Sagantaa soorata mana barnootaa: Furtuu egeree dhalootaa

Hogganaan hoggansa duubaa dhufu hinhoranne hogganaa hinjedhamu. Dhalootni dhaloota boodaa dhufu hinhorannes dhaloota biyyaaf yaadu jechuun hindanda’amu. Rakkoolee hiyyummaafi boodatti hafummaa kamiyyuu furuu barbaannaan hunda caalaa dhaloota abdii egeree ta’an irratti hojjechuutu barbaachisa.

Akka carraa ta’ee immoo biyyi teenya hanga ammaatti lammilee ishee hundaaf wantoota uumamaan barbaachisan hunda guutuu hindandeenye. Wantoota bu’uuraa dhala namaatiif barbaachisaa ta’an kanneen keessaa inni tokkoofi guddichi soorata yemmuu ta’u, yeroo ammaa kutaalee biyyattii garagaraa keessatti nyaatni madaalawaan hafee, nyaatuma mataasaayyuu argachuun iddoowwan itti ulfaatu ni jiru.

Kanaaf immoo bakka fagoo baadiyyaa osoo hindeemiin, magaaluma guddoo biyyattii teessoo Gamtaa Afrikaa, akkasumas dhaabbilee Idil Addunyaa hedduu taate Finfinnee keessatti lammiileen waan afaanitti fidan hinqabne hedduudha.

Hanqina nyaataa kanaaf immoo irra jireessaan kan saaxilamoo ta’aniifi rakkoo kanaanis gatii hedduu kanfalaa kan jiran daa’immani. Namni daa’imummaasaatti nyaata madaalawaa hinarganne immoo guddina qaamaafi sammuu barbaachisaa ta’e horatee lammii bor ofiisaarra darbee biyyaaf ta’uu hindanda’u.

Rakkoo hamaan kun daa’imman barnootasaanii haalaan akka hinhordofne gochuu bira darbee akka addaan kutaniifis sababa ta’aa dhufuusaatiin, sagantaan soorataa mana barnootaa dirqama ta’aa dhufaa jira. Sagantaa soorataa mana barnootaa waggoota muraasa dura afaaniin qofa dubbatamaa ture har’a lafarratti hojirra oolaa bu’aansaas qabatamaan dhandhamamuu eegalee jira.

Sagantaan kun immoo barattoota sababoota uumamaafi namtolcheetiin rakkoo nyaataatiifis ta’ee hanqina nyaata madaalawaatiif saaxilaman baraaruu keessatti ga’ee olaanaa kan qabuudha. Barataan nyaata madaalawaa argate immoo barumsasaa gahuumsaan akka hordofu taasisuudhaan bu’a qabeessummaansaa akka mirkanaa’uufis kan gargaaruudha.

Gama biraatiin immoo adeemsi baruufi barsiisuu hirmaachisaa ta’e akka jiraatu taasisuu bira darbee, lammilee dhimmoota hunda irratti dammaqinaan hirmaachuu danda’an horachuufi kan gargaaru ta’uunsaa ni amanama. Keessattuu biyya akka Itoophiyaa hanga ammaatti wantoota dhala namaatiif murteessaa ta’an hunda guuttachuun gaaffii keessa jiruuf sagantaa soorata mana barumsaa dhimma xiyyeeffannoon guddaan itti kennamee hojjatamuu qabuudha.

Lammiilee biyyattii keessaa dhibbantaan 40 sababa hanqina nyaata madaalawaatiin rakkoo qancarummaatiif kan saaxilaman ta’uu qorannoon kan mul’isu yemmuu ta’u, keessumaammoo rakkoon kun daa’imman umrii barumsaa keessa jiranirratti kan cimuudha.

Barattoota nyaata madaalawaa dhaban qofa osoo hintaane, isaan nyaatuma madaalawaa hinta’iin sanayyuu yeroo barbaadanitti hinarganne kan of keessatti hammattee jirtu biyyattiin, sagantaa soorataa kana hojirra oolchuu jalqabuun abjuu hedduu kan hiiku ta’a. Bakkee addaddaatti barattoota nyaata gahaa dhabanii daree keessatti kufan dhagahuuusaaniitti qaamoonni gaddaniifi hojirra oolmaa sagantaa kanaatiif bu’uura buusuu danda’aniiru.

Sagantaan soorataa mana barumsaa kun biyyattiif haaraa ta’uu baatus, bifa itti fufiinsa qabuufi iddoo barbaadamu hundatti qaqqabaa ta’een hojirra ooluu dhabuunsaa rakkoo har’a mul’atuuf sababa ta’ee jira.

Akka ragaaleen mul’isanitti immoo akka biyyatti sagantaan soorataa mana barumsaa yeroo jalqabataatiif biyyattii keessatti kan eegale bara 1987 deggarsa Sagantaa Nyaata Addunyaatiini. Keessattuu ALA bara 2009tti yeroo hoongeen biyyattii mudatee ture sanatti mootummaan biyyattiis bajata qarshii miliyoona 570 ta’u naannolee saddeetiif ramaduunsaas kan yaadatamuudha.

Yeroo sanatti ummata miliyoona sadii ol kan rakkoo hoongeetiin hanqina nyaataa hamaa ta’eef saaxilamanii turanis sooruun danda’ameera. Sagantaan yeroo addaddaatti mootummaanis itti amanamuudhaan biyyattii keessatti hojirra oolaa ture kun garuu xiyyeeffannoo itti fufiinsa qabu dhabuudhaan yeroo tokko olka’aa, yeroo kaan immoo gadi bu’aa ykn laafaa adeemuu danda’eera.

Magaalaan Finfinnee garuu seenaa sagantaa soorata mana barnootaa biyyattii keessatti argamee hinbeekne tokko gumaachitee barbaachisummaa sagantichaas qabatamaan mirkaneessitetti. Sagantaa yeroo tokko mul’ataa yeroo kaan badu kana bifa dhaabbii qabuun manneen barnootaa hundatti eegalchiisuudhaan itti fufiinsasaas mirkaneessite.

Maatii daa’imman harka qaleeyyii onnee qabbaneessitee daa’imman barattootaa garaa guutte. Maatiin sana dura hiyyummaasaaniirraa kan ka’e meeshaa nyaataa duwwaa waliin daa’imman gara mana barnootaatti ergaa tures aara galfatee bulchiinsa magaalaa Finfinnee galateeffate. Hojiin fakkeenyummaa bulchiinsa magaalattiitiin eegalame kun immoo barattoota, maatii barattootaafi darbes immoo biyyaaf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu eenyullee mormuu hindanda’u.

Kanarratti immoo bu’a qabeessummaa sagantaa soorataa manneen barnootaa magaalattii keessatti eegalamaniirratti qorannoon gaggeeffameefi bu’aan qorannichaa agarsiiftota guddoodha.

Onkololeessa 7 bara 2011 tti qorannoo bu’a qabeessummaa sagantichaarratti gaggeeffameen, magaalaa Finfinnee manneen barnootaa 42 keessatti soorata barattootaaf dhihaachaa tureen barattotarratti dandeettiin qayyabannaas ta’ee qabxii gaarii fiduu akka horatame mul’iseera.

Kanaan alatti qaama barattootaa irratti jijjiiramni mul’achuu, qabxiin giddugaleessaan 62.3 ture gara 70tti guddachuufi furdina qaamaatiin dabaluunis bu’aalee sagantaa soorataa manneen barnootaa kanaan barattootarratti mul’atan ta’uu qorannichi agarsiiseera.

Milkaa’ina sagantaa soorataa mana barumsaa Magaalaa Finfinneerratti argame kana gara manneen barnootaa naannolee birootti babal’achaa jira. Dhiheenya kana immoo sagantaan kun gara naannoo Sidaamaatti babal’achuudhaan bu’aan manneen barnootaa Finfinnee irratti argame hundaafuu ka’uumsa akka ta’u mirkaneesseera.

Ministerri Barnootaa Dhaabbata Baraaraa Daa’immanii ‘Save the Children’ waliin ta’uun akka biyyattii saganticha Onkololeessa 19 bara 2013 irraa eegalee hojirra oolchuuf walii galanii akka turanis ni yaadatama.

Ministir Deetaan Barnootaa Obbo Miliyoon Maatiwoos, Dhaabbata Baraara Daa’immanii waliin ta’uun sagantaan soorataa manneen barnootaa iddoo hundatti akka hojirra ooluuf hojjatamaa jiraachuu eeranii, dhimmi sagantaa soorata mana barnootaa hojirra oolchuu immoo filannoo osoo hintaane dirqama dhaloota egeree biyyaa murteessanii baraaruu akka ta’e sagantaa dhimmicharratti qophaa’erratti ibsaniiru.

Akka ibsasaaniittis, sagantaan kun barattoota maatii harka qalleeyyiitiif soora dhiheessuu qofa osoo hintaane, barattoota gidduutti miirri walqixxummaa akka uumamu gochuun xiinsammuunsaanii akka yaada birootiin hinmiidhamne kan taasisuudha.

Kanaan alattis barattootni mana barnootaarraa akka hinhafne taasisuun harcaatii barattootaa hir’isuu keessattis shoora murteessaa ta’e kan taphatuudha. Sooratni manneen barnootaa keessatti barattootaaf dhihaatummoo nyaata madaalawaa waan ta’eef dandeettii qayyabannaasaanii dabaluudhaan dhaloota bor biyya fayyadan kan isaan taasisuudha.

Sagantaan soora mana barnootaa kun manneen barnootaa kutaalee biyyattii garagaraa ta’an 499 ta’an keessatti kan eegalu ta’uu kan himan immoo Itoophiyatti Daariktera Dhaabbata Baraara Daa’immanii kan ta’an Ikinoguto Gulari, kun immoo barattootni barnootasaanii akka addaan hinkutneef kan isaan gargaaru ta’uu ibsu.

Akka ibsasaaniitti, sagantaan soora mana barnootaa kun naannolee shan keessatti kan hojirra oolu ta’a. Kanaanis barattootni kuma 163 ol ta’an ni fayyadamu jedhamee eegama. Barattoota rakkolee namtolcheefi uumamaatiin hanqina nyaataafi nyaata madaalawaatiif saaxilamaniif akka filannoo guddatti kan ilaalamu sagantaan soorata manneen barnootaa kun, iddoo hundatti babal’atee barattoota rakkoo walfakkaataa qaban hunda akka hammatuuf ammas hojii cimaatu eeggata.

Walumaagalatti, lubbuu barattootaa baraaruu bira darbee lammiilee boru biyyaaf waan gaarii hojjachuu danda’an horachuuf ga’ee guddaa kan qabu sagantaan soorataa mana barnootaa, iddoo gargaarsi argametti eegalamee kan birootti kan hafu osoo hintaane, bajata mootummaatiin iddoowwan rakkoon akkasii jiran hundatti walga’uu qaba.

Biyyi dhaloota boodaa dhufu ga’uumsaafi hamilee cimaan hinhoranne, barataa qalbiifi xiyyeeffannoon baratee abdii egeree ta’uu danda’u hinqabaanne mallattoo gaaffii jalaa bahuu hindandeessu. Waan ta’eefis, faayidaa roga hedduu sagantaan kun qabu hubachuudhaan babal’ina hojii kanaatiif tumsuun immoo ga’ee qaamota dhimmichi ilaallatu hundaati.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You