
Yunivarsitiin Mattuu kallattii Itoophiyaa Kibba Lixaatti Finfinneerraa kiiloomeetira 600 fagaatee Naannoo Oromiyaa, dachee magariituu, Godina Iluu Abbaa Boor, Magaalaa Mattuutti argama.
Yunivarsitichi dhaabbilee barnootaa olaanaa dhaloota sadaffaa mootummaadhaan hundaa’an keessaa isa tokko yoo ta’u; bara 2005 hojii baruu barsiisuu tokko jedhee jalqabe.
Erga hojii baruu barsiisuu eegalee kaasee jijjiirama hedduu kan agarsiisaa jiru yoo ta’u, yeroo ammaas muummeewwan barnoota 58n digrii 1ffaa, akkasumas muummeewwan barnootaa sadiin digrii lammaffaa kaampaasotasaa lamatti jechuunis kaampaasii Mattuufi Baddalleetti barattoota kuma 20 ol sagantaalee garagaraatiin simatee kolleejota saddeet manneen barumsaa afuritti barnoota kennaa jira.
Dachee magariisa, jireenyaaf mijatu, nagaafi tasgabbii qabutti kan hundeeffame Yunivarsitiin Mattuu yeroo ammaa mooraansaa guutummaatti magariisa kan uffateefi ijaaf hawwataa ta’uurra darbee, qe’ee baruuf barsiisuuf haalaan kennataa ta’eedha.
Egaa nutis turtii dhimma baruu barsiisuu akkasumas haala waliigalaa karooraafi hojiilee gara fuulduraatti milkeeffachuuf kaayyeffate ilaalchisuun Pirezidaantii Ittaanaa Dhimma Barnootaa Qo’annoofi Qorannoo Tajaajila Hawaasaa Yunivarsitii Mattuu Doktar Baddiluu Takkaa waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiyeessineerraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif galatoomaa jechaa mee dubbistoota keenyaaf of nuu ibsaa?
Doktar Baddiluu: Isinis ulfaadhaa, maqaan koo Doktar Baddiluu Takkaa Galatoon jedhama; Yunivarsitii Mattuutti Pirezidaantii Ittaanaa Dhimma Barnootaa Qo’annoofi Qorannoo Tajaajila Hawaasaati.
Yunivarsitiin Mattuu bara 2004 mooraa barnoota barsiisotaa (‘TTC’) ta’uun kan hundeeffame, bara 2005 ammoo gara Yunivarsitii Mattuutti guddachuun dippaartimantiiwwan muraasaan barattoota 300 qofa simatee hojii kan jalqabe yoo ta’u; waggoota 12 lakkoofsise kana keessatti hojii baruu barsiisuusaa bal’ifachaa yeroo ammaa kolleejota saddeet, manneen barnootaa afur, kaampaasota lama, barsiisota hojii baruu barsiisuurratti hirmaatan 680fi hojjettoota deggaraa naannoo 1200 qabachuun hojiisaa gaggeessaa jira.
Yunivarsitiin tokko yeroo hundaa’u ergamawwan sadii qabateeti, isaanis barnoota qulqullina qabu kennuu, qorannoo rakkoolee hawaasaa furuu danda’an taasisuufi hojiilee tajaajila hawaasaarratti hirmaachudha.
Egaa yunivarsitiin keenya hawaasa giddugala biyyattiirraa fagaatee argamuufi rakkoo guddaa carraa barnoota digrii jalqabaa argachuurratti mudachaa ture furuuf iddoowwan adda addaatti sagantaa baruu barsiisuu digrii jalqabaatiin kennaa jira.
Mooraa muummeettis barnoota torbanii (Weekend program), barnoota galgalaa akkasumas barnoota idileetiin tajaajila kennaa jira. Barnoota idileetiin muummeewwan barnootaa 58n, digrii lammaffaadhaan 39n, sagantaa digrii sadaffaatiin ammoo lamaan sirna baruu barsiisuu gaggeessaa jira.
Kanaanis rakkoo hawaasa naannawichaa duraan carraa barnoota yunivarsitii argachuuf gara Finfinnee, Haramaayaafi fagaatee imalaa ture hambisuun barnoota ofii fooyyeffachuun seektarasaanii keessatti hojiiwwan guguddaa hojjechaa jiru.
Yeroo ammaattis roodmaappii akka biyyaatti dhufeen yunivarsitiiwwan bakkawwan sadiitti kan qoodaman yoo ta’u; isaanis yunivarsitiiwwan qo’annoofi qorannoo, gocharratti hundaa’e (Applied University)fi waliigalaa jedhamuun ramadamaniiru.
Haaluma kanaan yunivarsitiin keenya damee yunivarsitii waliigalaa jalatti ramadamuun qo’annoo, qorannoofi barumsa gochaa walmadaalchisee hojjetaa jira. Akka yunivarsitii keenyaatti hojiin nuti xiyyeeffannoo jalqabaa ittikenninee hojjennu tokko qonna biyyattii haala baratamaa ykn qonna aadaa isa ammaa bal’inaan ittifayyadamnu fooyyessinee ammayyeessuun naannawa keenya qabeenya uumamaatiin badhaadhe kana akka jirutti eegnee dabarsuurratti hojjetaa jirra. Nuuf hojiin fayyaafi barnootaa ittaananii kan dhufaniidha.
Waggoota darbanittis qonnarratti qorannoowwan adda addaa gaggeessuun waantota jiruufi jireenya hawaasa keenyaa fooyyessuu danda’an hedduu hojjechaa jirra. Akka yunivarsitii dhiyeenya hundaa’eettis waan nurraa eegamu ba’ataa jirra.
Fakkeenyaaf waggaadhuma kanatti pirojektota qonnaa meeggaa jireenya hawaasaa jijjiiruu danda’aniif waggoota afuriifi shan turan saddeet mirkaneessineerra. Isaan keessaa tokko pirojektii horii gaafaa kanneen akka re’eefi hoolaa horsiisuufi baay’inarraa gara qulqullinaatti ceesisuun hawaasa fayyadamaa taasisuu akkasumas bosonni dhalootarraa dhalootatti darbe kunimmoo akka hinmancaane bajata ramadnee godinaalee lama jechuunis Buunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Booritti hojjechaa jirra.
Kanas kophaa keenya utuu hintaane Ministeera Saayinsiifi Teknolojii waliin taanee hojii akka Oromiyaatti yunivarsitota biroo waliin kanjalqabne yoo ta’u; ammatti Oromiyaa lixaatti yunivarsitonni kanneen biroorraa babahanis akka biyyaatti workishoppiin gaggeeffamee milkaa’inaan ittifufneerra.
Yunivarsitii keenyatti horii aannaniifi hoolaa hormaataa fidnee akkasumas akaakuu midhaanii keessaammoo sanyii Boongaafi Horroo fooyyessinee hawaasa biraan ga’uuf hojjetaa jirra.
Pirojektii horsiisa beeladaa keessaa inni sadaffaan horsiisa lukkuu waliin walqabatee sanyii lukkuu akaakuuwwan sadiirratti qo’annaa gaggeessaa kan jirru yoo ta’u; jiruufi jireenya hawaasaa tasgabbeessuuf akkasumas gama dinagdeenis killee qulqullina qabu argamsiisuuf sanyii lukkuu filatamaa hawaasa biraan ga’uuf hojjetaa jirra.
Pirojektii biraatiin ashaaraa magariisaallee deggaruu danda’uufi qabeenya uumamaa naannawa keenya jiru mancaatiirraa eegan biqiltuulee hedduu mooraa keessaa niqabna. Kanamalees sanyiiwwan akka bunaa, avokaadoo, paappaayaa bara kanammoo burtukaanaafi loomiifaa dandamachiifnee hawaasa keenya bira bal’inaan akka dhaqqaban hojjechaa jirra.
Pirojektii guddaan biraammoo xaa’oo uumamaa/kompostii (Berm culture) irratti hojjechuudhaan hawaasni keenya filannoowwan adda addaa akka qabaatuufi xaa’oo alaa galu qofarratti akka hirkanne gochuuf yaalii gochaa jirra.
Gama biraatiin barattoonni mooraa keenyatti digrii lammaffaa baratan muuxannoo warreen hangafasaanii kanneen akka Yunivarsitii Jimmaarraa fudhatanirraa kaanee akaakuu barnootaa maastarsii qabnu hundarratti akkasumas digrii tokkoffaarrattis galchinee haalatti hawaasni magaalattii bishaan gabbisu, haadholii carraa hojii dhabaniif hojiilee adda addaa kanneen akka mana miidhagsuufi buddeena tolchuufaa hojjechuun hawaasaaf dabarsaniiru.
Gara fuulduraattis nutis barattoota keenya deggaruudhaan akka isaan hojii tajaajila hawaasaa keessatti hirmaatan taasisuun barataan waa’ee qonnaa baratu oyiruu qonnaan bulaatti bahee hojii qonnaarratti qabatamaan barsiisaa ofiis barachaa akka deggaru gochuuf kaayyeffanneerra.
Bariisaa: Qorannoo barattoonnis ta’e hayyoonni keessan kaa’an adeemsaan fudhatanii hojiirra oolchuurratti qaamolee dhimmi ilaallatu duubdeebiin isaan kennan maalfakkaata?
Doktar Baddiluu: Kun akkuma biyyaattuu waan irratti yaadamuu qabuudha. Nuti kana dura akka biyyaatti qorannoo ikoo turizimiirratti taasisnee workishoppiinsaa Finfinneetti dhiyaatee ture. Komishiniin Turizimii Oromiyaas asitti nuwaliin ta’ee akka hojjetuufi wiirtuu hawwata turizimii ta’uu danda’u eessa maaltu akka jiru adda baasnee sadarkaa ittikennineerra. Fincaa’aa guddaa Soor jedhamu, kan naannawa kanatti argamu misoomni irrattigaggeeffamuu qaba jedhu yaada dhiyeessinee turre.
Pirojektota ofii hojjennu yeroo konfiransiifi workishoppiiwwan qo’annoofi qorannoo adda addaatiin barreeffamaanis dhaqqabsiifnu fuudhanii hojiitti hiikuun warra seektara hojicha gaggeessu qofa osoo hinta’in nutis dhiibbaa gochuu akka qabnu hubanneerra.
Yoo qaamoleen gara gadii jiran kana gochuuf humna dhabanillee warreen gubbaa jiran imaammatawwan adda addaa baasnee itti adeemuurratti hojjetamaa jira. Barsiifanni nuti yeroo hunda waltajjii argannurratti kaasaa jirru yunivarsitiin qabeenya akka kennutti ilaalama.
Yunivarsitii keessaa kan maddu beekumsa, ogummaa, qo’annoof qorannoorratti hundaa’e waan ta’eef seektaroota biroo waliin ta’anii hojii qabatamaa hawaasa keessatti hojjechuu qabu.
Naannoo keenya keessatti sanyiin xaafii baay’ee hinhojjetamu nuti garuu sanyii xaafii baay’eerratti qo’annoofi qorannoo gaggeessaa jirra. Kanaanis marsaan tokko kan hafu yoo ta’u; isa booda hojii ekisteenshiniitiin akka deemu gochuun hawaasni keenya yunivarsitiirraa fayyadamaa akka ta’u gochuuf hojjetaa jirra.
Gaggeessitoonni kana dura turan lafa baay’ee hawaasarraa fudhatanii turan. Ta’us lafti fudhatame baay’inaan hojiirra waan hinoolleef komii guddaa kaasee ture. Baranas lafa qabnu kanneen akka saayitii Bureefi Nophaarratti waantota sadii hojjechuuf karoorfanneerra.
Qo’annoofi qorannoo bal’aa, hojiilee misoomaa guguddaafi hojiilee ekisteenshiniirratti hojjechuun hawaasnis akka irraa baratu gochuuf akka karooraatti qabanneerra. Egaa kanarratti dhaamsi nuti qabnu qaamni mootummaa gubbaa hanga jalaatti jiruufi seektaroonni mootummaa yunivarsitonni madda beekumsaa waan ta’aniif yeroo isaan waltajjiiwwan garagaraa gaggeessan hawwiidhaan dhufanii beekumsasaanii kana harkaa fudhatanii ittifayyadamuun waliin hojjechuu qabuudha.
Yunivarsitiin waan seeraafi qajeelfama mootummaan baaseen gaggeeffamuuf fedhii seektaroota baay’ee altokkotti guutuun itti ulfaata. Yunivarsitiin keenya maxxansawwan adda addaa fuulduraatti gara kitaaboleetti jijjiiramuu danda’an maxxansisaa jira.
Akka fakkeenyaattis seenaa Onesmos Nasiib kitaabatti jijjiirreerra. Akkasumas seenaa lola Saambee haala kana dura barreeffamerra bal’isnee kitaabatti jijjiiruuf gara dhumaarra geenyeerra. Haa ta’uutii kunniin hundi humna yunivarsiticha duwwaadhaan lafa ga’uu hindanda’an.
Qaamoleen dhimmi ilaallatu qindoomina cimaa uumuun sirriitti yunivarsitiitti dhiyaatanii yeroo leenjii barbaadan leenjii argatanii yoo ijaarsa dandeettiirratti waliin hojjenne jijjiiramni nidhufa.
Gama biraatiin dhaabbileen mitmootummaa gara torbaatti dhiyaatan magaalaa keenyatti kan argaman yoo ta’u; isaanis seektaroota garagaraa waliin ta’anii yunivarsitii keenya waliin hojii ittifufiinsa qabu nuwaliin hojjechuu danda’u. Dabalataanis qabeenyi baay’een nubiratti waan argamuuf kottaa waliin fayyadamnee biyyas fayyadnaa dhaamsa jedhun qaba.
Bariisaa: Waan isin qonnaafi waantota garagaraarratti hojjettanirraa ka’ee duubdeebiin hawaasni isiniif kennu maal fakkaata?
Doktar Baddiluu: Kanarratti hubannoon dogoggoraas jira. Yunivarsitiin gaafa hundaa’u akka arjaatti fudhatamee ilaalama. Jalqabarratti seektarootaaf meeshaalee adda addaa bitanii kennuu malee ijaarsa dandeettiirratti hojiilee garagaraa hojjechuun hinturre.
Amma garuu qajeelfama ministeera barnootaarraa baheen hirmaachisummaa hawaasaatiin waanti hundi nihojjetama. Hawaasa taa’ee eeggatu utuu hintaane hawaasa socho’ee dhufee nuwaliin hojjetu uumuu qabna. Naannawa wanti hundi hinguutamnetti fedhii hawaasaa guunneerra jennee dubbachuun ulfaataadha.
Kanaaf fuulduratti jabaannee hojjechuu qabna. Saayitiiwwan keenya hektaara hedduu qabnurratti sanyii filatamaa qopheessinee hawaasa keenya biraan ga’uu qabna.
Bara darbe biqiltuuwwan adda addaa kaampaasii Beddelleerratti hojjennee hawaasa keenya biraan geenyee turre. Ta’us fedhiisaanii guutuu hindandeenye. Inisheetivii mootummaan baala shaayii omishuurratti qabateen saayitiiwwan lamarratti hojii guddaa agarsiisaaf ta’u hojjetaa jirra.
Garuu fedhii guddaa hawaasni keenya nurraa eegu guutuuf waan nuhafutu jira. Kanaafuu gara sanatti tarkaanfachuun waan saayinsiin deggarame hawaasa keenya biraan gahuuf karoora guddaa waggoota shanan dhufaniif qabanneedha. Kunis pirojektii addaan kukkutame utuu hintaane kan qo’annoorratti hundaa’efi waan qabatamaan hawaasa keenya bira ga’uu danda’u pirojektii meeggaatti jijjiirree dameewwan adda addaarraa namoota walitti fidnee hojjechuuf karoorfanneerra.
Wanti dhiyeenyuma kanallee irratti mari’anne pirojektii guddaa bulchiinsa balfa magaalaa (‘Urban waste management’) irratti yoo ta’u; balfi magaalaa kana keessa jiru qonnaan bulaa keenya akka fayyadu akkasumas dargaggoonni irratti hirmaatanii balfa kana baayogaasiifi kompostiitti (‘berm culture’) jijjiiruun galiisaanii akka guddifatan taasisuudha.
Yunivarsitiirraa waanti baay’een waan eegamuuf hawaasni naannawa kamiituu yoo gaafatame bu’aa argamutti niquufa jechuun hindanda’amu. Nutis dhawaata dhawaataan fedhii hawaasa keenyaa niguunna jennee abdanna.
Bariisaa: Yunivarsitiin keessan dhiibbaa dubartootarra gama hawaasummaatiinis ta’u dinagdeetiin dhaqqabu qolachuuf akka addaatti waanti hojjetu jiraa?
Doktar Baddiluu: Waggaadhuma darbe kanallee akka fakkeenyaatti yoo fudhanne haadholii gurmaa’aniif leenjii kenninee akka isaan hojiitti galan deggarsa goonee jirra. Barattoonni keenyallee haadholiifi dargaggotarratti akka xiyyeeffatan qajeelfama baasnee addatti warreen daandiirra taa’anii buddeena gurguran, harkaqal’eeyyiifi daldalatti galuudhaaf fedhii qaban adda baasuun mannis qophaa’eefii waan namoonni kunniin ittiin hojii jalqaban kenninee hojiitti galchineerra. Kanumarraa ka’uunis yeroo warri kun fooyya’anitti muuxannoo isaanirraa argannuun waan kana babal’isaa akka warri kaanis irraa baratan taasisna.
Gama biraatiin warreen naannoo kanarraa buqqa’aniif keessumaa ijoollee dubaraafi haadholii ijaarree pirojektii qabnee horsiisa lukkuurratti bobba’anii hojiitti akka galan gooneerra.
Akkasuma Goreerratti haadholii ijaarree akka isaan hojii qonna magaalaarratti hirmaatan taasifameera. Haa ta’uutii ofdanda’anii hojjechuurratti fedhii yunivarsitichi yeroo mara akka isaan waliin dhaabatu barbaaduutu jira. Pirojektii nuti jalqabsiisne keessaa tokko tokko utuma nuti hordofnuu seektaroonni sirritti duuka bu’anii hordofuu waan dadhabaniif wantota nuti kennineef addaan qooddatanii yeroon manatti galan jira.
Kun akka gara fuulduraatti irra hindeebi’amne taasisneerra. Naannawa Tullubbeefi Jaatoo jedhamutti qarshii guddaa ramadnee kilaastaroota lamarratti hoolaa biyya keessaa horsiisuu (‘Indigenous sheep breeding’) irratti waan nuharka jiruufi qabeenya qabnurratti dhaabbata mitmootummaa tokko waliin haadholiifi dargaggoota hojidhaboo ta’an gurmeessinee hojjechaa jirra.
Waggaadhuma waggaadhaan hojiilee akkanaa nihojjenna garuu garee 10 ykn 15 irratti hojjennee fedhii bal’aa yunivarsitiirraa eegamu keessummeessuun ulfaataa ta’us hojiilee guguddoo kanneen akka namoota biyya alaatii dhufan leenjisuun omisha saamunaa dabalatee hojiiwwan garagaraarratti gurmeessinee akka isaan hojiitti seenan goonee jirra.
Bariisaa: Kallattii mootummaan qabate keessaa tokko eeggattummaa cabsuudha. Kana keessaa akka ba’amuuf eenyurraa maaltu eegama jettu isin?
Doktar Baddiluu: Namni waa eeggatu jijjiiramee waa fiduu hindanda’u jedheen amana ani. Nuti hawaasa dursee ofqopheesse, hojjedheen jijjiirama jedhee amanu, lafaafi qabeenya uumamaa naannoo kana jiru wayittin jijjiira jedhee leenji’e waan inni hojiitti ittiinbobba’u kenninee irratti hojjenna malee akka arjoomaatti wanti nuti kenninu hinjiru.
Kana dura namni dhuunfaadhaan gurmaa’ee dhufee yunivarsitii keenya gaafata ture, amma garuu waajjira carraa hojii uumuu waliin taanee isaan namoota hojii hojjetanii jijjiiramaniifi warreen kaaniif fakkeenya ta’uu danda’an nuu qoratanii erga qulqulleessanii booda isaanirratti hojjenna.
Kana dura akkuma dhaabbata mitmootummaatti ganda baadiyyaa keessattillee baayogaasii hojjennee turre. Kanirratti kaayyeffannes qonnaan bulaa moodeela kan warri kaan waa irraabarachuu danda’anirratti.
Dhaamsin ani qabu dargaggoonni araadawwan adda addaa keessa galan kan lafti maatiisaaniimmoo agabuu bulu hojii hojjetanii ofis biyyas jijjiiruu kan danda’an yoo gara keenya dhufan nuti beekumsaan isaan deggaruu akka dandeenyuudha.
Namni harki caalu taa’aa oola malee kan hojjetu waan hintaaneef, kutannoon biyya keenya kadhaa keessaa baasuuf, maatiisaanis ta’ee dhaloota dhufuuf waa buusanii darbuuf aadaan hojii keenyaa kan amma jirurraa jijjiiramuu qaba.
Namni keenya waan nyaatee bulu qofa utuu hintaane waan boriif darbu, carraa hojii saayinsiin deggaramee dhufuttis fayyadamuu akka qabu hubannoo cimsuurratti barana hojii guddaa pirojektiin deggarame nihojjenna.
Kunis seektaraafis ta’e qonaan bulaaf kan oolu yoo ta’u; walittifufiinsaan irratti hojjennee aadaan hojii keenyaa akka jijjiiramu
yaaluun abbootiin Gadaallee dhimma kana keessa seenanii namni hin hojjenne taa’ee nyaachuu hinqabu jechuun isa hinhojjennerratti seera tumuun akka abaaraniif hanga taasisuutti adeemaa jirra.
Bariisaa: Inisheetivii misooma koriidarii baadiyyaafi magaalaatti adeemsifamaa jiruun walqabatee hirmaannaan yunivarsitiifi hayyoonni keessan gorsas ta’ee kallattii kennuudhaan qaban maalfakkaata?
Doktar Baddiluu: Yunivarsitiin keenya inisheetivota kanneen akka omisha qamadiifi baala shaayiirratti qo’annoof qorannoo garagaraa gaggeessee hirmaachaa jira kanaan alatti garuu waanta qorannoo irratti hingaggeessine ittigaluu hinqabnu jennee waan amannuuf keessumaa agroo ikoloojii fa’a’irratti hojjechaa jirra.
Misoomni koriidarii dhufuusaan durayyuu misoomarratti yeroo hundayyuu dizaayiniiwwan adda addaa yeroo gama aanaatiin akkasumas godinarraa nugaafatan beektonni keenya deggaraa turan.
Fuuldurattis magaalaa keenyatti waan taasifamuuf qaama deggarsa barbaadu kamiifuu qulqullinaan deggaruuf nuti fedhii qabeessa. Koriidariin hojjetamee, karaan babal’atee, magaalaan hinqulqulloofne taanaan rakkoo waan ta’uuf isarratti cimnee hojjechaa jirra.
Akka inisheetiviitti karoora gandoota dijitaalessuuf qabamerratti yunivarsitiin keenya hojiin hojjetaa jiru baay’eedha. Hanga ammaatti garuu misooma koriidarii Magaalaa Mattuutti jalqabameen walqabatee waan kana nugargaaraa jedhee qaamni gaaffii nuu dhiyeesse hinjiru.
Bariisaa: Qulqullina barnootaa egsisuuf yunivarsitonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa naannawasaaniitti argaman moodeela akka ijaaran kallattiin taa’eera. Yunivarsitiin keessan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa modeela godhatee qabachuun barsiisota ga’oomsuunis ta’ee leenjii kennuun wanti akka addaatti hojjetee deggaru jiraa?
Doktar Baddiluu: Nuti dursinee barattoota naannawa kana jiran warra carraa manneen barnootaa bultii addaa WMO galuu hindandeenye calallee yunivarsitiitti haala mijeessuun akka mana barumsaa bultii addaatti mana kitaabaa dabalatee waan barbaachisu hunda guunnee barsiisota sadarkaasaanii eeggatan mindeessinee barsiisaa jirra.
Barattoota bara darbe yeroo jalqabaatiif qormaataaf teessisne hundi kan darban yoo ta’u, qabxii gaariis galmeessisanii yunivarsitii galaniiru. Kophaatti ammoo mana barumsa addaa yunivarsitii keenyarraa fageenya kiiloomeetira lamarratti argamu ijaaraa jirra.
Mooraan yunivarsitii umurii ijoollee kanaa waliinis waan walhinmadaalleef addatti mana barumsaa ofdanda’ee waa hunda guuttate hojjechaa jirra. Akkasumas manneen barnootaa 16 dorgomoo akka ta’aniifi mana kitaabaa dijitaalaa akka qabaatan kompiitara 400 ol dhaabbata mitmootummaa tokko waliin ta’uun gatii fe’umsaa qofa uwwisuun fidnee mana barnootaa kanaaf galchineerra.
Waantonni garagaraas irratti fe’amanii ijoolleen yoo kitaaballee dhaban salphumatti laayibrarii oflaayinii akka fayyadaman waggaa darbe hojjanneerra. Barana kaarikulamii haaraan waan dhufeef isa duraan ture haaressaa jirra.
Bariisaa: Yeroo ammaa barsiisaan faayidaaleedhaan ykn mindaadhaan walqabatee gaaffiilee adda addaa qaba; kana guutuuf yunivarsitiin keessan maal hojjechaa jira? Hanqinni jiru hoo maal fakkaata?
Doktar Baddiluu: Waggaa lama ykn sadii dura barsiisonni keenya rakkoo mana jireenyaa dhabuurraa kan ka’e digrii lammaffaasaanii erga nuti barsiifnee booda waggaasaanii eeggatanii gara iddoo fooyya’aatti deemaa turan. Amma garuu mana jireenyaa walakkaa barsiisotaatii ol jiraachisuu danda’u ijaarree barsiisonni keenyas ittimijatee jiraachaa jiru. Haa ta’uutii garuu mindaan argatan tajaajila isaan kennan waliin walbira qabamee yoo ilaalamu gadibu’aa waan ta’eef waltajjii argame hundarratti mootummaaf gaaffii isaan dhiyeessaniin walqabatee mootummaan jiruuf jireenya barsiisotaa fooyyessurratti ittiyaaduu qaba.
Barsiisonni hedduun hojii kana dhiisanii gara filannoowwan hojii birootti deemaa waan jiraniif mootummaan isa kanarratti xiyyeeffannoo guddaa kennee yoo fala argate malee nuqofaan furmaata waan argachuu danda’u miti.
Nuti gama keenyaan waan humna yunivarsitiitti furamuu danda’u kan akka tajaajila konkolaataa hojjettoonni mooraa keenyaa ittiindeddeebi’an, mana jireenyaa kana dura kan ijaarre yoo ta’u warreen hafaniif ammoo marsaa lammaffaan ijaaramaa jira akkasumas faayidaalee biroos kan hojjettoonni keenya sadarkaa keenyatti nurraa argachuu qaban akka argatan nitaasisna.
Haa ta’uutii hundi gammaduu dhiisuu danda’u. Sababnisaas mindaa hiriyyootasaanii iddoo biraa hojjetan yoo ilaalan garaagarummaan guddaan waan jiruuf. Kanaaf inni kun dhimma furmaanni ittikennamuu qabudha.
Bariisaa: Ani gaaffii koo xumureera, dhaamsi dabarfachuu barbaaddan yoo jiraate dhaammadhaa. Doktar Baddiluu: Tole, dhuftanii nugaafachuu keessaniif baay’ee ulfaadhaa. Yunivarsitiin Mattuu yunivarsitii guddachaa jirudha, yunivarsitiin jijjiiramuu kan danda’u hawaasni naannoo kanaa sirritti yoo simate, hojjetaan askeessa jirus hundisaa yunivarsitiin kun kan kooti jedhee yoo hojjete, jijjiiramni dhufuu waan danda’uuf akkuman gubbaatti jedhe tajaajila kennan mindaa waliin utuu hinmadaaliin aarsaa kaffalanii hawaasasaaniifi biyyasaanii tajaajiluu ittihaafufaniin jedha.
Bariisaa: Yeroo nuukennitanii turtii nuwaliin taasiftaniif galatoomaa. Doktar Baddiluu: Isinis galatoomaa.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017