
Finfinnee: Saayitii ji’oo paarkii adda baasuuf hubannoo hawaasaa naannawaa saayitichaa jiraatan cimsuun barbaachisaa ta’uu biyya Taanzaaniyaatti Abbaan Taayitaa Kunuunsa Naannoo Ji’oo Paarkii Nigorongoroo beeksise.
Godambaa aadaa ji’oo paarkii Taanzaaniyaatti Ofiisara Abbaa Taayitichaa Doktar Agenesse Gidna Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ji’oo paarkii UNESCO jalatti adda baasuuf hubannoo hawaasa naannawaa saayitii paarkichaa cimsuun murteessaadha. Taanzaaniyaattis saayitii ji’oo paarkii Nigorongoroo dabalatee ji’oo paarkota adda baasuuf ilaalcha hawaasaa jijjiiruun rakkisaa akka ture ibsaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, saayitii ji’oo paarikii adda baasuun yaadrimee haaraa waan ta’eef hawaasa mirga abbummaa (ownership) gaaffii keessa waan galche ittifakkaachuun hubachiisuuf rakkiisaa turuu kaasanii, UNESCOtiin adda ba’ee guutuutti hojii keessa galee deeggarsi taasifamuu gaafa eegalu mirga abbummaa dhabuun walqabatee hawaasatti yaaddoo waan ta’uuf hubachiisuuf ulfaataa ta’aa akka ture himu.
Saayitiin paarkiiwwanii kan adda ba’aniif bakka qorannoo seenaa, aadaafi jiruufi jireenya dhala namaaf ta’uu himanii, hawwata turiizimii ta’uunis faayidaa olaanaa akka qabu himu. Saayitoota adda ba’aniif bu’uuraalee misoomaa guutuuf hanqinni bajataa rakkoo biraati jedhaniiru.
Mootummaan Taanzaaniyaa, rakkoo bajataa furuun rakkoolee kaan furuuf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhatee saayitii ji’oopaarkii Nigorongoroo akka gaanfa Afrikaatti fakkeenya ta’e adda baasuu eeru. Bu’uuraalee misoomaa barbaachisan guutuufis baajata gargaarsaa dhaabbilee alaarraa akka argamuuf hojii bal’aan hojjetamuu kaasu.
Guutummaan guutuutti milkaa’ina ji’oo paarkiif hirmaannaan mootummaa barbaachisaa ta’uu akka muuxannootti hirmaattotaaf ibsaniiru. Deeggarsa gama UNESCOn kennamutti dabalee dandeettii raawwachiisummaarratti cimsuuf leenjiifi muuxannoo waljijjiirraa waliin tasisuun milkaa’ina galma ji’oo paarkiif murteessaadha jedhaniiru.
Komiishinarri Gargaaraa Kununsaa Paarkota Taanzaaniyaa Mistar Albsrti Rabiinsan gamasaaniin, Taanzaaniyaan saayitii ji’oo paarkii gaanfa Afrikaa UNESCOtti adda ba’an lama keessaa tokko ta’uu himanii, ji’oo paarkii gaarreen Meeruu, Kilimaanjaaroofi Aruushaa Meeruufi Nigorongooro Taanzaaniyaatti argaman akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Paarkiiwwan Taanzaaniyaa baay’een isaanii qabeenya bineensotaafi iddoowwan qorannooo arkiwolojiitiin waan walqabataniif bakka qorannoo seenaa dhala namaa ta’ee akka tajaajiluuf saayitiin ji’oo paarkii UNESCO ta’uunsaa bu’aa guddaa qaba jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017