
Finfinnee: Nageenyi waaraan akka dhufuuf abbootiin qabeenyaa hidhattoota maallaqaan deeggaruu dhaabuu akka qaban Ministirri Muummee RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad hubachiisan.
Doktar Abiyyi marii tibbana bakka bu’oota hawaasa daldalaa guutuu Itoophiyaarraa babahan waliin taasisaniin, mootummaan ammas marii nagaatiif qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Hidhattoota bosona jiran sooraa nageenya Itoophiyaa %60 kan jeequ abbootii qabeenyaati jechuun, hidhattoota maallaqaan deeggaraa mootummaan nageenya akka fidu gaafachuun adeemsa sirrii akka hintaanes kaasaniiru.
Abbootiin qabeenyaa yoo dhugumaan nageenya barbaadu ta’e humnoota bosona jiran deeggaruu dhiisuun gara nageenyaatti akka dhufaniif akka gorsan hubachiisaniiru.
Qaamni nageenya barbaadu jiraannaan nuti gama keenyaan qophiidha kan jedhan Doktar Abiyyi, mootummaan qaamolee karaa nagaa dhufan simatee waliin mari’achuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Gaaffiileen nageenyaan walqabatanii ka’an gaaffii sirrii ta’uus eeranii, ta’us shaakalli qaamoleen nageenyi akka mirkanaa’u gaafatan ofii isaanii qollifachaa akka waan dhimma mootummaa qofaa ta’eetti ilaaluun sirrii akka hintaanes kaasaniiru.
Gama biraan mootummaan kontiroobaandiifi daddabarsa meeshaalee seeraan alaa to’achuuf keellaawwan sakkatta’iinsaa qopheesserratti qaamoleen “Kan Kottee” jechuun maallaqa gaafatan jiraachuu maricharratti ka’eera.
Doktar Abiyyi ibsa dhimmicharratti kennaniin, yoo keellaawwan sakatta’iinsaa kunneen hinjiraanne meeshaaleen waraanaa seeraan alaa seenuun lubbuu lammiilee akka galaafatan ibsaniiru.
Ta’us osoo maallaqa hingaafatamiin karaa sakatta’iinsi ittitaasifamu mijeessuuf mootummaan hawaasa daldalaa waliin nihojjeta jedhan.
Oduudhuma walqabateen, Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad bakka bu’oota hawaasa daldalaa guutuu biyyattii waliin marii taasisan kanaan yeroo ammaa Itoophiyaa keessa hanni mootummaan raawwatamu akka hinjirre irra deebiinan mirkaneessa, nuti qabeenya argannu guutummaatti kan oolchinu Itoophiyaafi jedhan. Kanaafis ammoo jijjiiramni Magaalaa Finfinnee, naannawa Awwaareetti dhufe ragaa quufsaadha jedhan.
Galii kitaabilee isaaniirraa argameen manneen jireenyaa naannawichatti ijaaraman maatiiwwan kuma sadii oliif bilisaan dabarfamuu yaadachiisaniiru.
Dhaabbilee mootummaa keessatti hojjettoota tajaajila kennuuf matta’aa gaafatanirratti tarkaanfii barbaachisaan fudhatamaa jiraachuu eeruun, hawaasni daldalaas wayita matta’aa gaafataman mootummaaf eeruu kennuun akka tumsu hubachiisaniiru.
Yoo waldeeggarre qaamolee hannarratti hirmaatan hir’isuu dandeenya kan jedhan Doktar Abiyyi, mootummaan qofaasaa malaanmaltoota qabuun akka ulfaatu; malaanmaltoota dhabamsiisuun danda’amuu baatullee hir’isuuf hawaasni daldalaa mootummaa tumsuu qaba jedhaniiru.
Rippoortara Gaazexichaatin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017