Karaa nama yartuu Sareen abidda qaqqaammatti

Makmaaksi dubbii fida dubbii fixa, dubbii mi’eessas jedhama. Dhugaadha Oromoonimmoo akaakuuwwan afoolaatiin kan badhaadhe yoo ta’u; isa dabe kan ittiqajeelchu, isa miidhame ittiwal’aanu duudhaafi aadaa dubbii ichimuun dadhabbii gammachuutti waldhabdee araaratti geeddaruu danda’uun kan ofgaheedha.

Kanaafuu ilmaan Abbaa Gadaa jedhamnee waamamna. Waamnees waldhageessisna, dubbannee walamansiisna jedhu Abbaan Gadaa Roobalee Magaalaa Amboo, Obbo Kabbadaa Beekkataa.

Abbaa Gadaa Kabbadaa jiraataa Magalaa Amboo qe’ee warra torban Kuttaayee yoo ta’an; tibbana haala nageenya naannoo Oromiyaa ilaalchisuun turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin osoo hayyuufi beekaa qabnuu osoo aadaafi duudhaa qabnuu dhidhiibnee meeluu sirreessuu, dubbannee kan dabe deebisuu osoo malluu duudhaafi aadaa kabajuu dhabuun waldhabuu hammeessaa jiraachuu kaasu.

Gadaan ichimamnee guddannee gadadoo walirratti labsuun Oromummaa faallessuudha, injifannoofi tokkummaa har’a cimsuuf ittijirru kana arguuf dhaloota ijoofi qaalii akka Artisti Haacaaluu Hundeessaa ittiwareegneerra, injifannoo kana haalaan dhandhamuu dhabuun keenyammoo gatii nukaffalchiisaa jira, aadaafi duudhaa keenya faallessaa jira. Kanaaf dargaggoonni dhaabatanii ofilaaluu qabu jedhu.

Beekaas ta’e wallaalaa, xiqqaas ta’e guddaa duudhaa ganamaa Oromummaa Gadaaf ajajamuun fala ta’uu osoo qabuu faalla’uunsaa eenyummaa keenya akka dagannu nutaasisa.

Kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti jijjiiramaa as waldhabdeen mudataa jira, ummanni seeraafi sirna Gadaan bulu duudhaa nagaa osoo qabuu walitti deebi’ee walwaraanuun abaarsa.

Nuyi waldhabuun keenya jaarraa tokkoofi walakkaa oliif akka ormaaf gadi jennu qabeenya keenyarratti abbummaa akka dhabnu nugodheera har’a erga daandii dimokraatawaan Gadaan keenya bakkatti deebi’ee gochi hammeenyaa dhaabachuu dhabuun fafa.

Waldhabdee keenya kara duudhaa Oromoo ganamaa mariifi araaraan furuun osoo danda’amuu qawwee kaasnee dhaloota dhabaa jirra walajjeessuun, walbuqqisuun ammoo Gadaa faallessuu waan ta’eef gorsa Abbootii Gadaa dhagahuun barbaachisaadha.

Akkuma karaa nama yartuu sareen abidda qaqqaammatti jedhamu nuyi waliigaltee dhabuufi walkabajuu dhabuun keenya halagaan akka nutti roorrisu kan godhu waan ta’eef qawwee dhiisnee yaada kaasuun ilaafi ilaamee duudhaa ganamaa Oromoon garaagarummaa yaadaa furuun barbaachisaadha.

Oromoon hedduu qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’eera seera Gadaan yoo ilaallemmoo dhala namaa miti biqiltuufi uumamaafuu kabaja kennuun duudhaa keenya ganamaati.

Har’a garuu duudhaa ganamaa dagannee biqiltuu mukaa miti biqilaa dhala namaafuu kabaja dhabaa jirra. Dhaabannee yoo ilaallu safuu cabsineerra Gadaa dabsineerra gocha suukanneessaafi faallaa sirna keenyaa walirratti raawwataa jirra. Kanaaf dargaggoonni keenya walirratti du’uu osoo qabnuu walajjeesuun walbuqqisuun faallaa duudhaa keenya ganamaa ta’uu beekuu qabu.

Dadhabaan keenya bahee galuu danda’uu qaba, lafasaa qotachuu mala. Yoo arfaasaan gahu qotiyyoo camadachuuf sanyii baafachuuf mijuu qopheeffattee qotiyyoo noheetti nohee qotiyyootti nuuf jaaladhu jedhee waleebbisee bobbaha ture sun har’a faalla’eera.

Aadaafi duudhaan faallahuun eenyummaa keenya ganamaa akka dagannu nugodheera, lafti keenya agabuu akka bulu godheera beelaafi buqqa’uu nutti fideera. Kana booda nugaha jechuu qabna.

Kan bosona jiranis waamicha nagaa Abbootiin Gadaafi mootummaan taasise tole jedhanii fudhachuu qabu. Yoo kun hintaane ilmaan Abbaa Gadaa jedhamuun hiika hinqabu. Oromoon walitti deebi’ee gosasaa jifachuun orma ofirratti goobsuu gabrummaa ofirratti labsuu fida.

Yaraa keenya ilaafi ilaameen gorfachuu qabna, gorsa waloo dhagahuu dhabuun waamicha Abbootii Gadaa tuffachuun karaa nama yartuu sareen abidda qaqqaammatti isa jedhu qaqqabsiisuu akka dandahu dagatamuu hinqabu.

Sirni Gadaa keenya jaarraa tokkoofi walakka oliif ukkaamamaa ture har’a bakkatti deebi’eera kun bu’aa tokkummaati. Bu’aa sirna Gadaati. Ofirra dabarree orma Oromoomsisnee hammannee jiraachisaa jirra. Harma hoosisnee guddifachaan jiraachisaa jirra. Duudhaa Gadaa ganamaatu nu abbooma.

Haata’u garuu duudhaan keenya orma Oromoomsee harma hodhaafi guddifachaan jiraachisu kan waliisaarratti dadhabuun seermaleedha. Tokkichi qubni ofii yoo tortore ofirraa kutanii hingatan. Madaa saree siif haata’u (dafee haa dhinu) jedhanii wal’aanuun fayyisu malee.

Hammam waldhibnus ilaafi ilaameen gorsa Abbootii Gadaan walwal’aanuun ummata keenyaaf beenyaa ta’uu qabnaayyu.

Har’a ummata keenyaaf ba’aa ta’aa jirra. Ummanni keenya golasaa oyiruusaa bushaa’eefi loonsaa baadiyyaatti gatee magaalaatti akka godaanu taasifamee ture. Kanaaf ammas warri qawwee kaastan yaada kaasaa marga Abbootiin Gadaa qabatanii isinitti deemaniif kabaja kennaa.

Waaldhabuun Oromoo takkaan Gadaa kan faallessu; lammata orma nu nyaachuuf hamuummatuuf haala kan mijeessu waan ta’eef dhaabannee wal haa dhaggeeffannu.

Mootummaanis warra bosona galeef waamicha nageenyaa taasisaa jiru ammas ittifufuu qaba. Oromiyaa badhaate kan ijaarru yoo gamtoomne yoo waliin dhaabanne; yoo dimokraatawaa taane, yoo Gadaa keenya kabajneedha.

Karaa nama yartuu sareen abidda qaqqaammatti. Ormi ilkaaniin kolfaa duubaan nuwaraanti. Kanaaf waldhabdee keenya mariifi marabbaan furuun diina nugabroomsuufi nucabsuuf ija nutti baasu abdii kutachiisuun fala.

Haawwan ulfoodha kabaja qabu Siinqee olkaasanii nagaa buusu har’a Siinqeen keenya kabaja dhabeera, gurri waldhagahu dhibeera. Kanaafuu sirni Gadaa keenya faalla’eera jechaa jirra. Gadaa keenya faalla’e bakkatti deebisuun ammas ittigaafatamummaa abbootii Gadaafi Haadholii Siinqeeti.

Mootummaan waamicha nageenyaa taasisaa jiru ammas ittifufuu qaba. Warreen dhagahanii tole jedhanii dhufan anaa dhufu; Gadaan nagaya jennee simanneerra kanneen hafaniifis ammas Gadaan nagaya nuyi warra waliif duulu malee warra walitti duulu miti.

Hiriyyaa garaa walbeeku malee garaa walhinbeekne walitti ta’uu hinmallu dhiifamaan walitti deebi’uun waldhabdee keenya ilaafi ilaameen furree qomoo keenya qe’eef qabeenyasaarraa buqqa’eef beenyaa taana jennaan.

Kan gadde gaddasaa dagachuu qaba madaa walii babal’isuu hinqabnu “araar “jennee araara buusna, afraasaan dhufaa jira misooma keenyatti deebi’uu qabna, Gadaan keenya deega miti duuniyaa kan nugonfachiisudha.

Haadholiin boo’uu hinqabani, manguddoonni bara sooramasaaniitti gadadoof saaxilaamuu hinqabani, daa’imman haadhaafi abbaa malee hafuu hinqabani lafti keenya hagabuu buluu hinqabu harqoonniifi Noheen keenya qotiyyoorratti jaalatamuufi kabajamuu mala. Kunniin hundi kan ta’u Gadaaf yoo gadi jenne qofa.

Kun ta’uu dhabuun akka Gadaan keenya faallahu taasiseera. Kanaaf dargaggoonni keenya bosona jirtan imimmaan haadholii keessanii warra qoorsitan ta’uu mala dadhabbuu maanguddoo keessaniif warra haara galfii kennitan ta’uu qabdu. Kanaafis dubbii mariin fixu qawween walfixuun haa dhaabatu.

Ani Abbaa Gadaadha, Gadaan nagaya. Kanaafan araaraaf isin waama. Kan wallolaa jiru ilmaan keenya. Nuyimmoo dhaabannee hinilaallu; nagaa buusuuf alangeef bokkuu qabannee Haawwan Siinqee Caaccuu baatanii “Araar” jechaa obbolaa waldhabe araarsinee warra guutuu mana tokko jala taa’u akka ta’aniif ammas dhaabannee isin waamna koottaa Oromiyaan bal’oodha, isin mara geessii, ormaafuu mana ta’aa jirti, mana keessanitti deebi’aa, diida ilaalaa diinaaf karra hinsaaqinaa jedhu Abbaan Gadaa Kabbadaan.

“Gadaan nagaya” duudhaa dimokraatawaati, sirni kun addunyaafuu fakkeenya ta’aa jira. Nuyi ittijiraachuu dhabuun keenya numiidhaa jira, yartuun akka nu nyaartu nutaasisaa jira. Kanaaf mootummaan waamicha araaraa hidhattootaaf taasisaa jiru ammas ittifufuu qaba warri hidhattanii bosona jirtanis marga qabannee ilaafi ilaameen nagaa buusuun Oromiyaan dirree dimokraasii ta’uushii agarsiisuu qabna.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You