Hawaasni dhibee busaafi maariyyee jaldeessaarraa of eeguu akka qabu ibsame

Finfinnee: Baay’inni namoota dhibeewwan busaafi maariyyee jaldeessaatiin qabamaa jiranii dabalaa waan jiruuf hawaasni of eeggannaa barbaachisu akka taasisu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse. Dhibeen maariyyee jaldeessaa Naqamteefi Jimmattis mul’achuu biirichi himeera.

Biirichatti dursaan garee dhabamsiisa dhibee busaa Obbo Jawaar Qaasim ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, lakkoofsi namoota dhibee busaan qabamanii dabaluu eeraniiru. Hojiin dhibee kana ittisuu qindoominaan hojjetamaa jiraachuun ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, aanaalee 329tti waliigala jiraatoti naannichaa %87 dhibee busaaf saaxilamoodha. Dhibee kana dhabamsiisuuf hojii yeroo dheeraaf irratti hojjetamaa tureen tatamsa’innisaa bara 2003-11tti %83 gad bu’us 2012 irraa eegalee dabalaa dhufe.

Mootummaan weerara kana dhabamsiisuuf yeroo dheeraaf irratti hojjechuun %72 xiqqeessuun danda’ameera. Ta’us jijjiirama haala qilleensaafi tibba roobaa hordofuun yeroo ammaa lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii dabalaa jira.

Torbanoota lamaan sadan darbanitti godinaalee Oromiyaa Lixaa; Wallagga arfan, Jimma, Iluu Abbaaboor, Buunnoo Baddallee, Oromiyaa giddugaleessaatti Shawaa Bahaa, akkasumas Arsii Lixaa, Gujii Lixaa, magaalota Shaashamannee, Baatuufi Adaamaatti mul’achuu ibsaniiru.

Tatamsa’inni dhibichaa akka hindaballeef godinaaleefi aanaalee hundatti karoorfamee hojiin ittisaa hojjetamaa jira. Bifa weeraraatti kan jijjiiramu yoo ta’es Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Ministeera Fayyaafi qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun qophii barbaachisaan taasifamaa jira jedhan.

Manneen barnootaafi buufataalee fayyaatti maloota ittisa dhibee busaa naannawa gareefi dhuunfaadhaan qulqulleessuu, bishaan ciise yaasuu, halkan agoobara jala rafuu, biifa keemikaala farra bookee busaa dabalatee hubannoo hawaasaa cimsuun qophiiwwan taasifamaa jiran keessaa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, aanaalee 23f agoobarri miliyoona 1.2 raabsamuu himanii; miliyoona lama tuqaa lama raabsuuf hojjetamaa jira. Biifaa keemikaalaas godinaalee tatamsa’inni dhibee busaa bal’inaan ittimul’achaa jiru Qellem Wallaggaa aanaalee jaha, godina Iluu Abbaabooraa aanaalee sadiitti biifaa keemikaalaa gaggeessuuf qophiin haalduree (leenjiifi keemikaala geejibsiisuu) gaggeeffamaa jira.

Agoobara fayyadamuu, bakka walhormaata bookee busaa qulqulleessuu, qoricha nama tokkoof kenname utuu nama biraaf hinqoodin gorsa ogeessa fayyaa hordofuun fudhachuu, mana keemikaalli farra bookee busaa ittibiifame irra deebisanii dibuufi gaazexaa maxxansuurraa hawaasi of qusachuu akka qabu dhaamaniiru.

Gama biraatiin dhibeen maariyyee jaldeessaa tibbana magaalaa Mooyyaleetti mul’ate gara godinaalee birootti babal’achaa jiraachuu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti hojjetaan hoggansa balaa tasaa hawaasaa Obbo Daani’eel Baqqalaa ibsan.

Akka isaan jedhanitti, dhibee maariyyee jaldeessaa yeroo jalqabaatiif magaalaa Mooyyaleetti mul’ateen namootni shan dhibichaan qabamaniiru. Yeroo ammaa gara Godina Jimmaa, Aanaalee Oomoo Beeyyamiifi Oomoo Naaddaatti nama tokko tokko akkasumas; Magaalaa Naqamteetti nama tokko waliigala namoonni saddeet qabamuu himanii; mallattoo walfakkaataan godinaalee baay’ee keessaa mula’tus laabiraatooriin ilaalamee adda ba’aa jira.

Dhibee kana ittisuuf Wiirtuun Hoggansa Balaa Tasaa Hawaasaa Oromiyaa qophii taasisuun akka damee ittisuuf barbaachisuutti sadarkaa naannootti koreen hundaa’ee qindeessaa jira. Haaluma kanaan wiirtuun hoggansa balaa tasaa hawaasaa bakka dhibichi mul’atetti hundeeffamanii sochii eegalaniiru.

Gareen ogeessota Inistitiyuutii Dhaabbata Fayyaa Itoophiyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Biiroon Fayyaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan bakka dhibichi mul’atetti bobbaasuudhaan qorannoo, ittisaafi yaalaa gaggeessaa jiru.

Namni yoo shiftee qaama guutuu, dhukkubbii mataafi dugdaa, ho’ina qaamaa ofirratti arge hatattamaan gara mana yaalaa deemuu akka qabus himaniiru. Dhibeen kun tuttuqaan waan darbuuf nama dhibeen kun qabe waliin huccuu tokko uffachuu, siree tokkorra ciisuufi dhangala’aa qaamaa nama sanarraa ba’e tuttuquurraa ofeeggannoo taasisuun namuu ittisaaf gumaacha irraa eegamu gochuu qaba jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You