1. Ulfa gadameessaan alaa
Sadarkaa uumamuu dhala namaa keessatti sanyiin kormaa (Ispaarmii)fi hanqaaquun dhalaa ovaarii irraa gadi dhiifaman ujummoo oovaarii jedhamu keessatti wal arganii fartilaayizeeshiniin(walitti dabalamuun) erga raawwateen booda micireen uumamu keessoo gadameessaa keessatti maxxanuun guddachuu eegala.
Dubartiin tokko ulfaa’uun duratti haala marsaa laguu ishee sirriitti beekuu qabdi. Kunis sababnisaa torban ykn baatii ulfa sana tilmaamuu keessati gahee guddaa waan qabuuf.
Dubartiin tokko yerooo garaatti hafu ykn ulfooftu sababa jijjiirama hormoonirraan kan ka’e marsaan laguu ishee nidhaabbata. Kana yeroo jennu dubartiin marsaa laguu ishee yeroof dhaabbate hundumtuu ulfa jechuu hindandeenyu,sababnisaas wantootni marsaa laguu akka hafu godhan baay’eenis jiru waan ta’eef. Kanaaf dubartootni baay’inaan yeroo marsaa laguun isaanii itti dhufu,guyyaa hammamiif akka irra turuuf yoom akka irraa dhaabbatu beekuun barbaachisaadha.
Sababni isaas dubartiin tokko guyyaa laguun ishee inni dhumaa itti dhuferraa kaasee baatiin ulfa sanaa lakkaa’amuu waan jalqabuuf. Kanaaf dubartiin ulfaa tokko laguu ykn xurii ishee xumuraa guyyaa jalqaba itti argiterraa kaasee guyyoota 280 booda daa’imni sun dhalata. Yeroo tokko tokko micireen uumamte kun keessoo gadameessaa keessatti maxxanuu dhiistee keessoo gadameessaan alatti maxxanuun ulfa gadameessaan alaaf nama saaxila. Ulfi gadameessaan alaa kunis baay’inaan kan inni muldhatu ujummoo ovaarii, ovaarii, keessoo garaa, fiixee balbala gadameessaa fi kkf irratti.
Wantootni ulfa gadameessaan alaaf nama saaxilan maal fa’i?
- Infeekshinii gadameessaafi ujummoo ovaarii.
- Yaalii baqaqsanii yaaluu naannoo gadameessaafi ujummoo ovaarii.
- Dhibeewwan wal quunnamtii saalaan daddarban.
- Ulfa gadameessaan alaa kan duraa.
- Darbee darbee namoota tokko tokko irratti luuppii mala ittisa da’umsaaf dubartiin tokko fayyadamtus rakkoo kanaaf nisaaxila.
- Tamboo aarsuufi
- Yaali garaa baqaqsanii yaaluu fa’i.
Mallattoon ulfa gadameessaan alaa maali?
Ulfi gadameessaan alaa yeroo jalqabaaf mallattoo hinagarsiisu. Garuu akkuma micireen guddachaa deemuun xiqqoo yeroo turu mallattoowwan garaa garaa agarsiisa. Isaanis:
- Dhaabbachuu laguu
- Dhukkubbii garaa kan gara gadii gama tokkoon
- Dhiiguu gadameessaafi
- Yeroo tokko tokkos ulfi gadameessaan alaa dho’uun rakkoo fayyaa hamaaf nama saaxiluu ni danda’a.
Kanaaf dubartiin tokko mallattoo akkasii ofirratti yoo argite hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdi.
7.7. Yeroo Ulfaa ol nama guuruu yookiin ol deebisuu:
Dubartiin ulfaa tokko sababa jijjiiramuu hormoonii ulfa waliin dhufan irraan kan ka’e yeroo baay’ee ol guuraan sasalphaa ta’ee hanga cimaatti keessummeessuu dandeessi. Ol guuraan yeroo ulfaa kunis yeroo hedduu kan inni mul’atu hanga torban 16 (ji’a 4) tti. Haa ta’u malee harki caalaan isaa dhibeen isaa gad aanaa waan ta’eef of eeggannoo malee yaala hinbarbaachisu.
Dhibeen kun yoo hammaate garuu daa’imaa irraatti osoo hintaanee haadha irratti dhibee fiduu nidanda’a. Dhibeen kun yoo hammaatu haadha huuqqisuu, hanqina nyaata fiduu, kalee miidhuu, dhibee sammuu fiduu, bishaanfi elektrolaayitii qaama keessa jiru hir’isuu fi kkf fiduu ni danda’a.
Kanaafuu dubartiin ol-gurraa si’a ja’aafi isaa ol yoo itti dhufefi ulfaatinni qaama ishee dhibbantaa 5’n yoo hir’ate hatattamaan gara mana yaalaa deemuun yaalamuu qabdi.
Dhibee kana ittisuuf:
- Nyaata nyaattan hamma isaa xixiqqeessitanii ammaa ammaa garaa garummaa sa’aatii lamaan soorachuu.
- Nyaata cooma, dhadhaafi zayita of keessaa qabu hir’isuu.
- Jinjibila qofaa isaa yookiin hurreessuun(daakuun) shaayii waliin dhuguu akkasumas nyaata waliin fayyadamuu.
- Nyaata kanneen pirotinaafi vitaaminiin guutuu ta’an kan akka kuduraafi muduraa fayyadamuu.
- Nyaataafi dhugaatii ho’aa fayyadamuu dhiisuu.
- Nyaata gogaa ta’an kan akka akaayiifaa fayyadamuu.
- Utuu nyaata hin nyaatin dura bishaan dhuguu.
- Erga nyaata nyaataniin booda boqonnaa fudhachuu.
- Foolii nyaataa, aaraafi ho’a hir’isuufi kkf dha.
Mallattoowwan ol guuraa ykn ol deebisuu kun yoo isaanitti hammaate garuu mana yaalaa deemanii yaala barbaachisu argachuu qabu.
Dabalataan akkuma jalqaba ibsuuf yaallee rakkoowwan kunniin baatiiwwan jalqabaa hanga baatii 4tti baay’inaan kan mudatan yoo tahu, isa booda badaa deema yookiin hir’achaa deema.
7.8 .Wal Quunnamtii Saalaa yeroo ulfaa
Dubartiin tokko yeroo ulfaa hanga baatii/ ji’a afuritti Sababa ol tuttuquu, olguuraan tuttufsiisaanfi dadhabbiin waan itti baay’atuuf fedhiin ishee hir’achuu nidanda’a. Baatii 4 irraa jalqabee hanga baatii 7tti rakkoowwan gara baatii jalqabaa mul’atan hir’achaa waan deemuuf fedhiin isaani haalaan nidabala.
Baatii 8 booda hanga baatii xumuraatti ammoo gadameessi daa’ima baatu guddachaa waan deemuuf haalli wal qunnamti saalaa mijachuu waan hin dandeenyeef fedhiin dubartootaa xiqqo gadi bu’a. Gabaabadhumatti walquunnamtiin saalaa yeroo ulfaa ji’aan hindangeffamu, kana jechuunis hamma dhibeen tokko tokko hinjirretti walquunnamtii saalaa hanga ji’a dhumaatti gochuun hindhorkamu.
Wal qunnamtii saalaa rakkoon akkamii yoo jiraate dhorkama?
- Yoo dhiiguun karaa qaama saalaa/ gadameessaa mudate
- Yoo bishaan garbaa ykn bubbee irraa dhangala’e
- kana dura ulfi yeroo lamaaf isaa ol yoo irraa bahee ture.
- Ulfa duraa irratti ciniinsuun osoo hinga’iin itti dhufeera yoo ta’e.
- yoo ofkaltiin/obbaatiin mucaa dursee dhufu altiraasawundiin mirkanaa’e.
Tarii akka tasaa yeroo wal qunnamtii saalaa dubartoota irraa bishaan gubbee yoo dhangala’e ykn gadameessi isaanii dhiige hatattamaan mana yaalaa deemuu qabu
Dubartiin ulfaa tokko mallattoo akkamii yoo ofirratti argite hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdi?
- Mataa dhukkubbii cimaa
- Garaa dhukkubbii garaa muraa
- Naannoo qara laphee jalaa ykn garaa keessan gara olii gara mirgaan yoo isaan dhukkube
- Dhiiguu gadameessaa
- Bishaan garbaa utuu ciniinsuun isinitti hin dhufin yoo dhangala’e
- Of wallaaluu
- Joonjii mataa ykn gurri namarratti iyyuu
- Haqqisaaf ol tuttuqqii baay’ee yoo tahe
- Hafuura kutuu (Gaggabdoo) fi kkf
“Haati kamillee sababa ulfaan du’uu hin qabdu”
Fayyaa hindhabinaa
Dr Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013