
Baatuu: Torbee har’aa, Waxabajjii 14 bara 2017 barfata Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa (BDhDDO) Aadde Mabraat Baacaa, Hogganaa Ittaanaa Biiroo Maallaqaafi Qindeessaa Tajaajila Lammmaa Oromiyaa Doktar Mahaammadnaasir Abbaajamaal, Kantiibaa Magaalaa Baatuu Obbo Ahmaddiin Ismaa’el dabalatee dhimmamtoota kaan wajjin Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti qe’ee harmee tokkootti argamneerra.
Qe’ee kanarraa kan mul’atu mana maanguddoo Xajjituu Araddoo jedhamaniiti. Mana mukaafi dhoqqeerraa hojjetame kanarraa maragaansaa harca’aa jira. Qorqorroon qinaaxxisaa waan cicciteef roobaafi aduu keenyannisaa ammoo aduufi qilleensa galcha.
Maanguddoo umriinsaanii waggaa 90 ol ta’e tun oggaa nuti qe’eesaanii geenyu ala taa’anii dargaggoota manasaanii suphuufiif olii gadi jedhan ija abdiitiin ilaalaa turan. Maanguddoo Xajjituun ofii dhala qabaachuu baatanis Uumaasaaniifi bulchiinsa magaalichaa godicha kenneef akkasumas hawaasa naannawaa amma ammoo BDhDDO galateeffachuun jireenyasaanii gaggeessu.
Biirichi kenna tajaajila lammummaa ganna kanaa qindeessummaasaatiin guutummaa Oromiyaatti adeemsifamu godoo maanguddoo tanaa haala haaraadhaan ijaaruufiin jalqabsiiseera. Kanattis daran gammaduusaanii turtii gabaabaa Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin eeraniiru.
“Yeroon dukkanaa sun darbee ifti naa baheera. Dulluma keessa lammata dhaladheera. Namoota mana naa ijaaraa jiran Waaqayyo haa eebbisu. Anaafis umrii kennee manicha keessa akkan jiraadhu na haa gargaaru” jechuun hawwii, miiraafi gammachuu ittidhaga’ame haala garaa nama raasuun ibsaniiru.
Haati warraafi abbaan warraa Obbo Gammachuu Fayyeefi Aadde Caaltuu Teessoo jedhamanis dinagdeedhaan daran miidhamoo akka ta’an haalasaaniirraa hubachuun nidanda’ama. Umrii ga’eessummaa keessatti kan argaman abbaan warraafi haati warraa kunniin ijoolleesaanii afur wajjin mana kutaa tokkoo qinaaxxiinshii margaafi laastikiidhaan aguugame keessa waanuma argatan hojjechaa jiraatu.
Mana aduu malee roobaafi qorra hinittisne keessa ijoollee afur wajjin jiraachuun akka itti ulfaate eeranii; manicha haaressuufis waan humna dhabaniif oggaa ganni dhufu daran yaadda’aa turuu ibsu.
Mannisaanii kun tajaajila lammummaa gannaa qindeessummaa BDhDDOtiin haareffamuufii eegaluusaatti gammachuun ittidhaga’ame guddaa ta’uus eeraniiru. Qaama isaan yaadatee oolmaa kana ooleefis galata dhiyeessaniiru.
Biirichi gamasaatiin ganna baranaatti tajaajila lammummaa qarshii biliyoona 60tti tilmaamamuun namoota miliyoona 13 fayyadamoo gochuuf akka hojjetamu ibseera.
Saganticharratti hoggantuun biirichaa Aadde Mabraat Baacaa akka jedhanitti, hojiileen baay’een fayyadamummaa dubartootaa, daa’immaniifi maanguddootarratti xiyyeeffatan hojjetamaa jiru.
Kanneen keessaa tajaajilli lammummaa tokko yoo ta’u, ganna baranaatti sadarkaa biirootti hawaasa hirmaachisuun hojiin qarshii biliyoona 60 olitti tilmaamamu tajaajila lammummaatiin niraawwatama.
Akka ibsasaaniitti, sagantaa baranaa mataduree, “Harmeef aaragalfii daa’immaniif kunuunsa” jedhuun mana harkaqal’eeyyii ijaaruu, haaressuufi iddoowwan oolmaa daa’immanii ijaaruu dabalatee hojiilee hedduun bakkawwan baay’eetti nihojjetamu.
Bu’uuruma kanaan, dhagaa bu’uuraa iddoo daa’imman ittitaphatan ijaaruuf Baatuutti kaa’ame dabalatee ijaarsi iddoowwan tapha daa’immanii kuma tokkoofi 370 niraawwatama.
Sagantichaan mana harkaqal’eeyyii ijaaruuf haaressuun hojjetameera. Baruma 2017 kana keessa manneen kuma 134fi 615 ijaaruun harmeewwan keenyaaf dabarfamaniiru jedhan.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Obbo Ahmaddiin Ismaa’elis, barana hawaasa hirmaachisuudhaan haadholii 233 oliif mana ijaaraniif haaressanii ittigalchuun akka danda’ame ibsu.
Tajaajila lammummaa keessatti mana haadha hiyyeessaa ijaaruun damee tokko ta’ullee tajaajilichi dameelee hojii 30 ol of keessaa qabaachuufi ijaarsa bakka oolmaa daa’immaniis jalqabsiisuu himu.
Imimmaan haadha hiyyeessaa haquun gatii guddaa kan qabu ta’uusaatiin kutaaleen hawaasaa marti hojii kanarratti akkuma kanaan duraa dammaqinaan hirmaachuu qabu jedhan.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaafi Qindeessaan Tajaajila Lammummaa Oromiyaa Doktar Mahammadnaasir Abbaajamaal ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin tajaajilli lammummaa bara 2012 sadarkaa naannootti akaakuuwwan hojii 10n hojii qarshii biliyoona 13.6tti tilmaamamutu hojjetame jedhan.
Hojichis ta’e hirmaannaan hawaasaa dabalaa dhufuun bara 2017tti akaakuun tajaajila lammummaa gara 58tti, hirmaannaan lammiilee miliyoona 30tti guddachuun hojii qarshii biliyoona 329tti tilmaamamuun namoota miliyoona 23.4 fayyadamoo taasisuun danda’amuu ibsu. Waggoota shanan darbanitti tajaajila lammummaa qofaan hojii qarshii biliyoona 654tti tilmaamamuun lammiilee fayyadamoo gochuun danda’amuus ibsaniiru.
Hojii tajaajilichaan hojjetaman keessaa ashaaraan magarsiisaa, manneen jireenya harkaqal’eeyyii haaressuufi ijaaruu, manneen barnootaafi dhaabbilee fayyaa haaressuu, babal’isuufi ijaaruu, arjooma dhiigaa, galteewwan barnootaa guutuu, nyaata barattootaa dhiyeessuufi maaddii qooduufaan ni eeramu jedhan.
Bara bajataa 2018ttis akaakuuwwan hojii 72n hojii qarshii biliyoona 360tti tilmaamamu hojjechuuf karoorfamuu Doktar Mahammadnaasir beeksisaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017