Raawwiin ijaarsa daandii Halaabaa-Angaccaa-Waatoofi Danbooyaa hawaasa komachiise qorame

Finfinnee: Naannoo Itoophiyaa Guddugaleessaatti ijaarsi pirojektii daandii Halaabaa, Angaccaa Waatoofi Danbooyaa Adoolessa 2, bara 2012 ifatti eegalamee, waggoota sadii keessatti guutummaatti xumuramee tajaajilaaf banaa ta’a jedhamee ture. Garuu sababa hanqina bulchiinsa pirojektiitiin harkifachuusaatti ummanni komataa tureera; jiras.

Hojichi kontiraaktarummaan Korporeeshiniin Hojiiwwan Ijaarsaa Itoophiyaatiin, abbummaan Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaa, gorsummaan Korporeeshiniin Injinariingii Itoophiyaa waliin ta’uun kan raawwatamaa ture ta’uun hubatameera.

Ijaarsi daandichaa waggoota sadii keessatti xumuramuuf karoorfamee ture harkifachuu waggaa lama dabalataan kan kennameef yoo ta’u, raawwiin pirojektii daandii kanaa har’a dhibbantaa 23 erga ga’ee waggaa shan ta’ee, komiin lammiilee yeroodhaa gara  yerootti dabalaa dhufuun sadarkaa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa, koree dhaabbii dhimmi ilaallatuutti Wixata darbe irratti mari’atameera.

Akka Gaggeessaa Hojii Korporeeshinii Injiinariingii Itoophiyaa Obbo Abaabbalany Makuriyaa ibsanitti; pirojektiin kun waliigalatti dheerina kiiloomeetira 65 kan uwwisu yoo ta’u, hanga ammaatti kiiloomeetira afur aspaaltii uwwisuun, kiiloomeetira 4.5 cirracha afuun, kiiloomeetira 37 hojiin lafa muruu, guutuufi hojiiwwan kanaan walqabatan biroo xumuramanii, waliigala raawwiinsaa dhibbantaa 23 gaheera.

Harkifachuun pirojektichaa hawaasa biratti dallansuu uumaa jira jedhaniiru. Rakkoo kanaaf sababa kan ta’e hanqinni hoggansa piroojektii ta’uu ibsaniiru. Hojiin daangaa kabachiisuu hanga ammaatti hojjetamaa ture keessaa dhibbantaan 40 akka hinxumuramnes ibsaniiru.

Gaggeessaan hojii kun akka jedhanitti, kunis dandeettii kontiraaktara kanaa daangesse; kana malees hawaasni naannoofi bulchiinsi pirojekticha hanga barbaadamu deeggaraa akka hinjirres qormaata biraa ta’uu himan.

Mootummaan federaalaa pirojekticha raawwachiisuuf qarshii biiliyoona 1.9 ol ramadeera. Akkasumas wabii kennamerratti hundaa’ee waliigaltee bu’uura godhachuun kaffaltiin dhibbantaa 15 raawwatameera.

Gaggeessaa hojii ittaanaan Korporeeshinii Hojiiwwan Ijaarsaa Itoophiyaa Ba’imnat Gaashaawu gamasaaniin galteewwan ijaarsaa dhiyeenyatti argachuu dhabuun, kaffaltiin yeroofi sirnaan raawwatamuu dhabuun, tasgabbii dhabuun godinaalee Halaabaafi Kambaataatti mul’atu harkifannaa pirojektichaaf sababa ta’uu hubachiisaniiru.

Gatiin boba’aa, doolaara, simintoofi humna namaa yeroo waliigaltee pirojektichaa mallattaa’ee wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu waan daran dabaleef gamaaggamni gatii gaggeeffamuu akka qabus eeraniiru.

Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaatti Daarektarri Naannoo Kibbaa Injiinar Daawwit Xigaabuu gamasaaniin ijaarsi kun saffisa raawwii amma jiruun yoo ittifufe waggaa jaha dabalataa akka fudhatu himaniiru. Fooyya’iinsi gatii kontiraaktariin ijaarsaa gaafate sirrii akka hintaaneefi tarii hojmaanni fooyya’iinsa gatii meeshaalee tilmaama keessa galchuun akka danda’amus himan.

Miseensonni koree dhaabbii gaaffii gaafachuun gabaasa dhiyaaterratti yaada kennaniiru. Rakkoo kana hiikuuf qaawwa qooda fudhattoota gidduu jiru hiikuun, ijaarsi kun yeroo murtaa’e keessatti xumuramuu akka qabus hubachiisaniiru.

Walittiqabaan Koree Dhaabbii Obbo Mallas Mannaas naannawichatti pirojektiin kun yeroon xumuramuu dhabuun sochii hawaasummaafi dinagdeerratti dhiibbaa hamaa waan qabuuf qaamoleen kunniin dhimmicha sirriitti ilaaluun deebii sirrii kennuu akka qaban ibsan. Kanumaan walqabatee Korporeeshiniin Injinariingii Itoophiyaa qaawwa Korporeeshinii Hojiiwwan Ijaarsaa Itoophiyaafi Bulchiinsa Daandiiwwanii Itoophiyaa gidduu jiru adda baasuun furmaata barbaaduu akka qabu dhaamaniiru.

Tamaam Abdulleetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

Recommended For You