Itoophiyaatti investarootni 500 ta’an indastirii qindaa’aa qonnaa keessa galuuf fedhii agarsiisan

  •            Kanneen keessaa 120 hojiitti galaniiru

Finfinnee: Itoophiyaan biyya lafa qonnaaf mijataa ta’e osoo qabduufi omishoota qonnaa heddumminaan dhiheessuu osoo dandeessuu nyaatota saamsaman biyya alaatii galchaa kan jirtu yemmuu ta’u, adeemsi kunimmoo yeroo dhumaatiif akka goolabamuuf mootummaan omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluun cinatti warshaaleen agro indaastirii qindeessan akka babal’atan taasisaa jiraachuu Ministeerri Indastirii ni ibsa.

Paarkiiwwan indaastirii yeroo ammaa biyyattii keessa jiran 28 keessaa paarkiiwwan indaastirii afur agro indaastirii qofarratti kan xiyyeeffatan ta’uu dheengadda Gaazexaa Bariisaatti kan himan Ministeera Indaastiriitti Gorsaan Damee Bu’uuraalee Misoomaafi Galtee Indaastirii Obbo Daani’eel Olaanii, kunis xiyyeeffannaa mootummaan damichaaf kenne kan mul’isu ta’uu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; paarkiiwwan indastirii kanneen akka; Yirgaalam Buree, Bulbulaa agroo indastiriifaan guutummaatti warshaalee nyaataafi dhugaatiirratti xiyyeeffatanii kan hojjetan yemmuu ta’u, kunis omisha qonnaatti sona dabaluudhaan nyaatota saamsaman kan yeroo ammaa alaa galaa jiran bakka buusuu keessatti shoora olaanaa taphatu.

Kanaan alattis omishoota ummatni baay’inaan fayyadamuufi galteewwan qonnaa dhiheenyatti argamanirratti qonnaan bulaa waliin walitti hidhamiinsa gabaa uummatanii kan hojjataniidha.

Adeemsa kanaan dura biyya kanatti barameen paarkiiwwan indaastirii kamuu kan ijaaruufi bu’uuraalee misoomaa barbaachisanis kan guutuuf mootummaa akka ture kan yaadachiisan Obbo Daani’eel, yeroo ammaa garuu dhaabbilee dhuunfaa hirmaachisuudhaan paarkiiwwan indaastirii biyyattii 28 keessaa saddeet kan abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin misoomaniidha.

Sochii agroo indaastirii yeroo ammaa biyyattiitti adeemsifamaa jiru beeksisuufi abbootii qabeenyaa dabalataa gara damichaatti galchuuf kan gargaaru agarsiisni omisha Nyaataa Itoophiyaa Waxabajjii 12 hanga 14 bara 2017tti Finfinneetti kan adeemsifamu ta’uu eeranii, agarsiisicharratti dhiheessitootni nyaataa 140 biyyoota 14 irraa akka hirmaatan ibsaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You