Rabbirraa Leenjisaa: Dargaggeessa umrii 25tti dhaabbilee shan hundeessee seenaa galmeesse

Ganaa umriinsaa waggaa 13 osoo jiruu, deggersaafi gargaarsa maatii jalaa bahee hanga humnasaatti waan danda’e hojjatee of gargaaruun umrii ijoollummaa, ijoolleen hedduun taphaan itti dabarsitutti harka tokkoon barachaa harka biroon hojjachaa of ijaaruun seenaa dalaguu eegale.

Osoo qaamaan guddatee harkisaa hammachuudhaaf hin bilchaannetti faayidaa hammachuu baree kan lafatti sarare, barataa yunivarsitii ta’ee osoo jiruu kutaalee Oromiyaa garaa garaatti imalee dargaggoota 3,800 kan ijaare, gaafa qabsoo dura hiriiree gaafa nagaas misoomatti finiine.

Qe’ee ilmaan Tuulamaa, ona Sadeen Sooddoo Siibaatti Oromoorraa Oromoof kan dhalate, umrii gabaabduu kana keessatti seenaa jabduu dalagee dargaggoota boodaa dhufan hedduudhaaf dagalee kan ta’e gurbaan lafaa dhufaafi nafaa cufaa kun, Dargaggoo Rabbirraa Leenjisaati.

Hojii guguddaa kamiyyuu eegaluudhaaf qarshii guddaa osoo hin taane, mul’ata fagoofi tarsiimoo guddaa qabaachuun gahaa ta’uu agarsiise. Hojii osoo hin tuffatiin waan xixiqqaa irraa eegalee imala daandii guddinaatti kan dhufe dargaggeessi kun, ofiisaa qofaaf osoo hin taane dargaggoota hedduu of cinaa hiriirsuudhaan daandii guddinaatti fidaa jira.

Al tokkotti dhaabbilee shan hundeessee olaantummaadhaan hogganuu irratti kan argamu; al tokkotti yunivarsitiiwwan garaa garaa sadiitti barnoota gosa garaa garaa sadii barachurra kan jiruufi yeroo hundaa yaadota hojii haaraa kalaquudhaan hiriyyootasaa biraa dinqisiifannaa kan horate gurbaan kichuun kun, dhaabbileen inni waggoota jahan har’aa qarshii kuma 600n hundeesse kunniin har’a kaappitaallisaanii gara qarshii miliyoona 100tti ol guddachuu dubbata.

Akka inni jedhutti; namni tokko hojii kamiyyuu hojjachuudhaaf waan ka’uumsaaf ta’u maallaqni akka isa barbaachisu beekamaadha. Dhaabbata daldalaas ta’ee dhaabbilee tajaajilaafi kanneen biraa kamiyyuu ijaaranii sadarkaa guddaa irraan gahuudhaafis maallaqni ka’uumsaa dirqama.

Haa ta’uu malee, maallaqa guddaa caalaa dhaabbata wayii hundeessanii milkeessuudhaaf kan barbaachisu yaadaafi kaayyoo guddaadha. Namootni hedduun garuu maallaquma guddaa waan qabaniif hojii guddaa akka hojjachuu danda’aniitti yaadu. Kun immoo bakka yaadni, hojiifi kalaqni gahaan hin jirretti bizinasiin maallaqa qabaatanii qofaaf dhugoomu akka hin jirre muuxannookoo irraa baruun ni danda’ama jedheera.

Ani yeroon jalqaba dhaabbilee kanneen hundeessuudhaaf socho’utti namootni hedduun akka waan hawwii qofaa ta’eefi yaada hojirra ooluu hin dandeenyetti ilaalaa waan turaniif ni milkaa’a amantaa jedhus hin qaban turan. Namootni anatti dhihaataniifi anis dhimma kanarratti yaadaafi gorsa akka naaf kennaniif gaafadhu irra caalaan waan ana jajjabeessu osoo hin taane, waan hamilee kiyya nacabsee boodatti nadeebisu natti dubbachaa turan.

Ani immoo ejjannoo yoomillee taanaan hin sochoone tokko qaba. Innis maaliidha yoo jette, yaada namaa nan fudhadha malee kanan hojirra oolchu yaada ofiikootii maddisiiseefi itti amanu duwwaadha. Kana waan ta’eef ani yeroo hojii haaraa wayii eegaluudhaaf yaadee yaada namootaa gaafadhus yoo wanti najajjabeessuu danda’u jiraate naaf haa dabalanii jedheeti malee gaafa isaan na harkatti busheessan hojicha karaatti dhiisee biraa deebi’uuf miti.

Kana yommuun jedhu garuu, waan ani dogoggore tokko yaadan na mormanii qabatamaadhaan natti agarsiifnaan hin fudhadhu jechuu kootii miti. Hojiiwwan hojjadhu kamiyyuu keessatti wanti ani hin daganne tokkoofi namoota biroofis barnoota ta’a jedheen yaadu maal sitti fakkaate, dhaabbata tokko hundeessuun duratti qorannoo gadi fagoofi saayinsaawaa ta’e gaggeessuudha.

Hojiin qorannoo irratti hundaa’ee hojjatamu ammoo yeroo kamiyyuu taanaan, haalli addaa yoo isa mudateen alatti bu’a qabeessummansaa waan shakkisiisuu miti. Kanaaf dhaabbilee qorannoo ka’uumsa taasifachuun hundaa’an kana yaada namni qorannoo kamiyyuu osoo hin taasifne kenneen jijjiiruun waan yaadamuu miti.

Dhaabbileen koo irra caalaansaanii yeroo dheeraa fudhachuudhan qorannoodhan kan hundaa’an waan ta’eef yaaddoo kasaaraa hin qaban. Akka fakkeenyaatti yoon siif kaase hedduunsaanii erga yaadamanii waggoota lamaafi sadiin booda akka lafarratti hojii eegalan kantaasifamaniidha.

Dhaabbileen kunniin maqaa kaampanii Haadhoo ‘Jirraa Growers’ yookiin Guddattoota Jirraa jedhamu jalatti kan hammataman yemmuu ta’an, isaanis Dhaabbilee tajaajila xixiqqaa kophee qulqulleessuu irraa kaasee hanga tajaajila biddeena tolchuufi raabsaasaa, dhiheessaafi raabsa kuduraafi muduraa, raabsa midhaan sanyiiwwan gosa garaa garaa 13, raabsa zayitaafi miidiyaa walabaa JMN(Jirra Media Network)fi ‘Jirraa Coffee’n dhaabbilee qorannoon hundeeffamanii imala bu’a qabeessa ta’erra jiraniidha.

Dhaabbileen kunniin yaadaafi kaka’uumsa kootiin haa ijaaraman malee har’a kan itti fayyadamaa jiru dargaggootaafi ummata hedduudha. Amborraa hanga Roobeetti, Arsirraa hamma Harargeetti imalee dargaggoota 3,800 ta’an ijaaruudhaan buusii qarshii 50 ji’atti akka buusan taasisuudhaan har’a hunduu bu’aa firii dhaabbilee kanaa dhandhamachaa jira.

Dhaabbileen kunniin qorannoofi qophii waggoota lamaan booda bara 2014tti ifatti hundaa’anii hojii kan eegalan bakka hooggansi Olaanaan Naannoo Oromiyaafi miidiyaaleen biyyattii hundi argametti sagantaa Giddugala Aadaa Oromootti adeemsifameen yommuu ta’u, yeroo ammaa kanatti ammoo dhaabbileen hundi daandii guddina gaarii ta’erra jiraachuu qofa osoo hin taane, dhaabbilee dabalataa horachaa, dargaggoota hojii barbaadan hedduu hammachaa itti fufanii jiru.

Dabalataanis dhaabbatni ‘Furtuu Real State’ jedhamus hundaa’uudhaan eeyyama barbaachisu kan argate yemmuu ta’u dameen konistiraakshiinii kun xiqqoo maallaqa guddaa kan barbaadu waan ta’eef akka warra kaaniitti dafee hojitti galuu hin dandeenye.

Kanaan alatti dhaabbileen jiran hunduu of jalatti dhaabbataafi damee haaraa horachaa, tarsiimoofi imaammata yeroo keessa jirru waliin deemu sirreeffachaa gara fuula duraatti imaluu itti fufanii jiru.

Dhaabbata gama miidiyaatiin jiru JMN yoo siif kaase, hundaa’ee waggoottan lama keessatti deggersa mootummaafi abbootii qabeenyaa guguddoon alatti, har’a Gaazexeessitootaafi hojjattoota garaa garaa 74 ta’an hammatee, sagantaalee garaa garaa afaanota biyyattii jaha ta’aniin hojjachurratti kan argamuudha.

JMN TVn ji’oottan lamaan dhufan keessatti tamsaasasaa gara saatalaayitiitti kan ol guddisu yommuu ta’u, gama miidiyaa maxxansaatiinis barruun ‘Jirraa Post’ ji’atti yeroo lama maxxanfamaa dubbiiftoota bira gahaa jira.

“Oromoon akka baay’inasaatti dhaabbilee miidiyaa dhugaa saba kanaa himan gahaa hin qabu” amantaa jedhu kan calaqisiisu Dargaggeessi kun; keessattuu Magaalaa Finfinnee keessatti Oromoon baay’inaan osoo jiruu barruun Afaan Oromoo tokkittiin dhabamuun ‘Jirra Post’ hundeessuudhaaf kan isa kakaase ta’uu dubbata.

Hojiin dhaabbata miidiyaa maxxansaa ulfaataa ta’us ummatni kun afaansaatiin barruu yeroo yerootti maxxanfamu argachuu qaba amantaa jedhurraa ka’amee barruun kun akka maxxanfamu kan taasifame yemmuu ta’u, yeroo ammaa kanatti afaan sabichaa qofaan osoo hin taane, Afaan Amaaraatiinis barraa’ee dubbiftootaaf dhihaachaa kan jiruudha.

Walumaagalatti; yeroo ammaa Yunivarsitii Finfinneetti barnoota digrii lammataa barachaa kan jiruufi barana kan eebbifamu, Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojiitti immoo saayinsii kompitaraa hordofaa kan jiru gurbaan kichuun umrii 25 kun, dabalataanis Yunivarsitii dhuunfaa Lead Star jedhamutti ammoo barnoota saayinsii siyaasaa hordofuun yeroo tokkotti yunivarsitii sadii, damee barnootaa garaa garaa sadii hordofuunis fakkeenyummaa gaarii nama gonfateedha.

Yeroo gabaabaa keessatti hojjatamanii jijjiiramuudhaaf yaada guddaa malee maallaqa guddaa akka hin barbaachifne, miirri ofitti amanamummaa ganamaan horatame galgala rakkoo tokkoon ala akka nama soorus muuxannoon kana caale hin jiru waan ta’eef, dargaggootni yeroosaanii sirnaan itti fayyadamnaan osoo umriin xiqqaa ta’ee jiruu, qabeenyaan guddachuu akka danda’an muuxannoo kana fudhachuu qabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

Recommended For You