Inshuraansiin Itoophiyaa shaampiyoona ta’uu mirkaneeffate

Finfinnee: Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee kilaboonni kubbaa miilaa naannolee marsaawwan lamaan irratti hirmaachaa turan shaampiyoonaan liigii piriimeerii Itoophiyaa bara 2017 xumuramuf taphawwan muraasatu hafa.

Walmorkiin kun osoo hinxumuramiin Inshuraansiin Itoophiyaa shaampiyoona ta’uusaa yoo mirkaneeffattu, kilaboonni Tigraay Siihul Shiree Indaasillaaseefi Walwaaloo Addigraat gara liigii biyyaalessaatti gadi bu’aniiru. Iddoosaaniitti ammoo kilaboonni Oromiyaa Shaggar Siitiifi Naggeellee Arsii liigii piriimeeriitti makamaniiru.

Shaampiyoonaa baranaatti Bunni Itoophiyaa lammaffaa ta’uusaatti bara 2026 Itoophiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa konfedereeshinii kubbaa miilaa kilaboota Afrikaarratti hirmaachuu mirkaneeffateera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

 

Recommended For You