
Hawaasaa: Biyya keenyatti yeroo dhihoodhaa as dhaabbilee leenjiiwwan ispoortii adda addaa kennaa jiran keessaa tokko kan ta’e Akaadaamiin Leenjii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaa isa tokko.
Akadamichi bara 2006 irraa kaasee dargaggoota guddatoota umurii 15 gadi ta’an waggaa waggaadhaan filachisuudhaan akaakuuwwan ispoortii adda addaattiin leenjisaa jira. Akaadaamichi leenjii kana kennaa kan jiru ogeeyyota muuxannoo olaanaa qabaniin yoo ta’u bu’aa olaanaas argamsiisaa jira.
Ogeeyyonni kunneenis yeroo yeroodhaan ogeessota dhaabbilee ispoortii biyya keessaaf Simpooziyeemii ispoortii qopheessuudhaan muuxannoowwan qaban waggaa waggaadhaan kennaa turaniiru. Baranas guyyaa tokkoof Naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti Kibxata darbe kennameera.
Simpooziyeemii kanarraatti wiirtuulee leenjii ispoortii atileetiksii Xirunash Dibaabaa, Boqqojiifi Hagarasalaam dabalatee federeeshinoonni biyyaalessaa, kilaboonni, leenjistoonni, dhaabbilee ispoortiifi barsiisonni ispoortii yunivarsitiiwwaniifi bakka bu’oonni waldaalee ispoortii hirmaataniiru.
Gaazexaan Bariisaas guyyaa Simpooziyeemiin kun itti adeemsifame akaadaamichi maal hojjetaa akka jiru ilaalchisuudhaan ogeessota tokko tokko haasofsiseera.
Bu’uuruma kanaan Daarektarri Akaadaamichaa Obbo Ambassaawu Inniyewu akka ibsanitti, akadamichi misooma ispoortiif xiyyeeffannaa guddaa kennee yeroo gabaabaa keessatti ogeeyyoonni ispoortii biyya keessaafi biyyoota alaatti leenji’aniifi muuxannoo qaban itti makamuun ammaan tana haala gaariidhaan dargaggoonni leenji’amaa jiru jedhan.
Akkasumas kanaan dura rakkoo giddugala leenjiwwaniirraa kan ka’e ispoortiin quucaraa turuu ibsanii; ammaan tana akaadaamichi burqaa ispoorteessitootaa ta’usaatiin rakkoo gama kanaan ture salphachuusaa ibsaniiru.
Haaluma kanaan dargaggoonni akaadaamichaatti leenji’anii bahan kilaboota adda addaa keessatti ramadamuudhaan garee biyyaalessaatiif filatamanii sadarkaa biyyooleessaatti meedaaliyaawwan warqii, meetiifi nahaasaa argamsiisaa akka jiran kan addeessan.
Keessumattuu Itoophiyaan kanaan dura akaakuuwwan ispoortiiwwanii ittiin hinbeekamne, Tekuwaandoo, Juudoo, Wushuu, utaalcha ol ka’aafi fiigicha meetira 800n sadarkaa shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi olompikiitti meedaaliyaan argachaa jirtu ispoortessitoota akaadaamichi omisheen jedhaniiru.
Akaadaamichi ergama isaa bahuuf jecha barumsaafi dorgommii ispoortii maddiitti misooma ispoortii babal’isuudhaan hojiiwwan guguddoo hojjechaa jira kan jedhan Obbo Ambassaawu; biyya keenyatti dhaabbilee ispoortii kamiyyuu keessatti kan hin baratamiin giddugala dandamachiisaa ispoorteessitootaa ijaaruuf qophiirratti argamna jedhaniiru.
Giddugalichi tajaajila kan kennu ispoortessitoota yeroo dorgommiirra jiran miidhamaniifi isaan walqabatee oggeessoonni isaan kunuunsanis ciisanii akka yaalaman gochuuf jedhaniiru.
Akka ibsa Obbo Ambassaawutti, akaadaamichi hojiiwwan qorannoofi qo’annoo teknolojiidhaan ammayyeessuun dorgomaa taasisuuf bara 2015 kan eebbisiiseefi Itoophiyaatti isa jalqabaa kan ta’e ’’Ethiopian journal of sport science” jedhamu qopheessuudhaan toora intarneetiin dhiyeessuun qorattoonni ispoortii biyya keessaa akka itti fayadaman gochuus ibsaniiru.
Akaadaamichi hojiiwwan guguddoo hojjete keessaa bara 2017 Ministeera Barnootaarraa beekamtii Joornaalii waggoota sadiif argachuusaa addeesaniiru.
Akaadaamichi gama qorannoofi qo’annootiin bara 2006 irraa kaasee hanga bara 2017ti baasii mataasaatiin qorannoowwan 42 baasuudhaan qaama dhimichi ilaallatuuf kan hire yoo ta’u yaa’iwwan biyyaalessaa hammataa 10n walitti aansee gaggeesseera.
Akkasumas Akaadaamichaan kan qorataman qo’annoowwan 44fi dhuunfaadhaan ammoo kan qorataman qorannowwan 170 walumaagalatti qorannoowwan 214 dhihaachudhaan oggeessonni akka xinxalan taasifamusaas addeessaniiru.
Waaliyaa, Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota 28 booddee waancaa kubbaa miilaa Afrikaarratti akka hirmaatu kan taasisan Leenjisaan duraanii Obbo Sawunnat Bishaawu gamasaaniitiin akka ibsanitti, yeroo ammaa pirojektii guddatoota kubbaa miilaa umrii 11 gadi ta’an kunuunsanii guddisuuf leenjirra akka jiraniifi abdii boruu kan ta’an guddattoo kanneen yeroo isaan umrii 15 gahan gara Akaadaamichatti makuuf hojjechaan jira jedhaniiru.
Bakka ispoortessitoonni hin jireetti, Akaadaamii ispoortii qofa ijaaruun faayidaa hin qabu kan jedhan obbo Sawunnat lameenuu yoo jiraatan biyyatiin guddina ispoortii daandirra jirtu tun yeroo gabaabaa keessatti biyyoota guddattootatti makamu akka dandeessuu abdii qaban ibsaniiru.
Kanaan dura leenjiin kan kennamu muuxannoodhaan ture. Wayita san biyyatiin qabxii olaanaa kan qabdu Olompikiifi Shaampiyoonaa Atileetiksiiwwan addaa addaatiin.
Bakka piroofeeshinaalonni hin jireetti qabxii akkanaa argachuun bu’aa ba’ii olaanaa kan mul’isuudha. Bakka meeshaaleen ispoortii ammayyaa hin jirreetti biyya keenya Addunyaarratti beeksisuun cimina olaanaa kan gaafatu waan ta’eef warreen achiin nu gahaan kanneeniif kabajama guddaan qaba jedhu.
Haata’u malee addunyaan ammaan tana Akaadaamiiwwan ispoortii baayinaan horachuudhaan leenjiiwwan aadaa dhiisanii karaa Saayinsaawaa ta’etti fayyadamaa waan jiraniif Akaadaamiiwwan ispoortii keessatti leenjistoota piroofeeshinaalotaatti fayyadamuun barbaachisaa akka ta’e mul’isu.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017