“Geejibni baaburaa Itiyoo-Jibuutii baasii xayyaaraafi konkolaataa %60 hir’iseera”  – Injiinar Yoonaas Ayyaalewu

Dirree Dhawaa: Geejibni baaburaa Itiyoo-Jibuutii meeshaaleefi namoota geejibsiisuuf baasii xayyaaraafi konkolaataa %60 hir’isuu Raawwachiisaa Hojii Olaanaan Korporeeshinii Hojiiwwan Ijaarsaa Itoophiyaa Injiinar Yoonaas Ayyaalewu ibsan.

Injiinar Yoonaas waltajjii Waa’ee Itoophiyaa bu’uuraalee misoomaarratti xiyyeeffachuun tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin Magaalaa Dirree Dhawaatti adeemsifamerratti oggaa yaada ka’umsa marii dhiyeessan akka jedhanitti, geejibni daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutiifi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa guddina dinagdee biyyattii keessatti shoora guddaa gumaachaa jiru.

Geejibni baaburaa Itiyoo-Jibuutii baasii xiqqeessuutti dabalee meeshaalee xayyaaraafi konkolaataan geejibsiisuuf mijatoo hintaane geejibsiisuurratti gahee leencaa taphachaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajilli geejiba baaburaa Finfinnee terminaalota gahaa dhabuu cinatti lafa jala ta’uu dhabuusaatiin danqaa uumeera. Magaalattii bakka lamatti qooduun ala waan daandii qaxxaamuraa hinqabneef hawaasni gamaafi gamanaa haala gaariin akka walhin qunnamne taasiseera.

Baadiyyaafi magaalaa walqunnamsiisuu xiyyeeffannaa keessa hingalchine. Duuchumatti, tajaajilichi faayidaasaarra kisaaraansaa olaanaa waan ta’eef ittiyaaduun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Yommuu haala duraan tureen ilaalamu Itoophiyaatti uwwisni daandii %550 irra jiraachuu ibsanii; akka Afrikaatti uwwisa daandii waliigalaan %37 irra jiruun oggaa walbira qabamu garuu hojii bal’aan akka hafu yaadachiisaniiru

Itoophiyaan biyyoota Sahaaraa gadiin yommuu walbira qabamtu uwwisa daandiin teellaa jiraachuus qeeqaniiru.

Itoophiyaan akka biyyoota Afrikaa biroo liqii guddaan daandii ijaaruurra potenshaala mataasheen socho’uun muuxannoo guddaa ta’uu dubbatanii; ta’us sababa qulqullina dhabuuf baasiin suphaa daandiifi kontiraata addaan kutuun walqabatu olaanaa waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo addaa fedhu ta’uu eeraniiru. Magaalaa Finfinnee qofatti suphaa daandiif kutaa magaalaa tokko qofatti waggaatti baasii hanga qarshii miliyoona 800tu ba’as jedhaniiru.

Ijaarsi daandii konkolaataa qofarratti  xiyyeeffataa ture misooma koriidariin kan dhala namaas deebii argachuu kan ibsan Injiinar Yoonaas; keessattuu, aadaan daandii lafoorra gamtaan imaluufi biskiliitii fayyadamuun cimuu akka qabu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, konkolaattonni al tokkotti namoota hedduu fe’anii magaalaa keessa ummata deddeebisan nageenya daandiifi fayyaa hawaasaaf rakkoo mataasaanii qabu. Miilaafi biskiliitiin imaluun daandiifi fayyaa hawaasaaf daran murteessaadha. Faalama qilleensaa hir’isuuf tajaajila geejibaa konkolaataa elektiriikii eegaluun waan jajjabeeffamuu qabudha.

Gama biraatiin geejiba qilleensarraa cimsuuf buufatawwan xayyaaraa 50 qabaachuun carraa guddaa ta’uu eeranii; ijaarsa buufata xayyaaraa sadarkaa idiladdunyaatti dorgomaa ta’e Bishooftuutti eegaluuf karoorfamuus dubbataniiru.

Geejiba galaanarraatiin walqabatee Itoophiyaan buufata doonii biyyoota biroon walquunnamtu mataashee dhabdus Jibuutii dabalatee buufata doonii biyyoota ollaa fayyadamuuf carraaqqii guddaa taasisuushees yaadachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

Recommended For You