
Dhalate kan guddate Godina Walaayittaatti yommuu ta’u sirboota aadaafi ammayyaa afaanota garagaraan sirbaman kanneen gurra keessa darbuun dhuka nama seenan duuba kan jiru Dargaggoo Kaamuzuu Kaasaati. Dargaggoon kun umurii dargaggummaasaatti sadarkaa Itoophiyaafi Afrikaatti dandeettii muuziqaa qindeessuun beekamtii guddaa gonfateera.
Kaamuzuun turtii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka jedhetti, Sirba Artist Hacaaluu Hundeessaa ‘‘Eessa jirta” jedhu dabalatee siboota Artistoota Oromoo kanneen akka Doktara Kabajaa Alii Birraa, Sayyoo Dandanaa, Abbush Zallaqaa, Adam Mahaammadiifi kanneen biroo qindeessuu keessatti qooda fudhateera. Hacaaluu Hundeessaa nama aartiif dhalate kennaa walaloofi yeedaloo adda ta’e qabu akka ta’e dubbata. Hacaaluun namoota sagalee hinqabneef sagalee ta’uu qofa osoo hintaane ilaalcha inni dhala namaaf qabuufi hawwiin guddina biyyaa keessasaa ture daran onnachiisaa ta’uufi Hacaaluun goota jaalalaafi mootii aartii ta’uusaan hiriyyoota gaarii akka turan yaadachiisa.
Akka Kaamuzuun jedhutti, uumaan ganama gaafa dhalatan waan ittiin addunyaa kanarra ittiin jiraataniifi ofirra darbanii namoota biroof furmaata ta’an waliin nama uuma. Rakkoon namoota baay’ee garuu kennaasaanii wallaaluudha. Inni dhalatee sadarkaa daa’imummaatti aartii keessatti waan of argeef akka daa’imman biroo mana barumsaatti yookiin hawaasa gidduutti “Barsiisaa, poolisii, injiinara, balaliisaa, doktara..” jechuun abjuu fuulduraa ibsachuuf hindhamaane. Garuu artistii beekamaa akka ta’u of amansiisuun yeroo itti hinfudhatne.
Maatiinsaa hedduun aartiirraa fagoo waan hinjirreef mul’atasaatti gufuu hintaane. Ta’us obboleessisaa angafni fedhii aartii keessasaa bule dhaamsuun kallattii biroorra akka socho’u isarratti dhiibbaa uumuuf yaalus ejjennoosaarraa waan duubatti deebi’uu dideef innumtuu milkaa’inasaaf tumsuu eegale.
Maatiinsaa hordoftoota amantaa pirotestaantii waan ta’aniif artistii akka inni ta’uuf fedhii qabaachuu baatanis garuu ammoo mul’atasaa karaatti hanbisuuf dhiibbaa guddaa akka irratti hinuumne ibsee; innis mul’atasaa dhugoomsuuf waanuma naannoosaatti argamu kiraaraan muuziqaa taphachuu eegale. Kiraara taphachuun dandeettii olaanaa kan gonfate Kaamuzuun boodarra carraa meeshaalee muuziqaa ammayyaa biroo barachuu argate. “Nama of gargaaru Rabbis ni gargaara” akkuma jedhame barnoota meeshaalee muuziqaa kanaan yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina guddaan xumure.
Boodarras ogummaa qabu kanatti qixa sirriin fayyadamuuf carraa fooyya’aa barbaacha gara Finfinnee dhufe. Akkuma dhufeen durumaanuu beekamtii namoota hedduu waan qabuuf sirboota afaan garaagaraa qindeessuu eegaluun hanga har’aatti walleewwan miira namaa hawwatan duubaan ashaaraasaa kaa’uu itti fufee jira.
Industirii muuziqaafi fayyadamummaa artistootaa
Industirii muuziqaa jedhamuu baatus sirbootni aadaafi ammayyaa ciccimmoon artistoota qaxaleen hawaasa dhaqqabaa jiru. Haa ta’u malee, sirbi dhamaatii guddaan qophaa’uufi baasii hedduun itti ba’u Itoophiyaa keessatti hawaasni bilisaan fayyadamaa jira. Mirgi abbummaa kabajamuu dhaabuunsaa Itoophiyaa keessatti industiriin muuziqaa akka qancaru taasisuu qofa osoo hintaane gootonni aartii bu’aa dadhabbiisaaniirraa akka hinfayyadamne taasiseera. Jireenyaa weellistoota angafaa kanneen akka Xilaahuun Gassasaa, Doktara Kabajaa Alii Birraafi Mahaammud Ahimadifaa wayita ilaalamu wareegama guddaafi dadhabbiirraa kan hafe kan fakkeenyummaa qabu miti. Biyyoota biroo keessatti hojii aartiifi artistoota guddisuuf yoo xiqqaate mirga abbumma/copyright/ ilaalchisee seerri cimaan hojiirra oola.
Ammaan tana ammoo guddina teknolojiin walqabatee namni hunduu mobaayila harkarraa qabuun salphaatti sirba bilisaan akka fayyadamu carraa gaariin uumamee jira. Seerri mirga abbummaa hojiirra oolee namni koppii akka hindhaggeeffanne taasisuun miidiyaa hawaasaarratti to’annaan taasifamuu baannaan egereen aartii biyyattii rakkoo hamaa keessa bu’uu danda’a jedheera.
Gama artistootaanis sirba barootatti ce’u itti yaadanii qopheessuun hawaasa biraan ga’uuf haala rakkisaa jiruuf osoo hinjilbeeffatin kutannoon hojjechuu qabu. Hawaasni sirba dadhabbii guddaan ba’u kana qabeenya biyyaa ta’uu baruun artistoota cina dhaabbachuu qabu. Sirba dadhabbii guddaa booda miidhagee ba’e dhaggeeffachuun artistoota jajjabeessuunis barbaachisaa ta’uu yaadachiiseera.
Hojii tola ooltummaa ilaalchisee Kaamuzuun akka jedhetti, kaayyoon gara addunyaa kanaa dhufuu namoota gargaaruun hojii hiika qabu hojjechuudha. Nama gargaaruun dirqama qarshii qofaan osoo hintaanee ogummaa dabalatee waan qaban hundaani. Jireenya addunyaa gabaabduu kana keessatti walgargaaruufi gaarii waliif yaaduu caalaa kan nama gammachiisu hinjiru. Kan rakkate rakkina keessaa kan ba’u garaan waliif hoo’u yoo jiraate qofa. Guddinni biyyaas harka maratanii taa’uun osoo hintaane kennaa qabaniin dammaqinaan dhimma biyyaa keessatti hirmaachuun akka ta’es hubachiiseera. Gama kanaan hojii tola ooltummaa garaagaraarratti hirmaachuun dargaggootaaf fakkeenya ta’aa jiraachuus dubbateera.
Nageenyaafi misooma biyyaa keessatti eenyurraa maaltu eegama?
Akka Kaamuzuun jedhutti, Itoophiyaan daandii guddinaa namni kamuu arguufi dhugaa ba’uu danda’u qabattee jirti. Guddinni dhufaa jiru kunis taa’anii hawwuun osoo hintaane hojii halkaniifi guyyaa hojjetamaa jiruuni. Keessattuu, Ministirri Muummee Itoophiyaa biyya kana guddisuuf hawwii qabaniirra kan ka’e wayita guddaa ifaajaa jiran kanatti hunduu maal gumaachaa akka jiru of gaafachuu qaba. Hojiin hojjetamaa jiru biyyoota ollaaf osoo hintaane guddinaafi jijjiirama Itoophiyaanotaaf waan ta’eef gumaatni nama hundaa yeroo kamuu caalaa kan barbaachisu ta’uu dubbata. Gama kanaan dargaggootni egereen biyyaa harkasaanii waan ta’eef nageenya, misoomaafi hojii tola ooltummaarratti dammaqinaan hirmaachuun seenaa ajaa’ibaa bor galmaa’uuf kaayyeffatamerraa hirmaattuu akka ta’anis dhaamera.
Aadaa hojii jaallachuu ilaalchisee Kaamuzuun akka jedhetti, yoo fedhiifi kutannoon laafe malee hojiin tuffatamuufi filatamu hinjiru. Hojii irratti bobba’an tokko kaayyoo, fedhiifi kutannoon hojjetnaan hojiin hunduu daandii guddinaafi madda jireenyaati. Qabeenya guddaa uumaan namaaf kenne sammuu waan ta’eef sammuu ofii qixa sirriin itti fayyadamuu barbaachisa. Sammuun qixa sirriin hojjetu dandeettii / kennaa ofii akka sakatta’anii argataniif nama gargaara jedheera.
Namootni Kaamuzuu yeroo ammaa sadarkaa guddaafi beekamtii gonfachuusaa malee baadiyyaa ibsaanuu keessa hinjirre keessaa sammuu ifaan dhadha’atee as ga’uusaa hinbeekan jedhee; as ga’uusaatiif gargaarsi nama tokkoo iyyuu keessa akka hinjirre hima. Kaayyoo ka’an bira ga’uuf sababa tarreessuurra kutatanii hojjechuun dhimma murteessaa ta’uu hubachiiseera.
Sababoota hedduu dhiyeessuun nama kashalabbeefi kufaa ta’uu osoon yaadee namni na caalu hinjiru jedhee; garuu sababoota isa sakaaluun kaayyoosaarraa boodatti isa deebisuu yaalan hunda akka carraatti fayyadamuun sadarkaa har’a irra jiru ga’uusaa hubachiiseera. Keessummattuu addunyaa rakkoon itti hammaatu keessatti dargaggeessi sababa tarreessuun ce’uu waan hindandeenyeef jabaatee hojjechuu akka qabus dubbata.
Hojii muuziqaafi tola ooltummaan beekamtii garaagaraa kan gonfate Kaamuzuun ammas pirojektoota hedduu of harkaa akka qabu hubachiiseera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017