Dhaabbileen 169 bittaa qarshii biliyoona 500 karaa elektirooniksii raawwatan -Dhaabbileen 62 odiit taasifamaniiru

Finfinnee: Bara bajataa 2017tti dhaabbileen 169fi dameeleensaanii tokko tokko karaa elektirooniksii bittaa qarshii biliyoona 500 raawwachuu Abbaan Taayitaa Bittaafi Horataa Mootummaa Federaalaa beeksise.

Daarektarri abbaa taayitichaa Aadde Masarat Masqalee, qorannaa raawwii hojii bara bajataa 2017 ilaalchisuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Kibxata darbe galma Ministeera Maallaqaatti marii taasiserratti akka jedhanitti, abbaan taayitichaa bara bajatichaatti milkaa’ina hojiisaaf jecha tumaalee seeraa addaddaa hojiirra oolcheera.

Kunneen keessaa inni ijoon hojmaata abbaa taayitichaa elektirooniksii taasisuudha jedhanii, haaluma kanaan dhaabbileen 169fi dameeleensaanii tokko tokko karaa elektirooniksii bittaa raawwachuu himaniiru. Qajeelfamni bittaawwan harataa, qorichootaafi meeshaalee wal’aansaa, dhaabbilee misoomaa ragga’es hojiirra ooleera.

Sirni elektirooniksii kun hojiirra ooluunsaa komiiwwan dhiyeessitootarraa dhufaniif akka deebiin siistamaan kennamu, gaaffiileen oliyyaannoo, yaadotaa addaddaa kennaman, eeruuwwan hojmaata badaarratti dhiyaatan, gaaffiileenis sistamaan akka dhufaniif hojiilee foyya’inaan hojjetamuu Aadde Masarat ibsaniiru.

Kanas caalaatti fooyyessuun bara bajataa 2018tti hojiileen dhaabbilee garagaraa waliin hojjetaman guutummaatti karaa elektirooniksii akka ta’an dubbataniiru. Kunis rakkoolee bulchiinsa gaariifi hojmaata badaa, akkasumas malaammaltummaa guutummaatti kan furuudha jedhan.

Kana malees abbaan taayitichaa hojii odiitiifi hordoffii kan hojjetu ta’uu himanii, haaluma kanaan bara bajataa 2017tti dhaabbilee 62rratti hojiin odiitii hojjetamuu eeraniiru. Odiitiin kun kan uwwisu bittaa dhaabbileen raawwataniifi qabiinsa bulchiinsa horataasaanii adeemsa seeraa hordofuunsaa kan ilaalamuudha jedhan.

Dhaabbilee 50 odiitii bara darbe taasifame fooyya’uusaaniifi eeruuwwan 16 dhiyaataniifis odiitiin hordoffii taasifamuu daarektarittiin ibsaniiru.

Walumaagalatti bara bajataa 2017tti bittaan biliyoona 500 dhaabbileedhaan karaa elektirooniksii raawwatamuu eeranii, kunis waliin dhahiinsa, hattummaafi dokimantoota dogoggoraa hanbisuun, iftoomina, hojmaata gaarii, ittigafatamummaa sirnaan bahachuufi hojiilee si’eessuuf gahee olaanaa akka gumaache himaniiru.

Bara bajataa 2018tti hojiilee karoorfaman keessaa inni ijoon sirna elektirooniksii guutummaatti hojiirra oolchuudha jedhanii, dhaabbileen muraasaafi dameeleensaanii sirna elektirooniksiitti akka seenan eeraniiru.

Dabalataan dhaabbilee 82 ta’anirratti odiitii seeraa, 50rrattimmoo odiitiinn hordoffii taasisuuf karoorfameera jedhanii; leenjii kennuu, pilaatfoormiiwwan tajaajila kennan milkaa’uusaanii hordofuu, komiiwwaniifi eeruuwwan hawaasarraa dhufan fudhachuu, adda baasuufi walittidhufeenya tajaajilamtoota waliin jiru caalaatti guddisuun hojiilee ittaanaan ta’uu himan.

Wayinisheet Kaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

Recommended For You