Buunnoo Beddelleetti hojiin badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuu milkaa’aa jira

Mootummaan Itoophiyaa keessumaa waggoota jijjiiramaa darbanitti seenaa hiyyummaa biyyattiin barootaaf keessa turte keessaa baasuun badhaadhina qabatamaa mirkaneessuuf hojiilee lakkaa’amaniifi bu’uura ta’an ciccimoo qaamoleen alaa dhimmi ilaallatu ragaa bahaniif hojjetaa jira.

Keessumaa lafee dugdaa dinagdee biyyattii kan ta’e qonna hundeedhaa jijjiiruun ummatashii midhaan nyaataatiin of dandeessisuudhaan hirkattummaa dinagdee jalaa baasuuf kallattiin kaa’amee gama hundaan tattaaffii cimaan taasifamaa jira.

Akka Oromiyaattis kallattii ka’ame hordofuun hojilee jajjabeessoon hojjetamaa jiru. Inisheetivoota ce’umsa dinagdee 300 ol qorachiisuun hojiitti kan seene yoo ta’u, yeroo ammaa inisheetivoonni qonnaa 28 hojii keessa jiru.

Inisheetiviiwwan qamadii, avokaadoofi, ruuziifaa naannawawwan kanaan dura itti omishamaa hinturretti babal’isuu dabalatee bu’aa gaariin argamaa jira. Gaazexaan Bariisaas hojiin gama hirkattummaa dinagdee jalaa bahanii badhaadhina maatii darbees biyyaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru maal akka fakkaaturratti baatii Bitootessaa darbe Bulchaa Ittaanaa Godina Buunnoo Beddellee Obbo Girmaa Fiqaaduu wajjin waajjirasaaniitti gaafdeebii ittaanu taasiseera.

Bariisaa: Muuxannoo hojii keessaniirraa haa eegalluu?

Obbo Girmaa: Gara barcuma kanaa bara 2014n dhufe. Bulchaa ittaanaa ta’ee tajaajiluun waggaa afraffaa keessan jira jechuudha. Ka’umsi koo barsiisummaadha. Ittaansee godinuma kana waajjiraalee IMXfi carraa hojii uumuu ittigaafatamaa ta’uun tajaajileera. Walumaagalatti waggoota kudha sadan tokkoof ittigaafatamummaadhaan hojjedheera.

Bariisaa: Godinni Buunnoo Beddellee aanaalee meeqa qaba, caasaanumtisaa waliigalaa maal fakkaata? Qabeenyi uumamaasaa hoo?

Obbo Girmaa: Godinni Buunnoo Beddellee ji’a Adoolessaa bara 2008 hundaa’e, aanaalee baadiyyaa sagaliifi magaalaa tokkoofi gandoota baadiyyaa 252 of jalaa qaba. Sabaafi sablammiin godina kana keessa hinjirre hinjiru jechuun nidanda’ama. Amantiileenis akkasuma. Hunduu ummata walkeessaa fuudhe, walitti heerumsiifate, mootummaasaa cinaa dhaabatuufi waldanda’ee jireenyasaa gaggeeffatuudha.

Ummata irrajireessaan qonnaan buluufi hojiilee misoomaatiinis beekamuudha. Ummata miliyoona 1.2 qaba. Qilleensisaas bal’inaan baddadareedha. Godinichi bal’ina lafaa iskuweer kiiloomeetira kuma shaniifi 906 irra qubateera.

Godinni Buunnoo Beddellee Godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Boor, Wallagga Lixaafi Wallagga Bahaatiin daangeffama. Godinichi poteenshaalota adda addaas qaba. Godinaalee kallattii lixaatti argaman keessaa Buunnoo Beddelleen omishaalee boqqoloofi xaafiitiin daran beekama.

Jijjiiramaa as ammoo inisheetivoota mootummaan bocee gadi buuse keessaa baay’eensaanii oyiruu qonnaan bulaarratti hojiirra oolaa jiru.

Bariisaa: Keessumaa sochiin gama dinagdeetiin taasifamaa jiru maal fakkaata? Tattaaffii hawaasa hirkattummaa jalaa bahee dinagdeedhaan of danda’e uumuuf taasifamaa jiru otoo nuu ibsitanii?

Obbo Girmaa: Godinni keenya poteenshaalota adda addaatiin daran kan badhaadheedha. Gama dinagdee baadiyyaatiin yoo ilaalle godinni oggaa hundaa’u lafa hektaara kuma 130 qofatu qotamaa ture.

Kallattii ministirri muummee lafti kamuu agabuu buluu hinqabu; qotamee omisha kennuu qaba jechuun kennanirraa ka’amee carraawwan jiran sakatta’uun hojiitti seename.

Sababiinsaas erga lafa bal’aa qabaannee hojjechuu qabna jennee ogeessota bobbaasne. Eessatti, maaltu bakka kamiif ta’a kan jedhu qo’annoodhaan adda baasnee hojiitti seenne.

Kunis dinagdee baadiyyaafi qonnaan bulaa guddisuufi akka ummanni dinagdeedhaan irree godhatu gochuuf akkasumas omishaafi omishtummaa guddisuu keessatti waan gahee qabuuf kanarratti haa xiyyeeffannu jennee lafa kana qonne. Lafa hektaara kuma 482 qotamee (bonaafi ganna) omishaalee akaakuuwwan adda addaa biilaa, agadaa, kuduraafi muduraa dabalatee qotamee uwwifameera. Kanarraa kuntaala miliyoona 18 walitti qabna jennee karoorfanneerra.

Kana keessatti godinni keenya kanaan dura omishawwan adda addaatiin bal’inaan hinbeekamu. Inisheetiviiwwan baadiyyaa 28 keessaa 26 godina keenyatti qabatamaan aanaaleetti hojiirra oolaniiru. Kunis dinagdeefi jiruufi jireenya ummata keenyaa jijjiiruu keessatti shoora qaba jedhamee xiyyeeffannaa olaanadhaan irratti hojjetamaa jira.

Labsiin ruuzii bara 2015/16 Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan labsame Godina Buunnoo Beddelleetti. Godinichi sana dura omisha ruuziitiin hangana hinbeekamu.

Aanaa gammoojjummaa qabu, Cawwaaqaatti waa eegalamee ture. Kanaan ala omishni ruuzii asitti hinbeekamu ture. Bara darbe erga asitti labsamee ruuzii qofa lafa hektaara kuma 175 qonne. Omishni kuntaala miliyoona torbas argameera.

Ammas babal’isuu qabna jennee barana hektaara kuma 283 kan qonne ruuzii qofa. Kun jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruufi hirkattummaa keessaa baasuu keessaa bahee akka of danda’u gochuuf gahee olaanaa qaba.

Kun waggoota afuriifi shan dura hinturre. Ruuzii hektaara kuma 30 irratti omishuu eegallee har’a kuma 280rra geenyeerra. Lafti hojiin ajaa’ibaa kun irratti hojjetameefi ummanni hojii dinqisiisaa kana hojjete kaleessas achuma turan.

Amma waan irratti xiyyeeffatamee hojjetameef garuu bu’aa guddaan kun argameera. Qonnaa bulaan ruuzii lafa hektaara 20 irraa omisha kuntaala 900 argate jira. Kun qonnaan bulaa keenya of dandeessisuu, qusachuufi isa qusate ammoo gara invastimantiitti akka ce’u akkasumas hojdhabdummaan akka hir’atu gochuu keessatti shoora olaanaa qaba. Walumaagalatti omishni ruuzii godina keenyatti bu’aqabeessa ta’eera.

Gama kaaniin Itoophiyaan sirnoota darban keessa qamadii alaa galchaa akka turte nibeekama. Paartiin Badhaadhinaa garuu waggoota jijjiiramaa darbanitti dhimmichaaf xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan akkaatuma poteenshaala biyyattiin qabduun geddaruu qabna jedhee yaa’iisaa tokkoffaarratti kallattii kaa’een seenaan sun jijjiirameera. Kana keessattis gaheen godina keenyaa salphaa miti; kanaan dura qamadiin bonaa godina keenyatti bal’inaan beekamaa waan hinturreef. Ummanni kallattii lixaa kun qamadii bonaa shaakalaa hinturre; hinbeekus. Nishaakalla jenne kan jalqabnes lafa hektaara 378 irratti. Poteenshaalasaa ilaallee gara kuma torbaatti guddisne.

Waggaa sadaffaarratti heektaara kuma 16 geenye. Haaluma kanaan dabalaa dhufnee bardheengaddaa hektaara kuma 128 qonne. Kanarraa callaa kuntaala miliyoona 3.5 arganne. Kunis gahaa miti jedhamee barana lafa hektaara kuma 201 niqonna jennee karoorfannee keessaa kuma hektaara 154 qonneerra.

Hojiileen kunniin namni yoo xiyyeeffatee hojjete hirkattummaa keessaa bahee dinadgeedhaan akka of danda’uuf agarsiistuudha. Of bira darbeellee dinagdee biyyaa utubuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata. Godinni kun kanaan dura omisha boqqollootiin beekama.

Hojii gama omisha boqqollootiin aanaalee Daaboo, Gachii, Boorrachaafa’itti hojjetamaa jiru gareen deggarsaa federaalaa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti Ministira Ittiwaamamaa Mootummaa Doktar Tasfaayeetiin hogganamu ilaalee daran ajaa’ibsiifateera.

Godinichi kanaan dura boqqolloo qotus xiyyeeffannaan addaa kennameefii irratti hojjetamaa hinturre. Waggoota muraasa as garuu xiyyeeffannaa olaanaan kennameefii hojjetamaa jira. Baranumallee lafa hektaara kuma 64 niqonna jennee karoorfannee karooraa ol lafa hektaara kuma 79 qonne; callaa kuntaala miliyoona afur argachuuf.

Jiddugaleessaan omishtummaansaa hektaaraan bakka tokkoo 55 hanga 60tti darbees kan kuntaala 80 argates jira. Abbootiin qabeenyaa adda addaas sanyii baay’isuurratti bobba’anii hojjetaa jiru. Omisha asitti omishamu asumatti warshaadhuma daakuullee dhaabuudhaan qindeessuuf yuniyenonni tattaafachaa jiru. Kun hojii akka jalqabbii tokkootti ilaalamuudha.

Godinaalee Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Booriifi Jimmaatti inisheetivii baala shaayiirrattis xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jira. Omisha baala shaayitiin seenaa Itoophiyaa keessatti Gumaroofi Wushwush malee hinjiru. Garuu agroo ikolojiin godinaalee kanneenii yoo ilaalame mijatoodha.

Kanarraa ka’uunis bardheengaddaa akka shaakalliitti eegalle. Mul’ata ministira muummee keenyaafi ergama pirezidaantii naannoo keenyaatiin nuu kenname fudhannee Buunnoo Beddellee, aanaalee lamatti dhaabneerra.

Barana ammoo biqiltuu baala shaayii miliyoona 200 dhaabuuf karoorfannee hojjetaa jirra. Kanarraas waggoota lama booda ummanniifi biyyi nifayyadamu. Kana cimsinee ittideemna. Inisheetivoota baadiyyaa hundarra kan akka baala shaayii cimu hinjiru.

Hojiichi bajata guddaafi humna nama baay’ee barbaada. Hojiin kun akka inisheetivoota kaanii qaamolee muraasaan kan keessaa bahamu waan hintaaneef qaamolee hawaasaa hundi hirmaataa jiru. Kanarratti jalqabbiifi hirmaannaan jiru abdachiisaadha. Karoora imala badhaadhinaa milkeessuuf qabanne keessatti gaheensaa laayyoo miti.

Buunnoo Beddelleen omisha bunaatiinis nibeekama. Aanaalee baadiyyaa sagal qabnu keessaa afur bunaan daran beekamu. Lafa qonnaa akka waliigalaatti qabnu keessaa harka 23 aguugee kan jiru buna. Kunis lafa hektaara kuma 130 jechuudha. Achi keessaa aanaaleen Cooraa, Gachii, Dhedheessa, Boorrachi, Deeggaan gartokkeen kanaan sirriitti beekamu.

Hojii labsii bunaa Naqamterratti pirezidaantii naannichaatiin bara 2012 labsameen walqabatee kan jiru gara lixaa kanatti qulqullinasaarratti hinhojjetamneedha. Bunni Itoophiyaaf maal akka ta’e waan beekamuuf qulqullinnisaa eegamee gumaachi dinagdee biyyaa utubuu keessatti qabu kun cimee akka ittifufuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamuuf barana bunni toonii kuma 80 godina kanatti ni omishama.

Hanga ammaattis kumni 79 omishamee gabaawwan adda addaatiif dhiyaataa jira. Toonii amma omishnu keessaa ammoo gabaa giddugaleessaatti dhiyeessuuf kan karoorfanne gara toonii 33ti.

Qulqullina bunaa sadarkaasaa eeggate dhiyeessuuf qonnaan bultoota 441tu hojjetaa jira. Xiiqii bara darbe maaliif qulqullina bunaatiin sadarkaa 1ffaa, lammaffaa hinbaane jedhurraa ka’uun akkaataa omisha, haala ittigeejibsiifamuufi obdiisaa dabalatee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Aanaaleen, daldaltoonniifi qonnaan bultoonni kanarratti xiyyeeffannaan hojjetaa jiru. Kanaaf hubannoo jaraas gabbisuun hojjetamaa jira. Daldaltoonniifi ergitoonni sadan tokkos hojii qulqullina bunaa eeguu kana keessa jiru.

Gama omisha dammaatiinis jalqabbiin jiru salphaa miti. Godinni keenya omisha dammaatiinis ni beekama. Hojiin gama inisheetivii dammaatiin hojjetamaa jiru abdachiisaadha. Waggaatti gara damma toonii kuma 10fi isaa ol godina kana keessatti ni argama jenneeti kan qabanne.

Hojiin kun aanaalee Cooraa, Beddellee, Deeggaafi Dhidheessaatti bal’inaan waan omishamuuf qonnaan bulaafi dargaggoonni bal’inaan irratti hojjetaa jiru. Kanaafis gaagura ammayyaa 127 dhiyeessuuf karoorfannee hanga ammaatti kuma 54 qonnaan bulaafi dargaggootaaf dhiyaateera.

Hojiileen qonnaan walqabatan biroonis bal’inaan jiru. Fakkeenyaaf lawuziin kanaan dura hinbeekamu ture. Lawuzii lafa hektaara kuma 15 irratti omishaa jirra. Atarri gabbataan (soyaabiin) baay’inaan hinbeekamu ture.

Hojii waggoota lamaan darbanitti akka sanyii filatamaatti asitti hojjetameen garuu gara lafa hektaara kuma 64irratti misoomsaa jirra. Omishni kuntaalli miliyoona sadii ta’u sassaabameera. Omishni maashoos jira. Kunniin egaa waan kaleessaafi dheengadda hinturreefi ammaan tana xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamaa jiraniidha.

Damee furdisaafi horsiisa beeladaatiinis hojii abdachiisaan raawwatamaa jira. Hojiin jabbilee ‘AI’n dhalataniin walqabatee hojjetamaa jirus salphaa miti. Cuunfaan hojiilee kanneenii egaa ummata keenya hirkattummaa dinagdee jalaa baasuudhaan kan ibsamuudha.

Dhugaa dubbachuuf akka godina keenyaatti ummanni seeftineetiidhaan jiraatu hinjiru. Jiruufi jireenya qonnaa bulaa keenyaa daran fooyyessuuf kana caalaa guddisnee hojjechuu qabna. Badhaadhina maatii mirkaneessuufis karoorfannee hojjetaa jirra.

Gama kuduraafi muduraatiinis waanuma gaariitu hojjetamaa jira. Avokaadoo sanyii filatamaa godina kana keessatti qonnaan bulaafi dargaggoonni alatti ergaa hinturre. Amma seenaa kana jijjiirreerra. Waggoota lamaan darbanitti omisha avokaadoo Awustiraaliyaafi Ispeenitti oyiruudhuma qonnaa bulaarraa kiiloo giraama kuma 12 ergineerra.

Kun sanyii filatamaadha. Hojiilee akkanaa babal’isuutu nu hafa. Yoo kun babal’ate karoora badhaadhina maatii milkeessuun ni danda’ama. Muuxannoo gaarii argame kana bal’isuurrattis xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’a.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

Recommended For You