
Finfinnee: Adeemsa Dijitaal Itoophiyaa dhugoomsuu keessatti dameen dhuunfaa jijjiirama dijitaalaaf gaheesaa gumaachaa jiraachuun ibsame.
Teknolojiin sirna faayinaansii ‘ArifPay’ jedhamu marsariitii Appilikeeshinii Jaamii jedhamu waliin ta’uun sirna haaraa namoonni hordoftootaafi deeggartoota baay’ee qaban hojii kalaqaasaanii miidiyaa hawaasaarratti qooduun badhaasa maallaqaa akka argatan taasisuu jalqabeera.
Sirnichi keessumaa daldaltoonni maallaqasaanii akka olkeewwataniif kan gargaaru ta’uu turtii addatti DhPI waliin taasisaniin kan eeran hoggantuun waajjira kominikeeshinii teknolojichaa Aadde Maskaram Dajanee, ummanni teknolojiitti dhihoo akka ta’u dhaamanii, sirnichi baankota 32, Telee Birriifi kanneen biroo waliin hariiroo uumuu himaniiru.
Hawaasni sirna dijitaalaa waliin haala sirrii ta’een akka madaquuf Itiyoo Telekoomiifi Ministeera Fayyaa waliin hojiin ittifufiinsa qabu eegalamuus eeran.
Aadde Maskaram akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun Itiyoo Telekoom waliin ta’uun kan eegalame yoo ta’u, Itoophiyaatti dhaabbata faayinaansii hayyama qabu ta’uufi sirnichi adeemsa Dijitaal Itoophiyaa dhugoomsuuf akka gumaachu dubbatan.
Dijitaal Itoophiyaa dhugoomsuu keessatti dameen dhuunfaa gahee olaanaa taphachuu qaba jedhanii; tajaajila adda addaa dhaabbatichi kennu keessaa kaffaltiin toora intarneetii tokko ta’uu eeraniiru. Tajaajilichi seera Baankiin Biyyaalessaa jaarmiyaaleen dhuunfaa dhaabbilee faayinaansii ta’anii akka tajaajilaniif hayyame bu’uura godhachuun Itoophiyaatti hojii eegaluuf murteessuu ibsan.
Tajaajila maashinii ‘POS’fi kaffaltii kaardii dabalatee waaleetiiwwan maashinii ‘POS’ akka fudhatus himaniiru. Kaffaltii idiladdunyaatiif sirni maallaqa erguu Ariif Remitaansi diriiruus eeraniiru.
Dameen dhuunfaa akka hirmaatu mootummaan karaa banuun akka haala mijataatti ilaalama kan jedhan ittigaafatamtuun tun; daddabarsa maallaqaa jalqabuuf gurmaa’uun barbaachisaa ta’uu kaasu.
Dhaabbatichi invastarootaafi beekumsa biyya keessaatiin kan hundeeffame, babal’ina teknolojiirratti dhiibbaa gaarii akka qabaatu akkasumas namoota 200f carraa hojii uumuus himaniiru.
Hundeessaan marsariitii Appilikeeshinii Jaamii dargaggoo Naataan Daamxoos akka jedhetti, jalqabbii haaraan kun namoota tajaajila gaarii kennaniif karaa dijitaalaatiin badhaasuuf kan jalqabameedha.
Hojmaatichi rogeeyyii Tiktokii, Yutubii, Inistagiraamiifi Feesbuukiif hordoftoonniifi dinqisiifattoonnisaanii laayikifi sheeriin dabalatee yoo qarshii erguufii barbaadan haalli mijataan akka uumamuufiif muuxannoo biyya alaa fayyadamuudhaan Itoophiyaatti jalqabuu eeraniiru.
Kunis namoonni kanadura qabiyyeewwansaanii bilisaan miidiyaalee hawaasaarratti gadhiisuun hordoftootaafi dinqisiifattoota hedduu horachaa turan akka maallaqa dabalataa argataniif balbala bana jedhan.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017