
Mootummaa Naannoo Oromiyaa haaromsa aadaa Oromoo ce’umsa hawaas dinagdee biyyaaf oolchuuf hojjechaa jiraachuun nibeekama. Labsii haaromsa aadaa Oromoorrattis mariin gaggeeffamaa tureera. Maniin marichaas beekumsa horachuu, dinagdee ceesisuu, aartii Oromoo haaromsuun humneessuufi aadaa Oromoo caaseffama gubbaarratti sirneessuun karaa beekumsaafi ogummaa giddugaleeffateen hojjechuudha.
Jechi “Haaromsa Aadaa” jedhu kun yeroo aadaan, aartiiifi beekumsi saba tokkoo ittihaaromuufi deebi’ee daraaru kan agarsiisudha. Aadaan ammoo walumaagalatti mala jiruufi jireenya saba tokkoo kan agarsiisu waan ta’eef haaromsi aadaa haaromsa mala jiruufi jireenya hawaasaati jechuudha.
Haaromsi aadaa adda dureedhaan jijjiirama beekumsaafi ittifayyadama ragaa fiduun hawaasa beekumsa saayinsaawaatti fayyadamu uumuu, aadaa hojiifi ittifayyadama yeroo jijjiiruun dinagdee guddisuu, aadaa siyaasaa mariifi marabbaa gabbisuun siyaasa tasgabbiif nagaa dagaagsu fiduu, akkasumas seenessaafi aartii wantoota armaan olitti eeraman lafa qabsiisee guddisuun kan ibsamuudha.
Haaromsi aadaa jijjiirama siyaas dinagdee akkasumas guddina saayinsiifi teknolojii mirkaneessee jijjiirama hawaasaa qabatamaa fiduu akka danda’u muuxannoon biyyoota haaromsa aadaa keessa darbanii nimul’isa.
Haaromsi aadaa adda dureen haaromsa ilaalchaati. Ilaalchaafi hubannoo ragaaf beekumsarratti qabnu jijjiiruun namni kamuu waan yaadu, dubbatuufi raawwatu hubannoo, beekumsaafi ragaa gahaan akka utubu gochuun jijjiirama hawaasummaa ittifufiinsa qabu fida.
Dhalli namaa jiruu kan mo’ate hojiidhaani. Biyyoonni guddatan hundi aadaa hojii gabbisuun hiyyummaa seenaa taasisaniiru. Oromiyaatti aadaa hojii jijjiiruun yoo danda’ame qabeenya namaafi uumamaa qabnutti fayyadamnee yeroo gabaabaa keessatti hiyyummaa seenaa gochuun nidanda’ama.
Kanneen hunda sirreessuuf garuu aadaan siyaasa keenyaa haaromuu qaba. Siyaasa sibiilaafi maqaa walxureessuurraa gara siyaasa yaadaa, mariifi marabbaatti ce’uun dirqama. Aangoon yaada bilchaataafi mo’ataan malee kan qawweefi shiraan argamu akka hintaane mirkaneessuun barbaachisaadha.
Seenessiifi aartiin keenyammoo kan waan darbe qofarratti rarra’e utuu hintaane kan egere ilaaluufi abdii namatti horu ta’uu qaba. Kana ummata biraan ga’uu, ummata dammaqsuufi sochoosuuf ammoo aartiin iddoo guddaa qaba. Aartiin haaromuun akkaan barbaachisaadha. Dambaliin kalaqa dameewwan aartii akka fakkii, boca, muuziqaa, ogbarruufi tiyaatiraa haaromsa gadi fagoo keessa darbuu qabu.
Kanumaan walqabatee hojiilee gama aadaafii aartitiin keessumaa gama manneen murtii aadaatiin walqabatee baatiiwwan darbaniif akka Oromiyaatti hojjetamaniifi sadarkaa isaan yeroo ammaa irrajiran daaw’achuuf akkasumas akkaataa muuxannoowwan argaman gara naannolee birootti ce’anirratti hubannoo argachuuf jilli Ministeera Aadaafi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaatiin durfame tibbana dhaabbilee misooma aadaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin hojjetamaa jiran kanneen akka manneen murtii aadaa sadarkaa tokkoffaafi oliyyannoo daaw’ateera.
Ministirittiin haasaa daaw’annicha ilaalchisuun taasisaniin akka jedhanitti; hojiin Oromiyaatti duudhaalee aadaatiif barbaachisoo ta’an dagaagsuu, kunuunsuufi dhalootaaf dabarsuurratti hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamudha.
Pirojektiin isin ‘Haromsa Aadaa’ jechuun jalqabdan kun hojii ajaa’ibaa naannolee biroofillee muuxannoo guddaa ta’uu danda’a. Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee beekumsa keessan waakkii tokko malee dhaloota haaraatti dabarsuuf hojii hojjachaa jirtaniif galata guddaatu isiniif mala jedhan.
Ittidabaluudhaanis hojiin damee misooma aadaa naannicha keessatti hojjetamaa jiru naannolee biroofis akka muuxannootti kan tajaajilu ta’uu ibsuun, muuxannoo kana babal’isuuf waliin hojjenna jedhaniiru.
Ittigaafatamtuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Naannoo Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruus, manneen murtii aadaa hundeeffaman aadaa haqaa deebisanii olkaasuuf qofa osoo hintaane, dhaloota haqatti amanu bocaa jiraachuu himaniiru.
Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsaniin; Shaggar magaalaa sababa babal’ina magaalaatiin walqabatee cabiinsi aadaa ittitureedha jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa kana suphuuf hojiiwwan danuu ciminaan hojjeteera. Kanaanis aanaalee 36 keessatti manneen murtii aadaa sadarkaa tokkoffaa akkasumas kutaalee magaalattii 12 keessatti ammoo manneen murtii aadaa oliyyannoo 12 ijaaree hojii eegalaniiru. Haaluma kanaan abbootiin murtii aadaa akka yakki hir’atu, nagaan waara’uufi sirni kenniinsa tajaajila haqa aadaa akka ammayyaa’uuf hojjetaniiru jedhan.
Hoggantuu Waajjira Aadaafi Tuurizimii Magaalaa Shaggar Aadde Bayyanuu Araggaas hojiilee misooma aadaa, afaaniifi aartii magaalichatti hojjetamaa jiran jilichaaf ibsaniiru. Manneen murtii aadaa dhimmoota murtii kennuu qofa osoo hintaane, akka haqni waara’u, araarri bu’u akkasumas hawaasni baasiifi dadhabbii hinmallerraa baraareera jedhan.
Daaw’annaadhuma kana ilaalchisuun Gaazexaan Bariisaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti Daarektara Misooma Aadaafi Seenaa Obbo Olaanaa Tashoomaa dubbisee yaada ittaanu argateera.
Damee aadaa kana bajataafi humna namaatiin cimsuurratti Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoota darban keessa hojiilee beekumsa xabboo Oromoo dur turan tarsiimoowwan misooma qonnaa, kan barnootaafi haqaa keessatti madaqsuudhaan hojiilee garagaraa hojjeteera.
Kanarraa ka’uun hojiin fakkeenya guddaa ta’uu danda’u kan akka mana murtii aadaa kun hundeeffamasaa naannoorraa eegalee hanga gandaatti haalli itticaaseffameefi hojiirra oolmaansaa akkasumas bu’aa buusaa jiruun dhimmoonni kana dura mana murtii idileetti lammiilee hedduu baasii hinmalle baasisaafi lafarra harkifachaa turan furamuun naannolee birootiif ka’umsaafi muuxannoo guddaa ta’uu danda’a.
Dhimmi biraa Obbo Olaanaan nuu kaasan dhaabbilee aadaa jabeessuu yoo ta’u; kunis giddugalawwan aadaa, godambaawwan, manneen kitaabaafi kkf irratti Oromiyaa bajata guddaa ramadee socho’aa jiraachuu ibsaniiru.
Kunis naannolee birootif akka fakkeenyaatti waan fudhatamuuf daaw’annaan kun taasifame jedhan. Dabalataanis hojiilee hedduun gama aadaafi aartitiin akka Oromiyaatti hojjetamaniiru jedhamanii gabaafaman qabatamaan lafa jiraachuufi waan akka galteetti naannicharraa fudhatamuu danda’u fudhatanii ijaarsa biyyaatiifillee akka ittifayyadaman taasisuun qaama daaw’annaa kanaa ta’uu kaasu.
Ayyaanonni akka Irreechaa kana dura ummata Oromoo biratti qofa kabajamaa turuu kan eeran Obbo Olaanaan; boodana garuu qaamoleen duraan ayyaanicharraa baqachaafi maqaa garagaraa ittimoggaasaa turan yeroo ammaa ayyaana keenya jedhanii ofitti fudhachuun Irreechi ayyaanota guguddoo biyyattii saboonniifi sablammoonni hedduun haala ho’aa ta’een irratti hirmaatanii kabajaa jiraachuu dubbatu.
Hojii yeroo ammaa hojjetameenis bara darbe qofa ayyaanni Irreechaa gara naannoo malkaawwan 86tti duudhaasaa ganamaa eeggatee bifa ho’aa ta’een kabajameera. Wanti ayyaanichaan walqabatee gaggeeffamu kamuu karaa isa madaaluun ta’uu akka qabu kaasu Obbo Olaanaan. Kunis sirni qophii ayyaanichaafi qabiinsi sagantaasaa haala ummaticha madaaluun ta’uu qaba jedhan.
Sirni Gadaa kana dura wiirtuulee ardaan jilaa ittikabajamu qofarratti malee gama naannoo biraa walitti hidhuutiin gaheen bahachaa ture xiqqaa akka ture himanii, har’a garuu hojiiwwaan danuu gama kanaan hojjetamaniin hariiroo hawaasummaa cimsuu keessatti gaheensaa olaanaa ta’uu Jila Gadaa Booranaafi Gujiirratti qaamoleen Ministeera Aadaafi Ispoortiirraa isaan waliin hirmaatan arganii gammaduu himu Obbo Olaanaan.
Ammas hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsanii; keessumaa ayyaanota naannoo ji’a Fulbaanaatti Oromiyaatti kabajamaniin walqabatee gama duudhaalee badan deebisuutiin ayyaanonni hawaasaa walittihidhaniifi duraan haala bareedaadhaan agarsiifamaa turan boodarra garuu sababoota garagaraatiin badanii turan kanneen akka Goobeefi Shinooyyee hojii bal’aa hojjetameen yeroo ammaa deebi’uun ayyaana magaalaa ta’anii aadaa Oromoorratti simboo akka dabalan dubbataniiru.
Mariiwwan paanaalii sagantaalee guguddoo akkanaas kanaan dura iddooma sagantichi gaggeeffamutti taasifamaa kan turan yeroo ammaa gara Finfinneetti dhufanii hoteelota guguddootti akka raawwataman taasifameera. Faayidaan hojiin qarqararraa gara giddugaleessaatti fiduu qabu keessaas tokko qaqqabamummaansaa akka bal’atu taasisuu yoo ta’u; inni biraan miidiyaaleefi qaamolee garagaraatiin uwwisaafi hubannoo dabalataa akka argatu taasisuusaati.
Hojiin biraa pirojektotaafi giddugaloota aadaa ijaaruu yoo ta’u; yeroo ammaa godinaaleefi aanaalee Oromiyaatti ijaarsi pirojektota 23 gaggeeffamaa jira. Sadarkaa naannootti ammoo pirojektonni guguddoon akka Kubii Curraa Galma Abbaa Gadaa Booranaa, Me’ee Bokkuu, suphaafi babal’ina Madda Walaabuu, ijaarsa Siidaa Artistii Haacaaluu Hundeessaa, suphaa pirojektii Siidaa Aannoleefi Calanqoo, Odaa Bultum hojii xiyyeeffannaan hojjetamaa jiran ta’uu Obbo Olaanaan kaasaniiru.
Gama aartiitinis hawwisoowwan 62 Oromiyaa keessa jiran erga hundeeffamanii umrii waggaa 20fi 30 qabaatanis gama jijjiiramaa, humna cimaa qabaachuufi meeshaalee teknolojiitti fayyadamuutiin daran boodatti hafoo turan.
Yeroo ammaa garuu mootummaan Baandii Biiftuu Oromiyaarraa jalqabuun bajata guddaa ramadee meeshaaleen muuziqaafi konkolaataawwan fe’iisa meeshaafi imalaa akka bituufiin baandichi humna cimaa akka horatu taasifameera. Hawwisoowwan jahaafis qarshii miliyoona 80 oliin meeshaaleen muuziqaa bitamaniiru. Walumaagalatti hojiileen eeramaniifi kaan naannolee birootiif akka muuxannoo guddaatti akka fudhataman eerameera.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017