“Bishaan dhugaatii sa’aatii 24:00 argachaa jirra”

Dhiyeenya kana gareen gaazexeessitootaa hojiilee misoomaa bishaan dhugaatiirratti godinaalee Arsii Lixaa, Baaleefi Arsiitti qaamolee dhimmi ilaallatuun hojjetamaniifi hojjetamaa jiran daaw’ataniiru.

Daaw’annichaanis hojiilee guguddoofi abdachiisoon hojjetamaa jiraachuun hubatameera. Gandoonni baadiyyaafi magaalaa godinaalee kanneenitti argaman ammaan tana bishaan dhugaatii qe’umasaanititi argachaa akka jiranis odeeffanneerra, argineerras. Godina Baaleetti jiraattonni Magaalaa Aliis waan irranatti jenne kana haala ittaanuun nuu mirkaneessaniiru.

Tajaajila bishaan dhugaatii sa’aatii 24:00 argachaa jiraachuu ibsan. Jiraattonni kunniin sagantaa imala miidiyaa milkaa’ina misooma bishaan dhugaatii galmaa’eefi galmaa’aa jiru ilaalchisuun qindoomina Biiroo Kominikeeshiniifi Bishaaniifi Inarjii Oromiyaatiin tibbana adeemsifamerratti akka ibsanitti; rakkoo duraan gama bishaaniitiin isaan mudataa ture keessaa bahuun ammaan tana tajaajila bishaan dhugaatii sa’aatii 24:00 argachaa jiru.

Jiraattuun magaalichaa Aadde Taayyachi Asfaawu jedhaman yaada addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, kanaan dura dhabiinsa bishaan dhugaatii qulqulluutiin daran rakkachaa turuu eeranii, amma garuu tajaajila bishaanii sa’aatii 24:00 argachaa jiraachuu ibsaniiru. “Duraan laga fageenyarratti argamu deemnee waraabbachaa turre. Amma garuu Rabbiin galanni haa ga’uu rakkoon sun furamee bishaan mana manaa waraabbachaa jirra” jedhan.

Jiraataan magaalichaa, Ganda 01 Obbo Tasfaayee Lammaa Daadhiis, kanaan dura dhabiinsa bishaaniitiin daran rakkachaa turre. Bishaan qulqullina hinqabne fagoorraa dabaree eeggannee waraabbannee fayyadamaa turre. Sababa rakkina bishaaniitiin rakkoolee adda addaatiifis saaxilamaa turre. Har’a ammoo qananii guddaa keessatti argamna. Of bira dabarreeyyuu loon keenya ganamaa galgala obaafataa jirra garuu taariifni bishaanii otoo nuu sirratee gaariidha jedhan.

Ittigaafatamaan Dhaabbata Bishaan Dhugaatii Mi’oo Agaarfaa Gaasaraa Obbo Kaliil Huseenis dhaabbannisaanii kun aanaalee afuriifi magaalota torba, gandoota baadiyyaa 45 tajaajila. Duraan Magaalaan Alii, Agaarfaafi Gaasaraan adduma adda hogganaa turan. Gandoonni kuun koreedhaan bulaa turan. Suphaa sarara bishaaniitiin walqabatee rakkoolee adda addaa mudataa turan jedhan.

Erga dhaabbanni kun bara 2012 hundaa’ee as garuu kenna tajaajilaa saffisaa gochuufi haalota adda addaa mijeessuudhaan akka ummanni sa’aatii 24:00f bishaan argatu taasifamuu eeranii; tajaajilamtoota kuma 400 oltu fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanneen keessaa maamilli manaa manatti fayyadamu kuma 22; boonoodhaan namoota kuma 100, waliigalaan maamiloonni kuma 285 ol dhaabbaticharraa bishaan dhugaatii qulqulluu argataa jiru jechuun ibsaniiru.

Magaalota torba keessaa Gaasara qofatu dabareedhaan fayyadamaa jira. Dhimmi taarifaan walqabatus qorannoodhaan kan adeemsifamu ta’uu eeraniiru; namni bishaan qulqulluu ittifufiinsa qabu argataa jiraatus komii taarifaa ni kaasu. Taariifni keenya xiqqaan qarshii 17fi saantima 50 yoo ta’u; guddaan ammoo qarshii 22. Jarikaanii 50 qarshii 22n bitachuun taarifa ga’aadha.

Namni qarshii baankii galfate kaardii ATMn baafatu tajaajilaaf nikaffala. Nuti ammoo suphaa sararaafaa hojjenna; hojjetaadhaaf waggaatti qarshii miliyoona 15 kaffallee otoo baasiiwwan dabalataa adda addaa jiranuu taariifa kanaan tajaajiluudhaan negetivii keessa jirra. Oggaa haalli tajaajilaa bal’ataa deemu fedhiin ummataas waan guddatuuf malee rakkoon taarifaa hamaan hinjiru.

Waajjiraalee sadarkaasaanii eeggatan bakkawwan saditti ijaaramaniiru. Ammaan tana suphaan yeroo gabaabaa keessatti raawwatama.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

 

Recommended For You