
Gincii: Qaama warraaqsa dinagdee biyyaa kan ta’e warshaan Biivereejii Keenyaa abbootii aksiyoona kuma shan hirmaachiseefi qarshi biliyoona 22 oliin ijaaramee omsihuu eegale dhalootatti abdii kan horu ta’uu ittigaafatamaan oppireeshinii warshichaa beeksisan.
Ittigaafatamtichi Obbo Afawarqi Laggasaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin warshichi bu’aa qabsoo dhalootaa dinagdeensaanii itti ijaaramu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsasaa keessaa qonnaan bultoonni 300 sheerii bitachuu himaniiru. Kunis aabeenyummaan warshichaa kan qonnaan bulaa ta’uusaaf agarsiistuu guddaaadha jedhniiru.
Warshaan Biivereejii Keenyaa kun qonnaan bulaa naannawichaaf abdii gaarii fidee dhufuu kaasanii; carraa hojii ilmansaaniif uumuun ala dhiyeessiiwwan waarshichaaf barbaachisan kanneen akka garbuu gatii madaalawaan dhiyeessuun fayyadamummaasaanii akka mirkaneffataniif akka gargaaru dubbatu.
Akka ibsasaaniitti, waarshichi humna guutuun oomishasaa dachan dabalee hojii yoo ittifufe qonnaan bultoonni kuma 60 hanga 70 ta’an gatii madaalawaan garbuu dhiyeessuun fayyadamoo ta’u.
Hambaaleen warshicha keessaa bahan nyaata looniif kan oolan waan ta’eef qonnaan bultootaafi ijoolleesaaniif kennuun aadaa loon furdisuu akka gabbifatan haalli mijataa uumamaafii jira jedhu. Dargaggoonni heddus tarsiimoo kana hordofuun fayyadamaa ta’aa jiraachuu kan kaasan Obbo Afawarqi; qonnaan bulaa giddugaleeffatanii hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.
Omishaafi omishtummaa qonnaan bulaa dachaan dabaluufis deeggarsi dhiyeessiiwwan sanyii filatamaa, guddistuu callaafi hordoffiin eksiteenshinii qonnaa aantummaa warshichaan taasifamaa kan jiru yoo ta’u; mul’ata qonnaan bulaa dinagdeen humneessuu qabatamee akka dhugoomsu ta’uu eeraniiru.
Keenyaan moggaasa maqaasaarraa kaasee qabeenya waloo Itoophiyaanotaa ta’uus ibsanii; dargaggoonni goleewwan afran Itoophiyaa keessaa babahan carraa hojii argatanii miira kan kooti jedhuun hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.
Bu’aan omishichaa goleewwan afran Itoophiyaaf akka dhiyaatuuf waliigalteen taasifamaa jiraachuus himanii; qabeenya waloo Itoophiyaaanonni ittiin boonan ta’uu ibsaniiru. Warshaan kun waggaatti hektooliitirii miliyoona sadii ol kan omishu yoo ta’u; humna guutuun hojiitti galee kanaa ol omishuuf aantummaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Walittiqabaa boordii warshichaa Obbo Niwaay Magarsaas; Keenyaaan omisha tokkoon akka hindhaabanneefi bu’aalee omishaa saddeet dabalataan gabaaf dhiyeessuuf hojiitti jiraachuu himu.
Sirni eebba Warshaa Biivereejii Keenyaaa bakka qondaaltonni olaanaan naannoofi federaalaa argamanitti bifa ho’aa ta’een torbee har’aa kan adeemsifame yoo ta’u; burqaa badhaadhinni biyyaa itti dhugoomu waan ta’eef injifannoo warraaqsa siyaasaatiin argameefi miira kan kootiin kunuunfamuu qabu ibsameera.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017