Ilaalcha siyaasaa garagaraa qabaachuun diina walii ta’uu miti

Ilaalcha siyaasaa garaagaraa qabaachuun mallattoo qaroominaa yaada fooyya’aan ummatatti ittiin gadiba’an malee kan ittiin diina walitti ta’an miti jechuun Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa ibsite.

Gaazexeessituu Masarat Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsitetti, ilaalchota siyaasaa garagaraa qabaachuun abaarsa osoo hintaane siyaasa qaroomaadha. Garuu ammoo akka biyyaattis ta’e Oromootti wanti gaaga’ama guddaa fidaa jiru ilaalcha “Ana malee, ana qofa” jedhuudha.

Garaagarummaa ilaalcha siyaasaaf waggoota jijjiiramaa as qofa oggaa ilaallu dararri dachee Oromoorratti raawwatame daran suukanneessaadha. Har’as akka biyyaattis ta’e sabaatti rakkoo nageenyaa keessaa daguuggatanii ba’uun hindanda’amne. Yeroo baay’ee bakka rakkoon nageenyaa bal’inaan ittimudatetti walii birmachuun bal’inaan mul’atus bakkawwan tokko tokkotti ammoo dararri murna seeraan ala hidhatee socho’uun ummatarra ga’u sagalee hinargatne. Gaazexeessituun Masarat Godinaalee Arsiifi Shawaa Kaabaa akka fakkeenyaatti eerteetti.

Akka isheen jettutti, siyaasni sagalee Rabbii osoo hintaane qajeeltoo hawaasni tolfatee ittiin walbulchu waan ta’eef ilaalcha paartii tokkotti qofa cichuun dirqama miti. Addunyaa tarkaanfachaa jirtu keessatti siyaasa tarkaanfataa dantaa ummataa kabachiisu hordofuun barbaachisaadha. Inni bakkuma kaleessaa jirus hanga mirga isa kan biraa hinmiinetti golgaa seeraa jalatti waan isatti fakkaate hordofuufi duukaa bu’uun mirgasaati. Kan koo malee jedhanii walharkisuun barbaachisaa miti.

Oromoon waliisaa malee fira dhugaa akka hinqabne yaada yeroo kamuu dagatamuu hinqabneedha kan jettu Gaazexeessituun kun; Oromoon carraa argate kunuunsaa, obsaafi gorsaan fudhatee hince’u taanaan, kufaatiin as adeemu kan Oromoo qofa osoo hintaane gaaga’ama biyyaa ta’uu ibsiteetti. Kalesessa ilaalcha siyaasaa adda ta’e qabaattus hojii gaariin amma hojjetamaa jiru akka amantuufi tumsitu ishee taasisuus dubbatteetti.

Kana malees, biyya sabdaneettii taate keessatti gaaddisa federaalizimii jalatti faayidaan Oromoo karaa guutuun akka kabachiifamu qabsaa’uun waan fudhatama qabudha. Haa ta’u malee, Oromootu biyya bulcha jedhanii gaaffiin Oromoo qofti akka deebi’u eeguun orma birattis dallansuufi shakkii inni uumu hubachuun gaariidha. Biyya guddoo fedhii garaagaraa qabdu miti maatii bal’aa bulchuunuu ulfaataa waan ta’eef walii yaaduun barbaachisaa ta’uus ibsiteetti.

Hundaa ol, gaaffiin Oromoo gaaddisa marii biyyaalessaa jalatti akka deebi’uu gaaffilee Oromoo waltajjii ajandaan marii walitti qabuurratti dhiyaaterratti hirmaachuun akka mirkaneeffattes dubbatteetti.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

Recommended For You