Godambaa Masaraa Biyyaalessaatti maaltu daawwatama?

Finfinnee: Masaraan Biyyaaleessaa torban kana daawwannaaf banaa ta’uun ni beekama. Masarichi erga ijaaramee kaasee mootummoonni garagaraa keessa jiraatanis  xiyyeeffannaan kennameefii otoo hinhaareffamiin tureera.

Erga Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gara aangootti dhufanii as mul’ata isaan qabataniin waggoota afran darbanitti akka haareffamu kallattiin kennamee haareffamaa ture. Masarichi waan hambaa ta’eef bifa hambummaafi bifa ittiin ijaarame eeggateen haareffameera.

Masaraan haala kanaan hojjetame ji’oota afur dura ifatti kan eebbifame yoo ta’u, ji’oota afran darbanitti ammoo masaricha ummataaf banaa taasisuuf wantoota guutamuu qabanirratti hojjetamaa tureera. Masarichi Kibxataan ala guyyoota hunda ganama sa’aatii 3:00 hanga 11:30tti tajajila kenna.

Nutis ifatti banamu masarichaa ilaalchisuun maal maalfaa, haala kamiin daawwachuun akka danda’amu Sadarkaa Ministir De’eetaatti, Daarektara Olaanaa Bulchiinsa Masaraa Mootummaa Obbo Mitikkuu Dheeressaa dubbisneerra.

Akka isaan jedhanitti, wayita ammaa masaraa kana namu kamuu daawwachuu danda’a. Masaricha keessa hambaaleen garagaraa kanneen akka konkolaattotaa bara Hayilasillaasee kallattiidhaan ajajasaaniitiin bitaman ni argamu.

Konkolaattonni kunnen yeroo dheeraaf mukni irratti jigee awwaara dhugaa kan turan yoo ta’u, amma haareffamee miidhagfameera. Lammaffaan masarichuma mataasaati. Masarichi haala nama ajaa’ibuun aartiiwwan garagaraa daawwatamuu danda’an qabatee kan ijaarameedha.

“Gaafa keessa seenamummoo meeshaalee garagaraa bara Hayilasillaaseerraa kaasee hamma Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudeetti ittifayyadamaa turan kanneen akka teessumaa, meeshaalee ittiin nyaatamaniifi kkfn akka daawwannaaf mijatutti tooraan kaa’amaniiru.

Akkasumas achuma keessatti suurawwan gaggeessitoonni biyya alaa bara Hayilasillaaseerraa eegalee hamma Pirezdaanti Saahilawarqitti wayita kennaa kennan agarsiisu, furtuuwwan gaggeessitoonni biyyoota alaa kennan, kennaawwan dippilomaatonni arjooman nidaawwatamu” jedhu.

Teknolojiifi amantiin walqabatees wantoonni daawwataman nijiru. Akkasumas meeshaaleen gatijabeessa ta’an warqiifi diyaamandiirraa hojjetamanii mootichi ittifayyadamaa turan, uffannaan, gonfoowwaniifi kkfn kan daawwataman ta’uu ibsu. Erga kunneen daawwatamanii booda mooraa masarichaa mataasaatiin miidhagina tokko ta’uu eeranii, bineensonni kanneen akka leencaa, qeerransaa, weennii, qamaleefi kkfn waan jiraniif daawwatamu jedhan.

Akka ibsa Obbo Mitikkuutti, bashannaaniif restoraantonni biyyoota akka Xaaliyaanii, Baha Giddugaleessaa, Itoophiyaafaa nijiru. Bunas ‘One koo Coffee’n nidhiheessa. Kaafteeriyaawwan tajaajila kennanis nijiru. Kana malees gaalariin aartii namoonni dhuunfaa kireeffatanii banan, uffatiwwan aadaa biyya keessaafi Afrikaallee bakki ittigurguraman nijiru.

“Haaressa hambaalees ta’e hojiiwwan misoomaa addaddaa ministira muummeetiin kallattiin kaa’amee hojjetamaa jiran har’a gatii olaanaa nu haa kaffalchiisu malee dhaloonni borii garuu booneefi boquusaa ol qabatee akka jiraatuuf kan fayyadaniidha. Utuu hambaawwan akkanaa qabnuu, utuu waanuma xiqqoodhaan bareechinee kaa’uu dandeenyuu akkuma qabeenyaattuu ilaalaa hinturre.

Turizimiin walqabatees biyyi keenya baay’inaan daawwatamaa hinturre. Warri dhufanis dafanii ba’u. Amma garuu turistoonni yeroo dheeraaf turanii akka daawwataniif iddoowwan daawwatanii iitibashannanuu danda’an baay’een hojjetamaniiru.

Kaan qabeenyasaanii invasti gochaa jiru jechuudha. Waanti nyaataafi dhugaatiif, bultiifi tajaajilawwan addaddaatiif baasan qabeenya guddaadha.

Gama hambaa beeksisuutiinis qabeenyaafi guddina biyyattii agarsiisuufi maqaa Itoophiyaa ol kaasuu keessatti gahe qabaachuu kaasanii, galiin turizimiin dinagdee biyyaa akka utubu dubbatu.

Akka fakkeenyaatti galii Paarkiin Tokkummaarraa argameen godambaan konkolaataa masaricha keessaa ittiin hojjetamuu eeranii, kana jechuun galiin tokkorraa dhufu tokko ijaaraa jiraachuufi galiin kanarraa argamu ammoo masaraawwan sagal kan biroo Itoophiyaan qabdu haaressuuf akka gargaaru kaasu.

Gama carraa hojii uumuutiin waggoota afran darbanitti namoonni kuma sadiifi 500f hojiirra turuufi amma ammoo namoota 200 oliif dhaabbiidhaan carraa hojii uumamuu ibsaniiru.

“Masaraa haala kanaan haareffame namni hundu dhufee daawwachuu qaba. Yommuu dhufanis nyaata, dhugaatiifi meeshaalee nageenyaaf sodaachisoo ta’an qabatanii seenuun waan hindanda’amneef qabachuu hinqaban.

Kanarraa kan hafe bilbila harkaafi qarshii kaffalanii daawwatan qabatanii dhufuu qabu. Haalli kaffaltiis akaakuuwwan lamatu jira. Tokko kanneen hambaawwan mana keessa kutaalee shanitti qoodamanii jiran galanii daawwachuu barbaadan qarshii kuma tokko kaffalu.

Warri waantota mooraa keessa jiran barbaadan ammoo qarshii 300 kanfalu. Daa’immaniin walqabatee daa’imman waggaa shanii olii haaluma walfakkaatuun kan seenan ta’a. Kanneen gareedhaan mana barumsaatiin dhufan garuu qarshii 150 kaffalanii seenu. Waanti daa’imman waggaa shanii gadiif ta’u waan hinjirreef isaan akka daawwataniif hangas mara kan jajjabeeffamu miti” jedhan.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

Recommended For You