
Baatuu: Yeroo dheeraaf bakka gataa kosiifi balfaa kan ture harri Danbal miidhaa irra gahaa turerraa baraaramee guyyaatti galii qarshii kuma 20-70 galchaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Baatuu beeksisan.
Kantiibichi Obbo Ahmaddiin Ismaa’el turtii addatti dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin waajirasaaniitti taasisaniin misoomni qarqara hara Danbaliif taasifamuu hordofee guyyaatti qarshii kuma 20 hanga kuma 70 argamsiisaa jiraachuu dubbatu.
Sochiin galii magaalattii haricharraa waggaan argamu miliyoona torba qaqqabuu himanii; namoonni bashannanaafi sagantaa cidhaaf fagoo deemaa turan Danbalirratti keessummaa’aa waan jiraniif galiin dachaan akka dabalu taasisuu eeraniiru.
Akka ibsasaaniitti, muuxannoo kanaan dura haroo Haramayaarratti argame hubannoo keessa galchuun kunuunsaafi ijaarsa taasifameefiin farra fayyaa ta’uurraa baraaramee namoota kuma shanii oliif carraa hojii dhaabbiin uumeera.
Yeroo ammaattis guyyaatti namoota 1000-5000 keessummeessa kan jedhan kantiibichi; madda nyaata guyyuu, bu’uura dinagdeefi soorqalbii dhala namaa ta’uus eeraniiru.
Misooma qurxummii dargaggoota hedduuf madda galii ta’e addatti yoo ilaalle guyyaatti qurxummiin miiliyoonaan lakkaa’amu gabaaf dhiyaachaa jira jedhan.
Hawaasnis haroon Danbal miira kankooti jedhuun qulqullinasaa eeguufi eegsisuun ofiifis ta’e gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa taphataa jiraachuus himaniiru.
Marsaan lammataa misoomnaan dargaggoota kumaatamaaf dabalataan carraa hojii akka uumu ibsanii; hawaasni Baatuu jaalala ta’e kun tokkummaasaa cimsachuun nageenyasaa mirkaneeffatee warraaqsa dinagdee eegalame saffisiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Misoomni qarqara Hara Danbal marsaan jalqabaa guutummaatti xumuramee tajaajila kennaa kan jiru yoo ta’u; tuuristiifi sagantaa bashannanaa akkasumas namoota cidha qabaniif addatti tajaajila si’ataa akka kennu himaniiru.
Harri Danbal lafa hektaara kuma shantamarra qubateeruufi soorqalbii dhalootaa ta’e kun magaalaa guddoo Oromiyaafi Itoophiyaa Finfinneerraa fageenya kiiloo meetira 163rratti kan argamu yoo ta’u; tajaajila sagantaa bashannanaafi cidhaas gatii madaalawaan kennaa jiraachuu beeksisaniiru.
Misoomuun harichaa jiruuf jireenya dargaggoota kuma shanii jijjiiruu kan kaasan kantiibichi; boqonnaan 2ffaasaa waggaa dhufu carraa hojii dachaa bana jedhu.
Dargaggoota hara Danbalirratti gurmaa’uun qurxummii waadduun jiruufi jireenyasaanii fooyyessan keessaa Shamarree Zuuriyaashwarqi Girmaa ishee tokko.
Kutaa 12ffaa xumurtee qabxiin akka hindhufneef himtee; yeroo ammaatti carraa kantiibaan magaalaa Baatuu uumanitti guyyaatti galii hanga 1000 argachaa jiraachuu dubbatti. Carraan hojii uumameefi kun eeggattummaa jalaa ishee baasuus himtee, ofirra dabartee maatiishii gargaaraa jiraachuu eerti.
Dargaggoonni umrii hojjechuu qabanitti warraaqsa dinagdee keessa seenuun hirkattummaa kan dhabamsiisan waan ta’eef sochichi dargaggoota kaanis hammachuu akka qabu dhaamteetti.
Dargaggoo Malaakuu Iddeesaas gamasaan hiriyootasaa waliin qarqara hara Danbalitti mana nyaataa qurxummii banuun guyyaatti galii guddaa argachaa jiraachuu hima.
Bu’uuruma kanaan yeroo ammaatti kaappitaallisaanii miliyoona 1.5 qaqqabuu himee, yoo tajaajilli liqaa mijateef bakka biraatti damee daldala nyaata qurxummii banuuf qophaa’uu kaaseera.
Tarkaanfii jiruufi jireenya dargaggootaa jijjiiruuf kantiibaan magaalaa Baatuu fudhataa jiran kan nama onnachiisu ta’uu himuun; dargaggoonni carraa kanatti fayyadamanii kutannaan hojjechuun ofis biyyasaaniis jijjiiruu qabu dhaamsa jedhu dabarsaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017