Biiroon Barnoota Oromiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa bara 2012 sababa weerara vaayirasii koropnaatiin baranatti darbe fudhatanii qabxii 600 ol galmeessisan 152 torban darbe tokkoon tokkoonsaanii qarshii kuma digdama digdama Magaalaa Adaamaatti badhaaseera.
Barattoota kunneen keessaa koorniyaa lamaaniin qabxii olaanaa galmeessisuun 1fa hanga 3fatti kan ba’an ammoo tabileetii ammayyaa’aa ‘S6’ jedhamuufi medaaliyaa badhaafamaniiru. Barattoota kunneen keessaa 100f ammoo carraan barumsa biyya alaa mijaa’eera.
Barataa Naa’ol Ballaxaa Magaalaa Adaamaa mana barumsa ‘Excel’ irraa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa baranaatti qabxii 665 galmeessisuun akka biyyaatti qabxii olaanaa lammaffaa galmeessise.
Barataan kun Gaazexaa Bariisaatti akka himetti, qabxii olaalaa galmeessisuuf karoorfatee sirriitti qayyabachaa ture. Bara darbe yeroo manni barumsaa sababa weerara vaayirasii koronaatiin ji’oota saddeetiif addaan citee tures barnootasaa sirriitti qo’achaa akka ture. yeroosaa harka caalu qo’annaafi gaaffiilee qormaata biyyaalessaaf kutaa 12faf isa qopheessan hojjechaa akka ture dubbata.
Karoorri koo qabxii olaanaa galmeessisuudha ture kan jedhu barataa Naa’ol, akkuman karoorfadhee hojjechaa ture qabxii olaanaa galmeessiseera. Gara fuulduraatti ammoo ‘Electirical and Computer Engineering’ barachuudhaan biyya koo damee teknolojiitiin tajaajiluu akka barbaaduufi badhaasi argates gara fuulduraattis qabxii olaanaa akka galmeessisuuf kan isa kakaasu ta’uu eereera.
Barattuu Bitsi’iit Tashoomaa ammoo mana barumsaa ‘Saint Joseph’ Adaamaarraa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa bara 2012tti qabxii 634 galmeessisuudhaan kan badhaafamte yoo taatu, dhoksaan barataa cimaa ta’uu barumsa kutaatti kennamu sirriitti hordofuufi yeroo ofii harka caalu qayyabannaafi gaaffiilee gara garaa qormaataaf nama qopheessan hojjechuurratti dabarsuudha. Isheenis barumsa ishee sirriitti hordofuufi yerooshee harka caalu qayyabachuudhaan dabarsuudhaan qabxii olaanaa kana galmeessisuu akka dandeesse dubbatti.
Manni barusaa ishee waggaa darbe yoroo barumsi sababa weerara vaayirasii koronaatiin ji’oota saddeetii oliif addaan cite ture haandaawotii qopheessuudhaan barattoonni akka dubbisaniif nuuf kennaa ture kan jettu barattuun kun, maatiin koos akkan barumsarraa hinfagaanneefi qayyabadhuuf na najajjabeessaa turan jetti.
Gara fuulduraattis barumsa fayyaa ‘Medicine’ barachuu akka barbaaddu kan eertu barattuun kun, yoo carraa barumsaa biyya alaa argattes barumsa argatteen gara biyyaatti deebitee hojjechuuf fedhii guddaa kan qabdu ta’uu himti.
Barataa Leencoo Darajjee Futtaasaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, mana barumsaa dhuunfaa Maatii Boruu Magaalaa Shaambuutti argamurraa qabxii 625 fiduudhaan barattoota badhaafaman keessaa isa tokkoodha.
Barataan kun akka jedhutti, barataa cimaa qabxii olaanaa galmeessisu ta’uun barumsa ofiif yeroo kennanii dubbisuufi qayyabachuurraan kana hafe dhoksaa biraa hinqabu. Haalli qo’annaa ammoo akka dhuunfaa dhuunfaatti garaa garummaa ni qabaata.
Ani akka dhuunfaatti yeroo barsiisaan kutaa keessatti barsiisu sirriitti hordofuuudhaan, waan kutaatti barannu dursee dubbisuudhaan, yeroo koo harka caalu dhuunfaadhaanis ta’e barattoota biroo waliin qayyabachuufi gaaffiilee gara garaa hojjechuudhaan qabxii olaanaa galmeessisuu danda’eera jedha.
Bara darbe sababa weerara vaayirasii koronaatiin yeroo manni barumsaa ji’a saddeetii oliif cufamee tures ‘Chaanaalii Teelegiraamiirra’ seennee barattoota biro waliin gaaffilee gara garaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12faaf nu qopheessan hojjechaa turre kan jedhu barataan kun, akka dhuunfaattis kitaaba gaaffiilee gara garaa irra jiran hojjechaan ture. “Qabxiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12fatti argadhe bu’aa dadhabbii koo waan ta’eef baay’ee itti gammadeera” jedha.
Ani akaakuu barnootaa akkaataa baay’ina gaaffiisaaniifi qabxii isaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12farratti qabanirratti hundaa’uudhaanan yeroo kenneefii qayyabachaa ture kan jedhu barataa Leencoon, fakkeenyaaf Fiiziksiin gaaffiilee 50 kan qabu yoo ta’u, gaaffiin tokko qabxii lama qaba. Baayoloojiin ammoo gaaffiilee 100 kan qabu yoo ta’u, gaaffiin tokko qabxii tokko tokko qaba.
Kanaafuu yeroo akaakuu barnoota Fiiziksiifi Baayoloojiitiif kennee dubbisu akkaataa gatiifi qabiyyee gaaffiileesaaniitiin tokko miti. Ani barataa Saayinsii Umamaa waanan ta’eef yeroo koo harka caalu barnoota shallaggii ta’anirrattan xiyyeeffatee qayyabachaa akka ture eera.
Sagantaa qayyabannaa kanan baafadhes qabxii akaakuun barnootaa tokko qabuufi qabiyyee kitaabaarratti hundaa’uudhaani kan jedhu barataan kun, manni barumsichaa hanqinaaleesaa furuudhaan sirriitti barattootarratti xiyyeeffatee utuu hojjetee akka naannichaattis ta’e biyyaatti barattoota ciccimmoo baay’eetu ba’uu danda’a jedha.
Ani gara fuyulduraatti hawwii laman qaba kan jedhu barataa Darajjeen, hiwwiisaas haalaafi yeroodhaan deengesseera. Biyya keessatti kan baratu yoo ta’e barumsa Fayyaa (Medicine) barachuu barbaada. Carraa barumsa biyya alaa yaalaa jirutti yoo milkaa’e ykn kan mootummaan naannichaa barattoota qabxii olaanaa galmeessisan 100f mijeesse dorgomee yoo argatemmoo ‘Space Engineering’ barachuu akka barbaadu dubbata.
Ani bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa bara 2012tti qabxii olaanaa galmeessiseera kan jedhu barataan kun, gara fuulduraattis barumsasaa sirriitti hordofuufi qayyabachuudhaan digiriisaa tokkoffaa qabxii olaanaan eebbifamuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan kan hojjetu ta’uu hima.
Barattoota barana qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa barachaa jiraniif jabaadhaa qayyabachuu akka qabaniifi xiyyeeffannoonsaanii qormaatarratti barattoota ciccimoo abdachuu utuu hintaane ofii jabaatanii qayyabatanii qabxii olaanaa galmeessisuu akka qabaniif dhaamsa dabarseera.
Akkasumas dorgommiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa akka mana barumsaa ykn naannootti utuu hintaane sadarkaa biyyaatti ta’uusaas hubachuu qabu jedha. Yeroo ofiitti sirriitti fayyadamanii qayyabannaan waanti qabxii olaanaa hingalmeessifneef hinjiru jedha.
Barattuu Biiftuu Gazzuu Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) damee Adaamaarraa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa bara 2012tti qabxii 617 galmeessisuun barattoota badhaafaman keessaa ishee tokkoodha.
Qabxii kana akkan galmeessisuuf deggersi maatii, mana barumsaafi barsiisota kootii olaanaadha kan jettu barattuun kun, anis yeroo kootti seeraan fayyadamee barumsa koo sirriitti hordofuufi qayyabachuudhaan qabxii olaanaa kana galmeessisuu danda’eera jetti.
Maatiin keenya dabtaraafi meeshaalee barumsaaf nu barbaachisan nuuf guutanii mana barumsaatti nu ergu. Manni barumsaafi barsiisonni ammoo barattoota simatanii nu barsiisu.
Barumsa kennamu sirriitti hordofuufi qayyabachuun ammoo gahee ykn dirqama barataati. Anis barumsa nuuf kennamu sirriitti hordofuufi qayyabachuudhaan qabxii olaanaa galmeessiseera. Qabxii kana akka galmeessistuuf kutannoon cimaan barumsashee hordofuufi qayyabachuu cinaatti deggersi maatiifi barsiisota ishee olaanaaa ta’uu eerti.
Barumsa kutaatti kennamu sirriittan hordofaafi waanan kutaatti baradhe ammoo yeroo hundumaa manatti galtee dubbisaa akka turete kan eertu barattuun kun, yeroo ishee harka caalaa qayyabannaafi gaaffiilee gara garaa hojjechuurratti kan dabarsitu ta’uu himti.
Gara fuulduraatti barumsa fayyaa ‘Medicine’ barachuu akka barbaadu kan eerte barattuu Biiftuun, manni barumsaa WMO isheen itti barattes ummataan waan deggeramuuf yeroo barumsa ishee xumurtu ogummaan baratteen hawaasa tajaajiluuf fedhii guddaa kan qabdu ta’uu dubbatti.
Barumsa keessattis ta’e jiruufi jireenya keessa wantoota hedduutu nama mudata kan jettu barattuun kun, barattoonnis bu’aa ba’ii jireenyaa barumsa keessatti isaan mudatan hunda obsaan keessa darbuudhaan yeroosaaniitti sirriitti fayyaddamuudhaan jabaatanii barachuufi qo’achuudhaan bakka yaadan akka ga’aniif ergaa dabarsiteetti.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013