
Bakka jirutti boonee, bakka imaluuf osoo hindaganne, bakka biyyiifi mootummaan isa barbaadutti ramadamee hojjachuu malee hojii kan hinfilanne, yeroo tokko ol muudamaa yeroo biraa ammoo gadi muudamuun hamileefi kaayyoosaa kan hinsochoofne fakkeenya obsaa, hoggansa gorsaa.
Barsiisaa sadarkaa 1ffaa irraa hanga dhaabbata galii qulqulluu argachuudhaan akka biyyaatti tokkoffaa ta’e hogganuutti, Kantiibaa Magaalaa Baatuutii hanga Kantiibaa Ambootti; hoggansa aanaa Adaamii Tulluutii hanga Shawaa Bahaatti, Biiroo Misooma Magaalaa Oromiyaatii hanga hundeeffama Magaalaa Shaggariitti, Waldaa Liqiifi Qusannaa Oromiyaa hundeessuurraa hanga hogganuutti, nama daandii daddabaafi dheeraa keessa lufee, har’a bakka guddaatti ol dhufe.
Arjaa harka bal’atu, kan gaafa mindaa fudhate hunda rakkataa arge mara bira darbuu dadhabee waan harkaa qabu osoo raabsuu harka qullaa manatti galu, fayyaalessa fayyaa hiyyeessaatiif cinqamu, osoo barsiisee galuu dubartii qoraan baattee imaltu harkaa fuudhee baateefii eebba fudhatu, nama guddaa, abdii hundaa.
Haxxiyyaan Arsittiin golatti deette Oromoofi biyyaaf gumaachite, beekaa biyyi beette, hayyuu hambi dhageeffatte, dhiira daandii dheeraafi daddabaan hedduun booda har’a bakka yaade gahee, akka yaade ta’e, Doktar Bariisoo Amaloo.
Barsiisaa durii mana barnootaa Abboosaa sadarkaa 1ffaa, barsiisaa durii mana barnootaa sadarkaa lammataa Baatuu, Bulchaa Ittaanaa durii Aanaa Adaamiitulluu, Kantiibaa durii Baatuufi Amboo, hoggansa duraanii Waajjira Misooma Magaalaa Godina Shawaa Bahaa, gorsaa durii Biiroo misooma Magaalaa Oromiyaa, Hundeessaafi Ittaanaa Gaggeessaa WALQO duriifi Hojigaggeessaan Geejiba Galaanaafi Loojistiksii Itoophiyaa yeroo ammaa Doktar Bariisoo Amaloo keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.
Turtiin isaan waliin taasifne akka ittaanutti dhihaateera.
Bariisaa: Mee jalqaba dubbistoota keenyaan walbaraa, Doktar Bariisoo eenyu, eessatti dhalatanii guddattan kan jedhurraa haa eegalluu?
Doktar Bariisoo: Tole. Ani Bariisoo Amaloon jedhama. Iddoon dhaloota kootii immoo Oromiyaa, Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nageellee Arsii, Ganda Kooticha jedhamutti. Mana barnootaa sadarkaa jalqabaas achuma, ganduma itti dhaladhetti mana barnootaa Golbii Malkaa Buttaa jedhamuttin eegale. Barnoota sadarkaa giddugaleessaatiif gara mana barnootaa Sooqiddoo jedhamu iddoo dhalootakoorraa kiiloomeetira 20 fagaatuttin hordofe.
Barnoota kutaa saddeettaffaaf maatiin keenna irrajireessaan naannawa Shaashamannee waan jiraniif garasitti imalee mana barnoota Abiyot Firee jedhamutti baradhe. Barnoota sadarkaa 2ffaatiif garuma Nageellee Arsiitti as deebi’uudhaan barnoota sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa hanga 12ffaa mana barnootaa sadarkaa lammataa Magaalaa Nageelleetti argamutti xumure jechuudha.
Garuu barnoota Nageelletti haaxumuru malee daa’imummaarraa kaasee gara Baatuutti deddeebi’uudhaan waan guddadheef namootni hedduun akka dhalataa Magaalaa Baatuu ta’eetti nabeeku.
Hariiroon kiyyaafi kan Magaalaa Baatuu xiqqeenyarraa keessa jiraachuu qofa osoo hintaane, hojii barsiisummaas tokko jedhee kan eegale Baatuutti. Yeroo jalqabaatiif kantiibaa ta’ee kanin tajaajile Magaaluma Baatuu waan ta’eef anis Baatuu akka nama daa’imummaarraa kaasee keessa jiraatee qofa osoo hintaane akka dhalataa achiittin jaaladha.
Bariisaa: Barnoota sadarkaa lammataa erga Nageelletti xumurtanii booda, barnoota olaanaa eessatti barattan? Akaakuu barnootaa kamiin?
Doktar Bariisoo: Barnoota sadarkaa 2ffaa ergan Magaalaa Nageellee Arsiitti xumuree booda barnootaaf kan imale gara Kolleejii Barsiisota Adaamaatti ture. Akaakuu barnootaa Muummee Afaan Oromoo ergan achitti hordofaa turee booda, eebbifamee tokko jedhees kanin hojii eegale mana Barnootaa Abboosaa Sadarkaa 1ffaa Magaalaa Baatuu, Ganda Abboosaatti argamutti ture.
Ergan xiqqoo achi barsiisee booda gara mana barnootaa sadarkaa lammataa Baatuutti ol dhufuudhaan Afaan Oromoo barsiisuu ittifufe. Achitti akkuman semistara tokko qofaa barsiiseen mootummaan ergama guddaa tokko nutti kennee gara Wallaggaatti nu erge. Haala sanaanin barsiisummaa keessaa bahe jechuudha.
Bara 1990tti gara Wallaggaatti kan ergamneef yeroo sana Baankii Baadiyyaa, boodarra Waldaa Liqiif Qusannaa Oromiyaa, yeroo ammaa kana immoo gara Baankii Siinqeetti kan guddate hundeessuuf ture. Achitti waggaa lamaaf hojii Waldaa Liqiifi Qusannaa Oromiyaa kana hojjennee booda bara 1992tti garuma Magaalaa Baatuutti deebi’ee hojii bulchiinsaatti makame jechuudha.
Bariisaa: Barumsaaf baatanis Baatumatti deebitu, hojiif bakka biraa deemtanis xumurraan achumatti deebitu, hariiroon keessaniifi kan Magaalaa Baatuu kun maal ta’inna?
Doktar Bariisoo: Waanti sidhibu namoota hedduutti dhalootaanuu ijoollema Baatuun itti fakkaadhaa bar. Kana qofa osoo hintaane, namoonni maqaan Bariisoo biroo hedduun waan jiraniif, “Bariisoo Baatuu san” naan jedhu namootni baay’een. Akkuma dura sii kaase mana barnootaa sadarkaa lammataan booda ani kallattumaan gara Baatuu dhufe. Kolleejii barsiisotaas deemee xumurraan Baatuutti deebi’e, hojii barsiisummaa achitti eegale, Wallaga deemee namoota biroo waliin erga WALQO hundeessinee boodas gara Magaalaa Baatuutti deebi’ee Bulchaa ittaanaa Aanaa Adaamii Tulluu ta’uun bara 1992 hanga 1996tti tajaajileera.
Hariiroon kiyyaafi kan Magaalaa Baatuu asitti osoo hindhaabbanne boodas Kantiibaa Magaalaa mallattoo kiyyaa taate, Baatuu ta’ee tajaajiluudhaan hariiroo walirraa cituu hindandeenye horadhe. Achumatti bultii godhadhee ijoollees horadhe. Kanaaf anaaf Baatuun hariiroo dhiigaan walitti makamee jireenyaan walitti hidhame walkeessaa qabna jechuudha.
Bariisaa: Hojii bulchiinsa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa booda garamitti imaltan?
Doktar Bariisoo: Sana booda gara Magaalaa Shaashamanneetti imalee achittis hojuma bulchiinsaa keessatti hojjachaa ture waggoota lamaaf. Maaltu uumame sitti fakkaate bara 1998 yeroo Godinni Arsii Lixaa hundeeffamuu jalqabu waan tureef caasaalee haaraa sadarkaa godinaatti hundeessuufi namoota haaraa iddoowwa adda addaarraa achitti ramaduun yeroon haala mijataa argadhutti kanin filadhe dhaabbiidhaan hojii mootummaa gadilakkisee barnoota barachuu ture.
Kanaaf haaluman amma sii kaaseen kanaan hojiidhiisee Kolleejii Adveentistii galuudhaan digrii jalqabaa ‘Comminity Developmentiidhaan’ argadhe. Sana booda godina haaraa sanatti ogeessa olaanaa ta’ee akkuma mindeeffamaa tokkootti hojjedhe. Ergan xiqqoo Godina Arsii Lixaatti hojii mootummaa keessa ogummaan hojjadhee barnoota digrii lammataatiif gara Finfinneetti ol dhufe.
Ergan barnoota digrii lammataa xumuree booda gara magaalattii tiyya jaaladhuu, Kantiibaa Baatuu ta’ee muudame jechuudha bara 2003tti. Yeroon barnoota xumuree deebi’u mootummaan akkan tajaajiluuf na gaafannaan anis gammachuu guddaadhaan magaalaa Daawwitii jireenyaakoo taate, ummata najaalatuufi anis isa jaaladhutti ramadamee hojjachuuf carraa argannaan gammachuudhaan muudamicha fudhadhee kantiibaa magaalattii ta’e jechuudha.
Ergan bara 2003fi 2004 achitti tajaajileen booda bara 2005tti Hojii Misooma Magaalaa Godina Shawaa Bahaa hogganuuf gara sadarkaa godinaatti oldhufe. Achittis ergan hanga bara 2005 tajaajileen booda bara 2006tti gara Oromiyaatti ol dhufe jechuudha.
Adeemsi kiyya kun bakka mootummaafi ummanni itti na barbaadu hundatti osoon hojii hinfilatiin bakka itti ergametti imalee hanga narraa eegamuu ol hojjadhee agarsiisuunkoo iddoorraa iddootti jijjiiramuu koo kanaaf sababa guddaadha. Kanumarraa ka’uun Godina Shawaa Bahaarraa ka’uun Gorsaa Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa Oromiyaa ta’ee hojiitti gale.
Keessumaa yeroon gorsaa biirichaa ta’ee hojjadhetti godinaalee Oromiyaa hunda keessa deemee barachuuf carraa argadheera. Mootummaas tajaajilee tajaajila narraa eegamus gahumsa olaanaadhaan bahadheera jedheen yaada.
Bara 2007 hanga 2008tti immoo Waldaa Lqiifi Qusannaa Oromiyaa sadarkaa Gaggeessaa Ittaanaatiin muudamee waggaa tokkoofi walakkaa tajaajilee jala bultii jijjiiramaatti ergaa guddaa Kabajamoo Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad’faan natti kennan qabadhee Kantiibaa Magaalaa Amboo ta’ee garasitti qajeele jechuudha.
Bariisaa: Haala ulfaataa yeroo sana ture akkamitti yaadattu? Gama tokkoon qabsoon ummataa dhiibee dhufee, gama kaaniin immoo sirni aangoorra ture isin hacuuca akkamitti keessa dabartan?
Doktar Bariisoo: Akkuma atuu jette yeroon sun yeroo daran ulfaataa qofa osoo hintaane, naannawichi iddoo ijoo qabsoon sirna diddaa gabrummaa Oromoo itti haarome waan ta’eef qormaanni ture salphaa miti.
Nuti garuu akka hoggansaatti ummanni qabsoo diddaa gabrummaasaa karaa nagaatiin akka gaggeessuufi qeerroofi qarreen naannawichaa miira walhubannaa qabuun akka adeeman hojii guddaa hojjachaa turre. Booda akkuma qabsoon ummataa milkaa’ee jijjiiramni barbaadamu dhufeen anis waan achitti ergameef milkeessee garuma hoggansa Biiroo Misooma Magaalaa Oromiyaatti ol deebi’e jechuudha.
Akkuma yeroon adeemaa dhufuun jijjiiramni karaa qabatee fedhiin ummataa dhugoomee yeroo sirni jijjiiramaa lafa qabatutti anis akka nama achi keessatti qooda qabuutti hedduu itti gammadee jijjiiramicha sirnaan hogganuuf of qopheessuutti gale.
Jijjiiramicha sirnaan gaggeessuufi waan qeerroofi qarreen hedduu itti wareegaman beekumsaan hogganuuf anis namoota muraasa waliin Doktar Abiyyi biratti waamamnee orranteeshiinii gahaa fudhachuudhaan barnoota dabalataatiif Chaayinaatti ergamne jechuudha. Barnootakoo digrii sadaffaa ‘International relation’/ qunnamtii biyyoolessaa/n xumuree gara dhaabbata guddaa barnootaafi muuxannoo guddaa barbaadu kanaatti dhufe.
Yeroon barumsaaf Chaayinaa ture sun barnoota qofaaf osoo hintaane, yeroo muuxannoo biyyoota garagaraa itti qorachaa tureefi carraan argadhetti fayyadamuun kitaabota afur barreesseera.
Jijjiiramni dhufe biyya kanaaf maal jechuu akka ta’e, jijjiirama argame haala kamiin tiksuun akka barbaachisuufi dhimmoota garagaraarratti barreesse.
Bariisaa: Mee amma gara iddoo amma jirtaniifi dhaabbata hogganaa jirtan, Dhaabbata Geejiba Galaanaafi Loojistiksiitti haadeebinuutii dhufaatii jijjiirama keessan duraafi booda dhufe akkamitti gamaaggamtu?
Doktar Bariisoo: Dhaabbata kana qofa osoo hintaane, akkuma biyyaattuu dhaabbileen mootummaa hundi rakkoo imaammataafi tarsiimoo qajeelaa ta’een buluu qabu turan. Dhaabbilee hedduun kan hogganaman hojmaataan osoo hintaane, fedhii namoota dhuunfaa dhaabbilee hoggananiin murtaa’aa ture. Kanaaf dhaabbilee hedduun fedhiifi dantaa namoota sirnicha keessatti dhageettii qabaniin malee hojmaataafi tarsiimoo mataasaatiin hogganamaa hinturre.
Kanaaf dhaabbanni kunis akkuma dhaabbilee Itoophiyaa kanneen birootti hojmaata sirriin osoo hintaane, fedhii namoota dhuunfaafi sirna darbe keessatti amanamoo ta’anii qofarratti hundaa’ee akka isaan barbaadanitti hojjachaa kan tureedha.
Jijjiiramaan as garuu jalqaba iddoo hojii mijataa ta’eefi waajjira guddina dhaabbatichaan malu qopheessuu, tarsiimoo qorannorratti hundaa’eefi fedhii namootaatiin asii achi hinbutamne baasuudhaan hojiitti galchuu, qajeelfamniifi imaammanni bu’aa caaluuf dhaabbaticha qopheessu hojiitti hiikuudhaan yeroo ammaa dhaabbatichi gara daandii milkiitti akka deebi’u gochuun danda’ameera.
Jijjiirama dhaabbaticha keessatti yeroo ammaa dhufe ibsitoota garagaraatiin kaa’uun kan danda’amu yoo ta’u, yoo gama kaargoo qofaan ilaalle jijjiirama dura kaargoo alaa galu kuma 413 hincaalu kan ture yeroo ammaa dachaan dabaleera. Kan biyya keessaa meeshaalee biyyattii gara alaatti ergaman baatee deemu daran xiqqaa qofa osoo hintaane, sadarkaa hinjiru jedhamurra gahee ture.
Barana raawwii ji’oota saglan darbanii qofaan yemmuu ilaallu kaargoo alatti ergamerraa doolaara kuma 4080 biyyaaf galchuudhaan hanqina sharafa alaa salphisuuf yaalameera. Doolaarri hangana gahu waggaa lamaa sadittuu kan argamu waan hinturreef bu’aa jijjiirama kanaati jechuudha.
Inni biraa haaromsi guddaan dhaabbatichatti taasifne caasaaleesaa qorachiisuudhaan bifa sadarkaa addunyaa eeggateen irra deebiidhaan gurmeessuudha. Riifoormiin akkasii hojjataan waan hojjatutti gammadaa ta’eefi dhaabbata hojjatuuf jaalatu akka uumamu kan taasisu waan ta’eef, bu’aqabeessuummaa dhaabbatichi jijjiirama booda galmeessisaa jiruufis akka utubaa guddaatti kan ilaalamuudha.
Yeroo ammaa dhaabbatichi dooniiwwan 10, konkolaataawwan fe’umsaa guguddoo kuma 5070 oliifi buufata saddeet kan qabu yoo ta’u, qabeenyi kun hundi hojmaataafi tarsiimoo ifaadhaan akka hogganamu taasisuun danda’ameera.
Ammaaf ulaa galaanaa qabaachuu baannus akkuma warra qabuutti Afrikaa bahaatti Itoophiyarra darbee biyyoota ollaatiifis dhaabbata tajaajila kennu ta’aa jira. Addunyaarrattis dorgomaa ta’aa jira. Kanaaf kallattiilee hundaan yoo ilaalte dhaabbatichi yeroo ammaa dhaabbilee akka biyyaatti daandii milkiirra jiran keessaa tokko jechuun nidanda’ama.
Kun akka qabatamaa ta’uuf bara darbe bu’aan dhaabbatichi waggaatti argate qarshii biliyoona 74 ture, barana gabaasa hanga ji’a sagalii jiru qofaan galiin dhaabbatichaa qarshii biliyoona 90 gaheera.
Jijjiiramaan dura gama bu’aa qulqulluutiinis yemmuu ilaalamu dhaabbatichi waggaatti yoo attam guddate qarshii biiliyoona lamaafi sadii caalaa hinargatu ture.
Bara darbe bu’aa qulqulluun dhaabbatichaa dachaadhaan dabalee gara qarshii biliyoona jahaatti guddateera. Kan baranaa ammoo raawwii ji’a sagalii qofaan bu’aa qulqulluun dachaa sadiin dabalee gara qarshii biliyoona 19 argachuunsaa agarsiistuu qabatamaadha.
Bariisaa: Dhaabbanni keessan yeroo hedduu galaanarra kan imaluufi daangaa addunyaa hunda kan dhaqqabu waan ta’eef, waraanni Awurooppaa bahaatti, Raashiyaafi Yukreen gidduutti, baha giddugaleessatti Israa’eliifi Filisxeem jidduutti adeemsifamaa jiru geejiba galaanaatiif qormaata akkamii isinirratti uume?
Doktar Bariisoo: Gaaffii bareedaadha. Keessattuu walitti bu’iinsa Israa’eliifi Filisxeemiin walqabatee gareen Yaman keessa socho’u, Huutiin dooniiwwan warra lixaa haleeluuf naannawa galaana diimaatti sochiin taasisaa jiran daldala galaanaa addunyaa jeeqeera. Kun biyyoota hundaafuu miidhaa guddaa qaba jechuudha. Garuu akka addaatti dooniiwwan Itoophiyaa sababa sanaan daandii galaana diimaa keessatti rakkoon hanga ammaatti irra gahe tokkollee hinjiru.
Kana jechuun garuu dhiibbaan nurra gahe hinjiru jechuu miti. Fakkeenyaaf dhabbanni Geejiba Galaanaa Meriski jedhamuufi nuti dooniiwwan hedduu irraa kireeffannee fayyadamaa turre sababa sochii garee Huutii kanaan karaa galaana diimaa darbuu waan sodaateef karaa naanna’aatiin dhiibbaan nurra gahuunsaa hinoolle jechuudha.
Garuu nutis furmaata biraa falannee dooniiwwan qabnutti sirnaan fayyadamuudhaan alaabaa Itoophiyaa itti fannifnee meeshaalee Itoophiyaan biyyoota alaatii barbaaddu hunda rakkoo tokko malee gara biyyaatti galchuu dandeenyeerra.
Asirratti hojii guddaan mootummaan keenya gama dippilomaasiitiin hojjate kan dinqisiifamuudha. Kunis maali yoo jette, waldhabdeefi atakaaroo biyyoota walitti bu’an lamaan jidduu jiru keessatti gahee qabaachuu dhabuunsaa, gamaafi gamanaanis osoo diina hinhoranne waan hafeef Galaana Diimaa dooniiwwan guguddoon addunyaa sababa yaaddoo nageenyaatiif irraa baqatan, dooniiwwan Itoophiyaa Alaabaa Itoophiyaa fannifatanii keessa burraaqaa jiru.
Kanaaf kun injifannoo mootummaan gama hojii dippilomaasii alaatiin galmeessaa jiruuf akka agarsiiftuu guddaa tokkootti kan lakkaa’amuudha.
Bariisaa: Gama Geejiba lafootiin hoo erga Jibuutii gahee booda meeshaa alaa gale saffisaan gara jiddugaleessa biyyaatti geejibsiisuun walqabateehoo maaltu fooyya’e?
Doktar Bariisoo: Hojiin guddaan nuti xiyyeeffannoodhaan ilaalluufi hojjannus meeshaan maamilaa tokkoo erga Jibuutii ga’ee dafee akka qaqqabu taasisuudha. Kanaaf turtii yerootiin walqabatee komiin maamilaas kan ka’aa ture bakka kanatti jechuudha. Anis akkan dhaabbata kana gaheen komiin maamilli himachaa ture sirrii ta’uun hubadhe.
Kanaaf komii maamilaa kanaaf wanti nuti akka furmaataatti qabannee ittis milkoofne, daandii baaburaa Itoophiyaa waliin waliigaltee uumnee, nuti meeshaa tokko alaa galchinee erga Jibuutiin geenneen booda, isaan immoo achirraa fuudhanii saffisaan akka geejibsiisan taasisuudha. Kana qofa osoo hintaane, humna daandii baaburaa cimsinee hojicha akka hojjatu gochuuf haala liqii alaa itti argatu mijeessuurraa hanga kaargoo konkolaattota keennarraa hiiknee kennuufiitti deggaraa jirra.
Yeroo ani gara hoggansa dhaabbata kanaatti dhufu meeshaalee akka Jibuutiirraa fe’uuf gaheen baaburaaf kennamu dhibbantaa 16 hincaalu ture. Kun yeroo ammaa gara dhibbantaa 35tti guddateera.
Kana qofaa osoo hintaane, sa’aatii geejibni fudhatus yeroo yerootti fooyyessaa jirra. Gama kanaan meeshaa tokko Jibuutiirraa fuunee maamila harkaan gahuuf guyyoota saddeet caalaa nutti fudhachuu hinqabu jennee eegallee, yeroo ammaa guyyoota torba keessatti abbaa harkaan gahuu dandeenyeerra. Kunis waan gahaa hintaaneef caalaatti fooyyessuu qabna jennee hojjachaa jirra.
Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif guddaa galatoomaa!
Doktar Bariisoo: Isinis nu iyyaaffatanii waan hojjachaa jirru ummata biraan gahuuf dhufuu keessaniif galatoomaa!
Bayyanaa Ibraahimiin