
Finfinnee: Balaan lolaa hidha laga Abbayyaa akka hinmiineef misooma sululaa lageen guguddoo bara 2012-2017tti hirmaannaa ummataatiin Oromiyaatti misoome qarshii biliyoona 29 olitti akka shallagamu Waajjirri Mana Maree Qindeessa Hirmaannaa Ummataa Damee Oromiyaa beeksise.
Daarektarri olaantuun waajjirichaa Aadde Qonjiit Baqqalaa Kibxata darbe gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hirmaannaan ummata naanichaa milkaa’ina hidha laga Abbayyaaf taasisaa jiru cimee ittifufeera. Bara 2012-2017tti hojiin misooma sululaa hawaasaan misoome qarshii biliyoona 29 olitti shallagama. Bittaa boondiifi arjoomaa 8100A bara 2004-2016tti qarshii biliyoonni 9.6 ol sasssaabameera.
Guyyaa dhagaan bu’uuraa hidhichaa kaa’ame sababeeffachuun bittaa tishartii Fiigicha Bitootessa 24 akkasumas, bittaa boondiifi arjoomaa dabalatee qarshii biliyoona tokko sassaabuuf karoorfame irraa ji’oottan sagal darbanitti qarshiin miliyoona 500 ol sassaabamuu ibsaniiru.
Hirmaannaan taasifame qabeenyaan, humnaafi beekumsaan abbootii qabeenyaa, daldaltoota, qonnaan bultoota, horsiifatee bulaa, dargaggoota, dubartoota, barattoota hojii tumsa hidha laga Abbayyaarratti qooda fudhachaa jiru.
Akka ibsasaaniitti, Oromiyaan naannolee sadan hidha laga Abbayyaaf bishaan gumaachan keessaa tokko waan taateef hidhichi umurii dheeraa akka jiraatuuf biyyoon haramee akka ittihinseenneefis xiyyeeffannaa guddaan ittikennamee hojiin misooma sululawwanii godinaalee lageen guguddoo laga Abbayyaaf galtee ta’anirratti hojjetamaa jira.
Godinaalee Wallagga arfan, Jimma, Iluu Abbaaboor, Buunnoo Baddallee, Shawaa Lixaafi Shawaa Kaabaatti akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Hojiin godinaalee kanneenitti hojjetames daagaa kiiloomeetiraan lakkaa’amu ijaaruufi misooma ashaaraan magariisaa barabaraan hojjechuu dabalateeti jedhan. Waliigalaan waggaa waggaan namootni miliyoona 6.9 ol waajjiricha waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin pirojektichaa ji’oota muraasa booda akka xumuramu kaasanii; hanga xumuramuun ijaarsichaa labsamutti hirmaannaan bittaa boondii, arjoomaa, misoomni sululawwanii cimee ittifufa jedhaniiru. Hojiin ijaarsaafi kunuunsaa milkaa’aan hirmaannaan ummataa mul’achaa jiru mul’istuu ashaaraa waloominaati jedhanii; milkaa’inni galmaa’aa jiru akka injifannoo Adwaa lammaffaattis akka fudhatamu ibsaniiru.
Itoophiyaanonni dhiibbaa keessaafi alaa dandamachuudhaan waancaa hidhichaa walharkaa fuudhuun tokkummaasaanii cimsachaa jiraachuu mul’isaa jira.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017