
Ji’oota muraasa dura Fiilmiin Afaan Oromoo Soolanee jedhuufi Artisti Keeyeroon Darajjeetiin barreeffamee qophaa’e Magaalaa Finfinnee, Hoteela Ilillii intarnaashinaalitti eebbifamee ture.
Fiilmichi suursagalee, taatoo, yoomessaafi wantoota fiilmiin tokko qabaachuu qabu bifa qoratameen guuttatee qulqullinaafi sadarkaasaa eeggatee baasii olaanaadhaan hojjetamuusaa ogeessonni garagaraa ibsaa turan.
Barreessituufi qopheessituun fiilmii Soolanee, Keeyeroon yommuu qabsoo diddaa gabrummaa sana hiriyyootashee waliin ta’uun weelluuwwan qabsoo garagaraa weellisaa kan turan yoo ta’u, haala siyaasaa biyya kana ture baqachuun biyyaa baqattee turtii keessa Awustiraaliyaa seenteetti. Achittis abjuu ijoollummaashee kan ture, fiilmii qopheessuuf fedhii qabdu sana dhugoomfachuuf fiilmiicha barreessitee dhuftee biyya kanatti waraabsisuun daaw’attoota biraan geesseetti.
Wallagga Lixaa, Aanaa Ganjiitti dhalattee Magaalaa Bishooftuutti kan guddatte Keeyeroon; maatiisheef intala hangafaa yoo taatu, amala ijoollummaasheerraa ka’uun maatiinshee akka isheen haadha seeraa taatu hawwaa turanis, isheen garuu fedhiin aartii ijoollummaan keessashee bule akka Muummee Tiyaatirikaal Aartii barattuu ishee taasisuudha gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisteen kan himte.
Yunivarsitii Finfinnee mooraa Siddisti Kiiloo seenuun waggaa tokkoof Tiyaatirikaal Aartii barattus haalli barumsi itti kennamu baay’inaan Afaan Amaaraa waan tureef isheen ammoo waan afaanichi ishee rakkisuuf barsiisota yeroos moorichatti barsiisan kanneen akka Obbo Baqqalaa Garbaafaa mariisistee akaakuu barnootaa baraatti jijjiirrachuun afaan barachuuf dirqamteetti.
Ta’us waan qabsoo siyaasaa keessatti hirmaachaa turteef barnootasheerratti dhiibbaa uumeera; booda keessas biyyaa baqatteetti. Yeroo biyyaa baqatte sanatti garuu sababa eeyyama jireenyaa hinqabneef waan hojii hojjechuu hindandeenyeef carraa sanatti fayyadamuun fiilmii Soolanee barreessuu eegaluushee dubbatti.
Soolaneen seenaa qabsoo ummanni Oromoo bara Dargiirraa kaasee keessa darbe kan mul’isu yoo ta’u, namni yoo kaayyoosaatti ciche eessayyuu ga’uu akka danda’u dhalootatti kan agarsiisuu ta’uu eerteetti. Keessumaa tokkummaan, harka walqabatanii deemuun bakka guddaa ga’uu akka danda’amu kan barsiisu ta’uu himti.
Soolaaneenis maqaa taatoo ijoo filmichaa keessa jirurraa kan fudhatamu, intala qal’oo, miidhagduu jechuu ta’uufi qabsoo Oromoofi dhimma maatii of keessaa qabu ta’uu eerti. Isheenis akka dhuunfaatti fiilmicha keessaa seenaa qabaachuushee nikaasti.
Fiilmicharratti Keeyeroon dabalatee taatonni beebbeekamoon kan hirmaatan yoo ta’u, waliigalaan taatoonni 35 qooda fudhataniiru. Kanneen keessaa torba taatota ijoo ykn goobaangaleessa (‘Main Character’) kan ta’aniidha. Fiilmicha isheen barreessitee haa qopheessitu malee miira gareetiin walgargaaraafi walutubaa akka hojjetame ibsiti.
Fiilmii haala kanaan itti dhimmamee hojjetame kanas erga biyyatti eebbisistee booda gara biyyoota Ameerikaa, Kaanaadaafi Awustiraaliyaa geessuun magaalota garagaraatti agarsiisaa jirti. Tibbanas fiilmiin Soolanee waltajjii idil addunyaarratti carraa badhaafamuu argateera. Badhaasni sadarkaa idiladdunyaa fiilmichi injifates ‘Charlottes Black Film Festival’ kan jedhamu ture.
Badhaasa qophaa’e kana barreessituufi qopheessituun fiilmichaa Artisti Keeyeroon Darajjee ALA Waxabajjii 7, bara 2025 Ameerikaatti argamuun meedaaliyaafi waancaa fudhatteetti. Fiilmii Soolanee barreessitee yommuu qopheessitu fedhii keessoosheefi gaaffii bara ijoollummaashee guutuuf malee sadarkaa kanatti beekamtii argata jettee yaaddee akka hinbeekneefi kanattis daran gammadduu ta’uushee dubbatti.
Keessumaa Soolaneen fiilmiishee isa jalqabaa ta’uurra darbee fiilmii Afaan Oromoo waltajjii idiladdunyaarratti badhaafame isa jalqabaa ta’uunsaa gammachuushee dachaa gochuufii, hamilee olaanaas isheetti horuu kaasti.
“Fiilmii hojjechuun waan salphaa miti. Ani aarsaa guddaan itti kaffale. Soolanee hojjechuuf gara qarshii miliyoona shanii ol yommuun baasu ispoonsara ykn deggarsa tokkollee hinqabu. Fiilmicha hojjechuuf yommuun biyyatti galee qarshiin qabadhee deeme narkaa dhumee Awustiraaliyaatti deebi’een ji’oota ja’aaf boqonnaa malee guyyaatti sa’atii 16 hojjechaa ture.
Garii xiiqii waanin qabuuf addaan kutanii dhiisuun anaaf akka qaanii waan ta’eefin aarsaa olaanaa itti kaffale. Yoomeessiifi baay’inni taatoo ani filadhe gatii olaanaan kan na baasisan ta’uullee qarshii dhabuun boodatti hafuu hinbarbaanneen ture” jetti.
Hojiin haala kanaan dadhabbiifi ifaajjii olaanaan hojjetame kun ummata biratti jaalatamummaafi fudhatamummaa argachuurra darbee fiilmiiwwan 100 ol waliin dorgomuun badhaasaaf qaqqabuunsaa hojii fiilmiitti caalatti akka cichitu akka ishee onnachiise ibsiti.
Dorgommicharratti filmiiwwan 100 ol calalamanii agarsiisaa dorgommif kan dhihaatan keessaa ramaddii ‘narrative featuring’ jedhuun tokkoffaa bahuun fiilmiin ‘Soolanee’ jedhamu dorgommicha injifachuu eertee, agarsiisa fiilmicharratti ramaddiin dokimantarii, fiilmii gaggabaaboofi kanneen biroos turuu himti. Fiilmiiwwan agarsiisaaf dhiyaatanis barreeffama hiika Afaan Ingliffaan barreeffame (‘subtitle’) fiilmicha jalatti qabaachuun dirqama akka ture dubbatti.
Fiilmii Soolanee biyyoota garagaraatti imaluun agarsiisaa jirtu kanaaf duubdeebiin ummataa gaarii ta’uusaatiin akka kaffaltii dhamaatiisheetti akka fudhattu kan himtu barreessituun kun, fiilmiin Oromoo akka fiilmiiwwan afaan biraatiin hojjetamanii carraa bizinasiitti jijjiiramuurra waan hingeenyeef hojiinsaa daran dadhabsiisaa ta’uus, yoo namoonni ija jabaatanii daangaa kana cabsan malee kan hinjijjiiramne ta’uu dubbatti.
Keessumaa abbootiin qabeenyaa wayita artistoonni dhukkubsatan qarshii buusuu ykn gaafa lubbuun darban saanduqa reenfaa bituufii qofa osoo hintaane hojii isaan of harkaa qaban gaafatanii jajjabeessuufi isaaniyyuu bizinasirratti jijjiiruu akka qaban himtee, artistoonni hojii aartii of harkatti qabatanii sababa qarshii dhabuutiin of harkatti akka hinhambisneef tumsi murteessaa ta’uu dubbatti.
“Kana jechuun namoonniifi dhaabbileen muraasni aartii Oromoo jajjabeessan hinjiran jechuu osoo hintaane, ga’aa waan hintaaneef irratti yaadamuu qaba. Ani gaafan fiilmii kana hojjedhe maatiinkoo karaa garagaraa na gargaaraniiru. Gargaarsi kan qarshii qofa osoo hintaane namuu waan danda’een deggarsa ogummaallee walii taasisuun waltumsuu qaba” jetti.
Fuuldurattis fiilmiiwwan sadarkaa fooyyee qaban hojjachuu kan ittifuftu ta’uu himtee, obboloota ishee waliin dhaabbata hojii fiilmiirrratti hojjetu hundeessuun sochiirra jiraachuu himteetti.
Akka waliigalaatti garuu tattaaffii nama muraasaan aartiin Oromoo guddachuu waan hindandeenyeef hunduu tumsuu akka qabuu eertee, yoo ittiin hojjetame aartiin Oromoo sadarkaa idil addunyaarrattillee dorgomaa akka ta’uuf fiilmiin Soolanee agarsiiftuu ta’uu dubbatti.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017