“Guyyaatti daddabarsi maallaqaa karaa teleebirrii taasifamu qarshii biliyoona saddeet dhaqqabeera” – Aadde Firewoot Taammiruu

Dirree Dhawaa: Hojii amansiisaa nageenya saayibariirratti hojjetameen guyyaatti daddabarsi maallaqaa karaa teleebirrii taasifamu qarshii biliyoona saddeet dhaqqabuu Raawwachiiftuu Hojii Olaantuun Itiyoo-telekoom Aadde Firewoot Taammiruu ibsan.

Waltajjii Waa’ee Itoophiyaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaarratti xiyyeeffate kan tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin qophaa’erratti yaada marii kan dhiyeessan Aadde Firewoot akka jedhanitti, Itiyoo-telekoom dhabbata jabaa amantaa ummataa gonfate taasisuuf nageenya saayibariirratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojii bal’aan hojjetameera. Dhaabbatichi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa dhalootatti darbu ijaaruurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira.

Nageenyi saayibarii osoo qixa sirriin eegamuu baate ummatni dhaabbaticha amanee maallaqa biliyoonaan lakkaa’amu karaa dijitaalaa hin sochoosu jedhanii; mootummaanis faayidaan dinagdee dijitaalaa dhalootni lafaa dhufu haala hubachuu danda’uun waa’ee dijitaalaa imaammata barnootaa keessatti dabaluu eeraniiru.

Magaalota biyyattii hunda ammayyeessuu, “smart city” dhimma ijoo ta’uu ibsanii; gama kanaan Itiyoo-telekoom magaalota karaa hundaan ammayyeessuu cinatti riqicha dabalatee sirna nageenya bu’uuraalee misoomaa hordofuufi  to’achuu diriirseera. Ammaan tana magaalota biyyattii 16 dijitaalessuurratti waliigaltee raawwachuu eeraniiru.

Itiyoo-telekoom dhiyeenya kana interneetii dhaloota 5ffaa (“5G”) hojiirra oolchaa jiraachuu himanii; 5Gn tajaajila intarneetii saffisaa kennuu cinatti hojii albuuda baasuu salphisuun guddina dinagdee keessatti shoora kan taphatu ta’uus hubachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, guddina dinagdee waliigalaa keessatti gumaatni Itiyoo-telekoom %8 dhaqqabeera. Tajaajilli Itiyoo-telekoom namoota miliyoona 92 wayita dhaqqabu lakkoofsi namoota intarneetii fayyadamanii miliyoona 52 dhaqqabeera. Gumaata guddina dinagdee dhaabbatichaa keessatti shoorri biroodbaandii olaanaa ta’uu ibsanii; ammaan tanas lakkoofsi fayyadamtoota biroodbaandii kuma 800 ga’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan waggaa 131 har’aa shiboo  qal’oon tajaajila telee ummataaf kennuu eegaluun Afrikaa keessaa biyya jalqabaa yommuu taatu, guddina teknoloojii waliin tarkaanfachuun yeroo ammaa gara dinagdee dijitaalaatti ce’uu eeranii; teknoloojii waliin tarkaanfachuu filannoo osoo hintaane akkuma biyyaattuu ittifufuuf dirqama ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaa biyyoota ollaan walqunnamsiisuuf bu’uuraalee misoomaa teelee diriirsuu himanii; lammiilee biyyattiif carraa hojii sadarkaa idiladdunyaa banuuf sagantaa koodaroota kuma shanii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin eegalame duubaan shoorri Itiyoo-telekoom olaanaadha jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

 

Recommended For You