Qajeelfama ittisaafi to’annaa koviid-19

Namni waan koviid-19 Hindi gochaa jiru arge hammeenya vaayirasichaa hubachuun isa hindhibu. Biyyattiitti dhalli namaa akka balaa harca’aa jira. Guyyaatti namoonni kuma dhibbootaan lakkaa’aman vaayirasichaan qabamaa; baay’een isaaniimmoo lubbuu dhabaa jiru. Ogeessonni fayyaa waa hundi humnasaanii gararraa ta’ee gaafa rakkatan mul’atu.

Itoophiyaattis sadarkaa Hinditti ta’uu baatuus guyyaadhaa guyyaatti tatamsa’innisaa dabalaa, ofeeggannaansaas daran laafaadha. Ji’oota muraasa duras tatamsa’inasaarraa ka’uun Ministeerri Fayyaa qajeelfama lakkoofsa 30 kan baase yoo ta’u, hojiirra oolmaansaa gara jalqabaa gaarii fakkaatus boodana laafaa jira. Bu’uura qajeelfamichaatiin namni maaskii hinkaa’anne tajaajilawwan geejibaafi kanneen dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman argachuu hindanda’u ture. Amma garuu namni dhimma ittii qabu waan jiru hinfakkaatu.

Qajeelfamichi akka jedhutti, namni malawwan ittisaa vaayirasichaa hojiirra hinoolchine hanga hidhaa waggaa sadiitti akka adabamuudha. Ta’us hubannoo ga’aa osoo hinuumiin adabbiitti seenuun rakkisaa waan ta’eef miidiyaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun hojiin hubannoo uumuu cimee hojjetamuu akka qabuudha Biiroon Fayyaa Oromiyaa (BEFOn) kallattii kan kaa’e.

Nutis qajelfamni ittisaafi to’annaa koviid-19f ba’e jireenya hawaasummaa kanneen akka awwaalcha, gadda taa’uu, guyyaa dhalootaa, guyyaa eebbaa, ‘maabaraa’fi kkfrratti maal jedha isa jedhu barreeffama kanaan dhiheessineerra. Jalqabarratti wantoota waliigalaan dhorkaman isin dubbisiisna.

Gochawwan dhorkaman

1. Namni koviid-19n akka qabame beeku kamuu biyya keessa seenuu, hawaasa bal’aatti makamuufi haala kamiinuu namoota waliin walarguu hindanda’u.

2. Namni kamuu wajjin nagaa walgaafachuufis ta’e dhimma biraatiif harka walfuudhuu hindanda’u.

3. Bakka kamittuu osoo maaskii hinkaa’atiin socho’uun hindanda’amu. Qajeelfamni kun daa’imman waggaa ja’aa gadiifi namoota dhibee hargansuu mana yaalaatiin mirkanaa’e qaban hinilaallatu.

4. Hojjettootni dhaabbilee mootummaas ta’e dhuunfaa osoo maaskii hinkaa’aatiiniifi fageenya hineeggatiin tajaajila kennuun dhorkaadha. Minjaala tokkorrattis nama sadii oliif tajaajila kennuun dhorkaadha.

– Namni maaskii hinkaa’aannefi fageenya hineeggannes tajaajila argachuu hindanda’u.

5. Dhaabbileen daldalaa kamuu nama maaskii hinkaa’anneef tajaajila kennuu hinqaban.

6. Bakkeewwan hawaasummaa garagaraatti osoo fageenya hineeggatiin dhaabachuunis ta’e taa’uun hindanda’amu.

7. Manneen barnootaa dhuunfaas ta’e mootummaa kamuu qajeelfama ba’e osoo hineegiin tajaajila kennuu hindanda’an.

8. Oolmaan daa’immanii (daycare) kamuu osoo eeyyamni hinkennamiin tajaajila kennuufi qajeelfamoota ba’an osoo hineegiin hojiieegaluun dhorkaadha.

Wantoota dhiibbaa gochuun nurraa eegamu

1. Namni vaayirasichaan qabamuun shakkame kamuu, ittigaafatamummaa sakkatta’aamuufi vaayirasichi namarraa namatti akka hindaddabarreef ittisuu qaba.

2. Namni namni biraa koviid-19n qabamuu shakke Ministeera Fayyaa, Institiyuutii Fayyaa Hawaasummaa Itoophiyaafi dhaabbata fayyaa naannawaasaa jiru kamittuu gabaasuu qaba.

3. Dhaabbileen mootummaas ta’e dhuunfaa tajaajila kennan kamuu wantoota meeshaalee qulqullinaa ittisa vaayirasichaaf ta’an dhiheessuun irra jiraata.

4. Dhaabbileen dhuunfaas ta’u mootummaa kamuu:

– Hojjettootasaaniif odeeffannoo ittisa koviid-19 kennuu qabu.

– Balbalaafi bakkeewwan barbaachisanitti meeshaalee qulqullinaa dhiheessuu qabu.

– Maaskii kaa’achuusaanii mirkaneessuun dirqama.

5. Qaamoleen tajaajila geejiba biyya keessaafi biyya alaa kennanis:

– Imaltootasaanii bu’uura qajeelfama taa’een deddeebisuu qabu.

– Nama maaskii hingodhanne tajaajiluu hinqaban.

– Qilleensi ga’aan akka seenuuf foddaa konkolaataawwan banuu qabu.

6. Kanneen pirojektiiwwan ijaarsaa hojjechiisan:

– Meeshaalee qulqullinaa (maaskii, saanitaayizarii ykn alkolii, bishaan, saamunaa), safartuu ho’ina qaamaafi kkf dhiheessuu qabu.

– Hojjettonnisaanii fageenya eeggatanii hojjechaa jiraachuusaanii mirkaneeffachuu qabu.

7. Hoteeloonnifi dhaabbileen tajaajila turizimii kennan kamuu:

– Hojjettootaafi maamiltootasaanii fageenyi meetira lamaa jiraachuu mirkaneessuu qabu.

– Maamiltoonni maaskii kaa’achuu mirkaneessuufi meeshaalee qulqullinaa dhiheessuun irra jiraata.

– Hojjettonnisaanii malawwan ittisaa hojiirra oolchuusaanii mirkaneessuu qabu.

8. Dhaabbileen mootummaa, dhuunfaa, indastiriiwwaniifi dhaabbileen omishaa:

– Hojjettootasaaniif mala ittisa vaayirasichaarratti hubannoo ga’aa kennuu,

– Balbalaafi bakka barbaachisaarratti meeshaalee qulqullinaafi ittisaa dhiheessuu,

– Hojjettoonni maaskii kaa’achuufi maloota ittisaa kaan hojiirra oolchuu mirkaneessuun irra jiraata.

9. Dhaabbilee qajeelfama kana jalatti tarreeffaman alas dhaabbanni mootummaa ykn dhuunfaa seektara kamirrayyuu jiru qajeelfamicha hojiirra oolchuu qaba.

Reenfa kafanuufi sirna awwaalchaa

1. Ogeessonni fayyaa bakka namni itti du’e jiran:

– Meeshaa namni du’e itti fayyadamaa ture qulqulleessuufi meeshaa barbaachisu maatiif deebisuu,

2. Maatii ykn firrii dhihoo nama du’ee reenfa wiirtuu fayyaa keessaa fudhachuuf:

– Nama du’e waliin tasumaa tuttuuqqii qabaachuu dhiisuu,

3. Namni du’ee yoo wiirtuu fayyaa alatti du’e, sirni awwaalchasaafi sochiin kamuu fageenya meetira lamaa eeguun raawwatamuu qaba.

– Namoonni saanduqa reenfa baatan gilaavii, maaskii, kaapportaa pilaasitikiiraa hojjetameefi bakka barbaachisutti golgaa ijaa kaa’achuu qaba.

4. Maatii ykn firri nama du’ee:

– Saanduqaafi meeshaalee biroo reenfa bakka awwalchaa gaggeessuuf fayyadu dhiheessuu,

– Meeshaalee nama du’e waliin tuttuqqii qaban hunda farra infeekshiniitiin sirnaan qulqulleessuu,

5. Erga sirni awwaalchaa xumuramee booda gilaavii, maaskiifi kaapportaa pilaastikii sana baasanii gatuufi harka ofii saamunaafi bishaaniin sirriitti dhiqachuu,

6. Namni awwalcha deemu kamuu maaskii kaa’achuufi malawwan ittisaa biro hojiirra oolchuu qaba.

Yommuu gaggeessaa reenfaafi sirna awwaalchaa

1. Maatii ykn firri nama du’ee, yoo namichi wiirtuu fayyaa alatti du’e ta’e sa’aatii 24:00 keessatti akka awwaalamu taasisuu,

2. Yoo namni du’e wiirtuu fayyaatti ykn biyya alaatti ta’emmoo maatii ykn firoonni reenfa fudhatan kallattiidhaan gara bakka awwaalchaa geessuu qabu.

3. Namni saanduqa reenfaa baatu kamuu maaskiifi gilaavii godhachuun dirqama.

4. Sirni awwaalchaa namoota 50 hincaalleen gaggeeffamuu kan qabu yoo ta’u, isaanis maaskii kaa’achuufi fageenya eeggachuu qabu.

5. Namni saanduqa baates ta’u, sirna awwaalchaarratti hirmaate kamuu harka saamunaafi bishaaniin dhiqachuu, saanitaayizarii ykn alkooliidhana qulqulleeffachuufi maloota ittisaa biroo fayyadamuun irra jiraata.

Sirna awwaalchaan booda

1. Awwaalaa deebiitti yommuu mana ykn dunkaana keessa taa’amu baay’ina namaa 50 hincaalleen fageenya eeggataniifi maaskii kaa’ataniifi tuttuuqqiirraa bilisa ta’anii taa’uu,

2. Yommuu nyaanni nyaatamus haala namoonni waltuttuqaniin, qulqullina hinqabneefi namni biraa fayyadametti nyaatamuu hinqabu.

3. Namni du’aa ga’ii dhufu kamuu osoo mana ykn dunkaana hinseeniin duraafi yommuu ba’u harkasaa sirriitti saamunaafi bishaaniin qulqulleeffachuu,

Sirna awwaalchaa ilaalchisuun

1. Jaarsoliin ykn namni qajeelfamni ittisa koviid-19 sirriitti hojiirra ooluu to’atu jiraachuu qaba.

2. Abbootiin amantii dirqama maaskii kaa’achuu, fageenya eeggachuu, namoonni sirnicharra jiran 50 caaluu dhabuu mirkaneessuufi namoota barsiisuu qabu.

3. Dhaabbileen fayyaa, poolisiifi kanneen dhimmichi ilaallatu biroon qajeelfamichi hojiirra ooluu to’achuu qabu.

Taateewwan hawaasummaa

Taateewwan hawaasummaa kanneen akka gadda taa’uu, guyyaa dhalootaa kabajuu, guyyaa eebbaa qopheessuu, ayyaana waggaa kabajuufi, baasuufi kkfn miseensa maatiitiin ala bakka namoonni hedduu walitti qabamanitti adeemsisuun dhorkaadha. ‘Maahibar’ baasuunis dhorkaa yoo ta’u, cidhi baay’ina namoota 50 hincaalleen fageenya eeggataniifi mala ittisaa taa’e hordofanii adeemsisuun ni danda’ama.

Walumaagalatti qajeelfamni ittisa kovid-19f ba’e kana qofa osoo hintaane, dhimmoota hiriira ba’uu, filannoo, ayyaanota adababayiirraafi kkf irratti jiran ammoo maxxansa biraatiin kan isin dubbisiisnu ta’a. Hangasitti garuu hanga danda’ametti qajeelfama sodaa qofa osoo hintaane dhibee balaafamaa kana sodaa maloota ittisaa ogeessota fayyaatiin kennaman hojiirra oolchaa of haa eegnu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA Ebla 30 /2013

Recommended For You