“Oromoon amma injifannoo argateefi sirna ijaarrate eeggachuuf tokkummaan dhaabachuu qaba” – Aadde Jamiilaa Simbiruu

Finfinnee: Qopheessummaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin pirojektonni aadaafi duudhaa Oromoo ibsaniifi mootummaa naannoo Oromiyaatiin handhuura Oromiyaa Finfinneetti ijaaramaaniifi ijaaramaa jiran dheengadda daawwatamaniiru.

Kaleessa ammoo mataduree ‘Misooma Aadaa ijaarsa biyyaaf’ jedhuun Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi jaarsolii biyyaa waliin Magaalaa Adaamaatti mari’atameera.

Maricharratti waraqaan qo’annoo mataduree ‘Gahee Abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa ijaarsa keessatti qaban’ jedhu Yunivarsitii Arsiitti Daariktara Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo Doktar Mohaammad Namootiin dhiyaateera.

Akkasumas waraqaan qo’annoo haaromsa aadaarratti xiyyeeffatu Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti Daariktara Misooma Sona Aadaafi Seenaa Olaanaa Tashoomaatiin dhiyaateera. Waraqaalee qo’annoo dhiyaatanirrattis marii bal’aan adeemsifameera.

Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu akka jedhanitti, mootummaan naannoo Oromiiyaa aadaafi duudhaan Oromoo sirriitti akka qo’atamuuf Inistiitiyuutii Qo’annoo Qorannoo hundeesseera.

Oromoon dinagdeesaa, abbaa biyyummaasaafi qooda siyaasaa keessatti maluuf mirkaneeffachuuf qabsoo cimaa taasisaa tureen injifannoo boonsaa galmeessiseera. Oromoon amma ammoo injifannoo argateefi sirna ijaarrate eeggachuuf tokkummaan dhaabachuu qaba jedhan.

Hanqinoota jiran furachuufis waliin mari’achuufi nageenya, dinagdee, siyaasaafi barnootarratti hojjechuun akka barbaachisu eeranii; Oromoon injifannoo harkasaa jiru tikfachuu qaba jechuun ibsan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa caba Oromoo suphuuf hojjechaa jiraachuus eeranii; Finfinneetti Irreecha kabajuu eegaluun, uffannaa aadaa Oromoo ifatti baasuu guddinni Afaan Oromoo har’a irra gahe akkasumas muuxannoon mana murtii aadaa akka biy’aatu Oromiyaarraa fudhatamaa jiruufi kkf agarsiistuu ta’uu dubbataniiru.

“Har’a waan hunda seera nuu ta’u baafannee bilisummaan hojjechaa jirra. Hireen biyya bulchuu amma harka Oromoo jira. Hiree kanaafi nageenya eeggachuun ammoo gahee keenya” jedhan.

Haaromsa aadaa jechuun sirna aadaa, duudhaafi safuu ganamaatti deebi’uudha. Siyaasi Oromoo sadarkaa barbaadamurra akka ga’u kan taasisuudha. Haaromsi aadaa kun hojii dhalootaa dhalootatti darbee hojjetamuudha jechuunis ibsaniiru.

Daariktarri Inistitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo Doktar Dirribaa Tarrafaas, aarsaa qaalii kaleessa kaffalameen har’a injifannoo boonsaa arganneera. Bu’aa qabsoo kaleessaa har’a dhandhammachaa jirra jedhan.

Waa’ee aadaa, duudhaafi safuu Oromoo beekuuf Gadaa beekuun barbaachisaadha jedhanii; Gadaan fakkeenya dimokraasii addunyaa waan ta’eef sirnicha eeggachuufi kunuunfachuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

 

Recommended For You