Hawanni turistii madda galii biyyaa isa olaanaa ta’us biyyoonni baay’een xiyyeeffannaa waan itti hinkennineef faayidaa argachuu qaban argataa akka hinjirre ogeessonni damichaa ni ibsu. Itoophiyaanis bakkeewwan hawata turistiitiin badhaatus madda dinagdeeshee taasifachuu hindandeenye. Inumaayyuu bakkeewwan hawatoofi dinqisiisoo ta’an hedduun hawatuma turistii ta’uusaaniifiyyuu hubannoo ga’aan hinjiru.
Waggoota muraasaa as erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee garuu ilaalchi damichaaf kenname jajjabeessaadha. Kanaafis pirojektota Finfinneetti ijaaraman kanneen akka Paarkiiwwan Inxooxxoofi Tokkummaa, Addababayii Michummaafaa eeruun ni danda’ama. Kan amalees ikkoo turizimiin Wancii-Dandii, Gorgoraafi Koyishaas akka agarsiiftuutti ni ka’u.
Akka Oromiyaattis yoo ilaalle dhimmichi xiyyeeffannaa olaanaa argateera. Ji’oota muraasa duras dhimmichi of danda’ee akka hojjetamuufis Komishiniin Turizimii Oromiyaa hundaa’eera. Komishinichi ergama qabeenya hawata turizimii Oromiyaan qabdu hojjechuu kan eegale yoo ta’u, nutis dhimma kanarratti hojii komishinichi hojjetaa jirurratti gaafdeebii bal’aa komishinara komishinichaa wajjin taasisne maxxansa keenya Ebla 9 bara 2013tiin dubbistootaaf dhiyeessuun keenya ni yaadatama.
Ammas xiyyeeffannaan damichaaf kenname ittifufuudhaan torban darbe Waldaan Daawwachiiftota Turistii Oromiyaa hundeeffameera. Sirna hundeeffama waldichaa Sanbata darbe Bishooftuutti geggeeffamerratti haasaaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO) Obbo Kabbadaa Deessisaa akka jedhanitti, biyyi tokko qabeenya turizimii qabduurraa fayyadamuu kan dandeessu jalqabarratti yoo qabeenyashee adda baasuu dandadeessedha. Ittaansuun qabeenyicha sirriitti misoomsuu gaafata. Dhumarratti ammoo beeksisuudha.
Hojiin kun ammoo kan mootummaa qofaan milkaa’u osoo hintaane, qaamoleen garagaraa yoo irratti hirmaatan ta’uu eeranii, kanarratti qoodni waldaaleen daawwachiiftotaa qaban olaanaadha; sababnisaas daawwachiiftonni turistii ambaasaaddaroota biyyattii waan ta’aaniif jedhu.
Daawwachiiftonni biyyattii, keessumaa kanneen Oromiyaa keessa jiran haala bittinnaa’een hojjechaa akka jiran kan kaasan hogganichi, qaamolee kanneen walitti qabuun murteessaa waan ta’eef waldaadhaan akka gurmaa’an taasifamuu kaasu. Kunis rakkoo seektarichi qabu ibsuufi furmaata itti kennuuf, hariiroo mootummaafi daawwachiistota gidduu jiru cimsuuf akkasumas, leenjiwwaniifi deggarsawwan garagaraatti fayyadamoo akka ta’aniif kan gargaaru ta’uu dubbatu.
Gama biraatiin Daarektarri Itiyoo Turizim Obbo Silashii Girmaa akka jedhanitti, waldaaleen daawwachiiftota akka biyyaatti gurmaa’anii kan jiran yoo ta’u, damee turizimii tumsuu keessatti hojii bal’aa hojjetaniiru. Daawwachiistonni waldaadhaan gurmaa’uusaaniitiin leenjii argachuuf carraa hojii jirutti fayyadamuu danda’aniiru. Bu’uura kanaan lammiileen miliyoona tokko ta’an carraa hojii argataniiru.
Akka Oromiyaattis yeroo mootummaan damichaaf xiyyeeffannaa addaa kennee socho’aa jiru kanatti waldichi hundaa’uun carraa guddaa ta’uu eeranii, waldaaleen naannicha keessa jiran cimuun faayidaansaa dachaa ta’uu himu. Daawwachiistonnis carraa uumametti fayyadamuun qabeenya biyyattii beeksisaa galiisaanii guddifachuuf hojjechuu akka qaban dhaamu.
Hogganaa Ittaanaan BATO Obbo Hundee Kabbadaa saganticharratti barreeffama marii kan dhiheessan yoo ta’u, isaanis, dameen indastirii dameewwan galii biyyaa olaanaa ta’aa jiran keessaa isa tokko ta’uu eeranii, akka qorannoowwan damicharratti gaggeeffaman ibsanitti, ALA bara 1950tti yaa’insinsii turistii milyoona 25 kan ture yoo ta’u, bara 2018 biliyoona 1.4tti guddateera. Itoophiyaattis bara 1990tti yaa’insi turistii kuma saddeet ture bara 2018tti kuma 800tti guddateera. Akka Oromiyaatti ammoo wayita ammaa kuma 160 qaqqabuu addeessu.
BATOn guddina qabeenyi turizimii naannichaa hojiiwwan hedduu hojjechuu himanii, qabeenyawwan turizimii adda baasuun maastarpilaanii turizimii (‘sustainable tourism development master plan’) qophaa’uufi hojiiwwan piroomishiniis hojjetamuu kaasu. Qabeenyawwan adda baafamanis kan uumamaafi namtolchee akkasumas, kiliyaafi kanneen kiliyaa hintaane ta’uu himu.
Wayita ammaa imaammatiwwaniifi seerawwan, labsiiwwan ba’uunsaanii, caasaan dhimmicha kallattiin hordofu hundaa’uunsaafi wantoonni damicha deggaran qophaa’anii hojiirra oolaa jiraachuun xiyyeeffannaa mootummaan damichaaf kenne kan agarsiisu ta’uu kan ibsan Obbo Hundeen, ta’us ammayyuu hanqinoonni jiraachuu himu.
Akka isaan jedhanitti, imaammatawwaniifi tarsiimoowwan rakkoo damichaa ittifufiinsaan hiikuu danda’an baay’inaan jiraachuu dhabuunsaaniifi kanneen jiranis sirriitti hojiirra ooluu dhabuunsaanii, akaakuufi baay’inni omisha turizimii qulqullina dhabuun rakkoo damichaati.
Kanneen malees, bakkeewwan hawata turistii naannichaa baay’inaan bakka daawwannaa ta’uu dhabuunsaa, humni namaa damicharra jiru ga’aa ta’uu dhabuufi qabeenyi jiru haalaan beeksifamuu dhabuun akka hanqinaatti ka’a.
Dabalataanis, hojiin maarketiingii cimaan dhabamuun, turizimii biyya keessaatiif xiyyeeffannaa kennamuu dhiisuun, qindoominni qaamolee turisimiifi abbootii gahe gidduu jiru laafuun, haalli qabiinsaafi bulchiinsa odeeffannoo waan qaawwa qabuufi kkfn faayidaa damichi argamsiisuu qabu akka hinargamsiifne taasisuusaanii addeessu.
Gama daawwachiiftotaanis hanqinoonni hedduu jiraachuu eeranii, akka fakkeenyaattis, daabbilee hedduun bifa gurmaa’een ijaarmuu dhabuu, qo’annoowwan gabaa wayitaawoo hordofuu dhabuun, muuxannoowwan biyyoolessaa ilaaluu dhabuun isaan ijoo ta’uu kaasu. Tajaajilli keessummeessaa hoteelonni kennanis kan sadarkaa idiladdunyaa eeggate ta’uu dhabuufi humna namaa ga’aa dhabuunsaanii akka rakkootti ka’aa jedhu.
Rakkoolee eeraman kanneen hunda furuun turizimii madda galii olaanaa taasisuun akka danda’amu kan himan Obbo Hundeen, Oromiyaan haala taa’umsa lafaatiin qixa lamaan biyyattiitti argamuun isheemmoo carraa ta’uu addeessu.
Kana milkeessuufis hojiileen hubannoo uumuu, nageenya biyyaarratti hojjechuu, invastimantii turizimiirratti xiyyeeffachuu, eegumsaafi kunuunsa qabeenya turizimiirratti akkasumas, simannaa keessummootaarratti leenjii kennuufi hariiroo abbootii ga’ee cimsuu akka barbaachisu ibsu.
Waldaalee daawwachiistotaa keessaa yaada kan nuu kennan Obbo Katamaa Fufaa, isaan hojicharratti erga bobba’anii waggoota kudhan ta’uufi dameen turizimii utubaa dinagdee biyyaa ta’uu osoo danda’u waggoota hedduuf xiyyeeffannaa mootummaa dhabuusaatiin irratti hojjetamaa akka hinturre ibsu. Ilaalchi jirus Itoophiyaan qabeenya turizimiidhaan kan badhaatedha jedhanii dubbachuu bira kan darbe hinturre miti jedhu.
Biyyattiin rakkoo qabeenyaa osoo hintaane ittifayyadamaa akka qabdu kaasanii, qabeenyi turizmii Oromiyaan qabdu qofti yoo ilaalame utubaa dinagdee olaanaa ta’uu akka danda’u himu. Qabeenyawwan turizimii Oromiyaa keessaammoo utuu Sirna Gadaa qofarrattis hojjetamee wantoota hawata turistii ta’uu danda’an hedduu qabaachuu eeru.
Turus wayita ammaa xiyyeeffannaan kennamuu eegale jajjabeessaafi hamilee kan namatti horu ta’uufi kanaanis bu’aa qabatamaa mul’achaa jiraachuu dubbatu. Waldaaleen qofa qofaatti hojjetanis bakka tokkotti gurmaa’anii hojjechuunsaanii damicha kan cimsu ta’uusaatiin kan jajjabeeffamu ta’u ibsu. Keessumaa rakkoo gama sanaan jiru qofa qofaa deemanii hiikuu yaaluurra gurmuudhaan socho’uun salphaa waan ta’uuf waldaaleefis mootummaafis kan fayyaduudha jedhu.
Waldaa hundeessuu qofti garuu rakkoo jiru kan hiiku waan hintaaneef waltajjiin ittfufiinsa qabu qophaa’uufi yeroo yeroon walarganii rakkoo jiru furaa deemuu akka barbaachisuus Obbo Katamaan ni dubbatu.
Walumaagalatti faayidaa biyyoonni Faraansaay, Ispeen Chaayinaafi kanneen biroo damee turizimiirraa argatan argachuuf xiyyeeffannaadhaan hojjechuufi muuxannoosaanii hordoofuun barbaachisaadha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA Ebla 30 /2013