.
Faaya mormaa (Baalattoo) Baalaattoo kana shamarranis ta’e dubartoonni heerumanillee kan itti faayaman yoo ta’u, shamarran dabalataan mormarraa meetii ‘Cuu’aa’ jedhamu kan kirrii cuquliisaan hidhatame 3-5 qabu.
Cu’aa kana akkaataa qabeenyaarratti hundaa’uun quba harkaasaaniirrattis ni keewwatu. Irreesaaniirraas Gumee qabu. Uffata qarqarrisaa calleen faayamee dugdarra buufatanis qabu.Uffanni kun ‘Qonxoloo’ maqaa jedhamuun beekama.
Durbi hin heerumne Qonxoloo gaafa uffattu kan heeruman ykn haadholiin ammo bifa isarraa adda ta’een “Godaaree ykn Gorfoo” uffachuun ayyaanicharratti argamu. Qonxoloon kun dur dur gogaarraa kan hojjetamu yoo ta’u, yeroo ammaa garuu bifa ammayyaan huccuurraa qophaa’uun faaya aadaa ta’ee tajaajila.
Shamarran Sidaamaa hin heerumneefi durba ta’an kunneen Qonxoloo kana jalatti uffata ‘Qoloo’ jedhamu uffachuun dabbassaa godaayyaa dhahachuun guduruu filachuun agarsiistuu dabalataa durbummaafi kaadhimamuuf kan qophoofte ta’uu mul’isa.
Dhiirri intala kana kaadhimmachuuf qophaa’e tokko ykn jaalate rigaa karaa daa’imaa intalatti erga. Daa’imni sun rigaa sana wayita gara intalaatti geessu yoo harkaa fuute sijaaladhe jechuudha, yoo didde garuu kan hinfeene ta’uu ibsiti.
Durbi tokko rigaa ergameef sana yoo fudhatte jaalchuushii kan agarsiisu yoo ta’u, kabaja ayyaana waggaa haaraa isa lammaffaa Fiichee Cambalaalaarratti wal arguun haasaa jalqabu.
Rigaan gaafa Cambalaalaa kennameef kun hanga ayyaana Fiichee Cambalaalaa marsaa isa lammaffatti (waggaasaatti) ol keessee eegdi. Kanaan alatti rigaa fudhatte jedhamee jaalalliifi hariiroon biraa hanga waggaatti hintaasifamu.
Gurbaanis waggaa booda ayyaanicharratti rigaasaa (imaanaa jaalalaa) harkaa fudhatee intalaa wajjin walbaree haasa’uu jalqaba. Turtii waggaa tokkoon booda hiriyyummaansaanii cimaa deemee ulaagaa guutamuu qabu guuttatee intala fuudha jechuudha.
Aadaa fuudhaafi heerumaa qeerroofi qarree Sidaamaa kanaan dura tureen gurbaan intala fuudhu tokko gabbara qarshii kuma 80 hanga kuma 100 kaffala ture. Kunimmoo sooressi sooressa malee akka hinfuune hiyyeessi hiyyeessa akkasaa akka barbaaddatu taasisuun aadaafi safuu faallessee argamuusaan abbootiin ayyaantuu abaaranii yeroo ammaatti kennaan qarshii kuma lamaafi 200 ol akka hindabarre taasisaniiru.
Xiloshiinis humnaa ol waan ta’eef akka hafuuf ayyaantuuwwaniin abaarameera. Walumaagalatti guyyaa ayyaanni Fiichee Cambalalaa kabaja simannaa bara haaraa saba Sidaamaa yoo ta’u, sirnicharratti walkaadhimannaanis bifa kanaan gaggeeffama.
Horaa Bulaa.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013