
Finfinnee: Indastiriiwwan waraqaa hanga omisha barbaadamu keessa seenanitti miidiyaan maxxansaa qaala’ina gatii waraqaatiin akka hinbadneef akka utubaman Ministirri Muummee Itoophiyaa ibsan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad marii tibbana bakka bu’oota miidiyaa waliin taasisaniin, keessumaa gaaffii hudhaalee damee miidiyaa maxxansaan walqabatee dhihaateef yoo deebisan, sababa gatiin waraqaa qaala’uutiin miidiyaan maxxansaa akka hinbadne deeggarsi akka taasifamu ibsanii, hanga yoonaas yaalii mootummaan rakkinicha hiikuuf taasise keessaa abbootii qabeenyaa lamaa sadiif tola lafa dhiheessuun indastiriiwwan omisha waraqaa banamuu eeraniiru.
Hanga yoonaa indastiriiwwan waraqaa kan omishan haftee omishawwaniirraa ta’uu eeranii, leecalloowwan barbaachisan fayyadamuun hamma waraqaa omishanitti miidiyaan maxxansaa akka utubamu dubbatu.
Miidiyaa hunda faayinaansiidhaan deeggaruun murteessaa ta’uus kaasanii, baay’innisaanii garuu rakkoo kana furuuf rakkisaa taasisus, hoggantoota naannoleefi Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa waliin ta’uun rakkinichi kan furamu ta’uu himu.
Miidiyaa hundi kan hojjetan biyyaaf waan ta’eef kadhaafi gargaaramummaa jalaa ba’uun qajeelfamaan akka hojjetaniif akka amala hojiifi qabiyyeesaaniitti deeggarsi nitaasifamaaf jedhaniiru. Itoophiyaan mala miidiyaafi kominikeeshinii mataashee akka qabaattuuf hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Indastiriin miidiyaa akka qaama mootummaa afraffaatti ilaalama kan jedhan Doktar Abiyyi, ergamnisaa ijoonis hawaasa dammaqe uumuu akka ta’e hubachiisaniiru. Hawaasni dammaqe faayidaa biyyaalessaasaa, diinasaa, firasaa, fedhasaa, humnasaa akkasumas, ofiisaa beekuu danda’as jedhan.
Gaazexeessitoonni yoo waan isaanitti himamurra ce’anii ilaalle rakkoo uuma jedhanii; gaazexeessaan tokko waan dhaga’e ykn argeef qofa osoo hintaane isa caalaatti ibsuu danda’uu akka qabu himu. Dhimmichi biyyaaf faayidaa akkamii qaba jedhanii ilaaluu akka barbaachisuufi sababaafi bu’aa kan xiinxalu, kan himannaaf hinariifanne ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.
Gaazexeessummaan akka waan lammummaa hinqabneetti ilaaluun sirrii akka hintaane eeranii, akka loltuu, ogeessa fayyaa, barsiisaafi hojjetaa nageenyaa kamuu gaazexeessummaan lammummaa qaba jedhu. Gaazexeessummaan fedhii biyyaalessaa, biyya dhaabatuufi aadaa qabaachuu ibsanii, sana yaadanii hojjechuu akka barbaachisu eeraniiru.
Akka biyyaatti rakkoon fedhiifi faayidaa biyyaarratti waliin dhaabachuu akka mul’atu kaasanii, biyya rasaasa caalaa kan diigu olola waan ta’eef gaazexeessitoonni fedhiifi faayidaa biyyaa bu’uureffachuun dhugaa baasaa biyya badiirraa baraaruu qabu jedhan.
“Miidiyaan looguu kan qabu dhugaafi. Dhugaa Itoophiyaan qamadii baay’inaan omishti jedhu qaamoleen morman jiru. Gaafa wantoonni akkanaa ka’an miidiyaan kallattiilee addaddaarra baba’aanii dhugaa jiru ummatatti agarsiisuu danda’uu qabu. Akkasumas naannummaa jalaa ba’anii dhimmoota afaanota garagaraatiin obbolootasaanii qaqqabsiisanirratti hojjechuu qabu” jechuun ibsaniiru.
Oduudhuma walqabateen mariin Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad torbanoota darbanitti bakka bu’oota kutaalee hawaasa daldalaa, paartiilee siyaasaa, barsiisotaa, ogeeyyii fayyaa, ogeeyyii aartiifi ogeeyyii miidiyaa waliin taasisan bu’aqabeessa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Mariiwwan kunneen fedhiiwwaniifi rakkoolee gama dameewwan maraa jiran Ministira Muummeef dhiyeessuuf carraa kan uuman, dhimmoonni yeroo gabaabaatti furamuu danda’anirratti kallattiin kan ittikaa’ameefi dhimmoota yeroo dheeraatti furamanirratti ammoo karroorri qabamuu eereera.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017