“Bara hinbeekanii saree kana akaayii barsiisaa”

Mootii hattuu tokkotu ture, ilmaansaa miti sareensaayyuu foon malee waa biraa hin nyaatani. Maatiin mootichaas, sareenis horii harkaqal’eeyyii saamamee guyyuu qalamuufiin of bokoksanii deeffachaa yoo deeman mul’atu.

Maanguddoon biyyaa taatee kana ija hubannaan ilaalan saree foon quufee karaa darbaa nama dhorku, guyyuu foon malee hin nyaanne qaamaanis hanga arbaa gahu kanatti gaddanii “Buqqeen barri kenneef dhagaa cabsa jedhani maal dubbanna safuudha’’ jedhu turan.

Mootiin kun maal ta’uusaati loon harkaqal’eeyyii qalee harka duwwaa isaan hanbisee osoo maatiinsaa hinhafiin sareesaallee foon muree nyaachisuun sirriidhaa? Sirrii miti namni akka horii nyaatu gaafa akka namaa nyaate isa dhiba jedhama. “Kanaaf bara hinbeekanii saree kana akaayii barsiisaa” jedhan maanguddoon kun.

Sirni sirna nyaatee barri qabeenya namaa saamanii itti of bokoksan hafnaan mootiin kaleessa dheengadda akka dhulaandhulaa ummata xuuxaa ture yoo dhabamsiifamu sareen foon nyaachuu bare mar’ummaan buusee gururi’uun daandiirra deemuu eegale.

Akaayii jala keenyaanis homaa fuunfachuu dide, isa kaleessa qabeenya namaa golaa baasanii qalanii nyaataa turan sana har’a argachuu miti yaaduunuu dhorkaa ta’uusaatiin sareen gururi’aa du’aaf of saaxile.

Akkuma maanguddichi jedhan osoo dur akaayii bareera ta’ee bara bahuu danda’aayyu. Waan akka baran mitii akka baraa bulu jedhameefis sareen foon malee waan biraa nyaataa hinturre akaayiidhaan bara bahuu dadhabee du’asaa dhaqe jedhama.

Afoolli kun maaliif ka’e jechuun hinoolu. Yeroon amma keessa jirru kun yeroo itti hojjennee of jijjiirruudha malee yeroo itti oftuulummaafi miira namalee Itoophiyaan nidiigamti jedhuun sabaafi sablammii saamaa, maqaa tokkummaan qabiyyee namaatti abbaa ta’anii, abbaa lafaa ciisanyaa godhanii irra ciisanii nyaatan akka hintaane beekuun dirqama yeroon gaafatuudha.

Warri ilaalcha eebbifamaafi siyaasa gabaan barbaadu walqixxummaa kana ofitti fudhachuu dadhaban osoo hinjaalatiin akkuma sareen foon malee akaayii hin nyaadhu jedhu sanii, kan isaan eeggatu du’a qofa waan ta’eef jiraachuuf biyya fakkaachuun olaantummaa seeraatiif bitamuun dhimma filannoo hinqabne ta’uu beekanii itti jiraachuun barbaachisaadha.

Kaleessa, dheengadda, bara dahoo godhachuun maqaa Itoophiyummaafi tokkummaatiin golaafi goolloo biyyaa golgoleessuun duuniyaan kan badhaadhaan, mirga dimokraasii sabaafi sablammiilee ukkaamsuun olaantummaa saba tokkoo, afaan tokkoo, aadaa tokkoo lallabaa, siyaasa finxaalessummaan cunqursaa gaggeessaa kan turan har’a miira sana keessaa bahuun raacitii sanarraa of qulleessuun dirqama osoo hadhaa’uu dhandhamamuu qabuudha.

Abbaan lafaa lafasaarratti abbummaa dhabee sirna bulguuf irboo safaraa maqaa ciisanyaa jedhuun sirna maxxantuu akka silmii itti fe’amee ture sooraa ofii beela’aa, dhiitamaa, hiraarfamaa biyyaa baafamaa turuu seenaatu ragaa baha.

Sirni sirna nyaatee qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa dargaggootaan taasifamaa tureen sirnoonni balaafamoo boquu ummataatti ba’aa ta’anii turan dabareesaanii eeganii hurraahuun Itoophiyaa haaraa qilleensi mijataa keessa tamsa’u biyya walqixxummaan sabaafi sablammiilee itti mirkanaahe taatee tajaajiluutti jirti.

Cunqursaan barootaa darbeera, dhiittaan mirgaas hafeera har’a jaarraa amma jirru kana keessaa Itoophiyaa haaraa hunda akkaataa hireesaaniin qixa tajaajiltu ijaaruuf keessumattuu hawaasummaan, dinagdeefi siyaasaan biyya gahoomte ijaaruuf humna guutuun hojjetamaa jira.

Keessumaa mootummaan jijjiiramaa bu’aa qabsoo haadhaa’aafi obsa fixachiisaa qeerroofi qarree akkasumas qondaaltota siyaasaa garagaraa ta’e gara aangootti dhufuu hordofee gadi qabaafi cunqursaan sabaafi sablammiileerra ture hundeedhaa buqqa’aa mirgi walqixxummaa kabajamaa jira.

Mirgi ofiin of bulchuu, naannoon ijaaramuu, afaan, aadaa, amantaafi siyaasa fedhan hordofuu akka gabbatu ta’ee ilaalchi doofaa namalee Itoophiyaan nidiigamti jedhu cabee har’a jijjiirama hirmaachisaa dhandhamuun Afrikaafillee fakkeenya ta’uun danda’ameera.

Jijjiiramni galmaa’aa jiru hubannoon yoo ilaalamu raajiidha kan nama jechisiisu yoo ta’u; imalli amma gama hawaas dinagdeefi siyaasaan galmaahaa jirus dhalootatti abdii kan horudha jechuun nidanda’ama.

Jijjiirama galmaa’aa jiru kana gammadee kan simatu akkuma jiru warri numalee Itoophiyaan nidiigamti jedhaniifi maxxantummaan boquu sabaafi sablammiirratti ba’aa ta’anii jiraachuu baran akka fedhiisaanii ta’uu dinnaan dhugaa argamu faallessuufi ilaalcha inaaffaafi diigumsaatiin guutamanii yoo ciniinnatan argamu.

Murnoonni ijaarama Itoophiyaa har’aa kana jibban yoo jiraatan warreen faallaa sirna federaalizimii yoo ta’an qabeenya ofiin humna ofiin hojjetanii of jijjiiruu caalaa maxxantoota boquu sabaaf sablammiileetti fe’amanii maqaa tokkummaan biyya saamaa golaa fi goolloo sabootaa fi sablammootaa golgoleessaa ofii nyaatanii garaa bokoksanii deemuu baran waan ta’aniif walqixxummaan, jijjiiramni galmaahaa jiru isaaniif waan liqimfamu hinfakkaatu.

Sababnisaas hanna, saamicha, kan ormaatti abbaa ta’anii abbaa qabiyyee cunqursanii jiraachuu warra bare waan ta’aniif walqixxummaatti hin amanani.

Jaarraa 21ffaa amma keessa jirru kana keessa namalee biyyi nidiigamti ilaalchi jedhu fudhatama kan hinqabne waan ta’eef akka baran osoo hintaane akka baraafi seeraatti buluun dirqama yeroon gaafatu ta’uu dagachuu hinqaban.

Har’a ilaalchi doofaa namalees ta’e raacitii sirnoota darbaniin of bokoksanii imala biyyaa duubatti harkisuuf yaaluun seeraanis seenaanis kan nama gaafachiisu waan ta’eef imala jijjiiramaa kana gufachiisuurraa of qusachuun dirqama osoo hadhaa’uu liqimfamuu qabuudha.

Eenyumtuu qabiyyeesaatti abbaa malee ciisanyaa jedhamee hinwaamamu, sababnisaas sirni ijaaramaa jiru sirna dimokraasii sirna walqixxummaa olaantummaa seeraan hogganamu waan ta’eef ilaalcha namalee Itoophiyaan nidiigamti jedhuuf kan bakka kennu hinjiru.

Yeroo ammaa injifannoowwan gama hawaas dinadeefi siyaasaatiin kanamalees dippilomaasiin akka biyyaatti galmaa’aa jiran hundeedhaa seenaa Itoophiyaa haaressaa Afrikaaf fakkeenya ta’aa itti jirruudha.

Kun yeroo ta’ee jirutti kanneen faallaa jijjiiramaa ta’an misooma biyyaa kan akka ulaa galaanaa, ijaarsi pirojektota fayyadamummaa hawaasaa giddugaleeffatan, yeroo itti babal’atan misoomawwan koriidarii wayita bal’inaan ijaaraman kun Itoophiyaaf maal godha ilaalcha jedhuun imala biyyaa duubatti harkisuuf ykn xiqqeessuuf oggaa yaalan mul’atu.

Maalirraa ka’anii akkas jedhu isa jedhu yoo xiinxallu dhugaadha akkuma harki hanna bare dooluutu socho’a jedhama dooluun sunuu hannaaf akka hinkakaane xiyyeeffannoon kennamee fayyadamummaa hawaasaarratti xiyyeeffatamee yoo hojjetamu akka baran sanatti buluu waan dadhabaniif mootummaa faallessu.

Marii tibbana qaamota garagaraa waliin Ministirri Muummee Itoophiyaa taasisaa jiraniin akka hanni dhiifama hinqabneefi hindanda’amne kaasaniiru. Dhimma misooma biyyaa faallessuun, xiqqeessuun akka hindanda’amne eeraniiru, yaadachiisananiirus.

Ta’us mootummaan jijjiiramaa ilaalcha murnoota duubatti harkistuu kaleessa, dheengadda ummata saamaa of bokoksaa turaniin imalichi akka hinliqimfamne kaasaniiru. Haa ta’u malee akka baran osoo hintaane akka baraatti (seeraatti) buluun dirqama ta’uu alseerummaa akkasiirraa ofqusachuunis dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaas haasaa tibbana taasisaniin Itoophiyaanis ta’e sirni yeroo ammaa ijaaramaa jiru sabaafi sablammii kan giddugaleeffate, dimokraasiif kan hojjetuudha malee akka sirnoota darbanii garee tokko hawaas dinagdeefi siyaasaan humneessuuf kan dhaabate akka hintaanes ibsaniiru.

Gadaan amma keessa jirru gadaa olaantummaa seeraa jalatti biyya keenya ijaarree walqixxummaan keessa jiraannuudha malee ilaalcha namalee Itoophiyaan nidiigamti jedhuun fedhan saamaa ykn cunqursaa kan ormaatti abbaa ta’anii jiraatan waan hinjirreef waliin hojjennee Itoophiyaa badhaateefi hundaaf taatu ijaaruuf tumsuun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

Recommended For You