Haroo Godina Silxee akka gaararraa haala waliin halluu jijjiiratu

Itoophiyaan hawwata turiizimii uumamaafi namtolchee hedduu qabaachuun galmee Dhaabbata Saayinsii Aadaafi Barnootaa Idil Addunyaa “UNESCO” irratti beekamtii guddaa horachaa jirti. Bakkewwan hawwata turiizimii misooman qofa osoo hin taane kanneen ganaa misooman hedduu qabdi.

Godinaalee hawwata turiizimii dinqisiisoo qaban keessaa godinaaleen Silxeefi Guraagee isaan tokko yommuu ta’an Gaazexaan Bariisaa haala sochii turiizimiifi kabaja Ayyaana Arafaa ilaalchisee Ittigaafatamtoota Waajjiraalee Aadaafi Turiizimii godinaalee kunneen waliin Roobii darbe turtii taasiseera. Ayyaanni Arafaa hariiroo hawaasummaafi faayidaa amantaan garasitti daddammaqiinsa damee turiizimiifi dabaluu galii keessatti gumaata guddaa qaba.

Akka Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turiizimii Godina Silxee Doktar Yirdawuu Naasir jedhanitti, Godinichi bakkeewwan hawwata turiizimii kanneen akka Hara Asheexan, Abbaay Xuffaa, Masaraa Imaam Sugaatoo, Fincaa’aa Laamoree, Tulluu Insilaas, Dhagaa Dhaabbii Asaanoofi Tulluu Mugoofi kan kana fakkaatan hedduu qaba.

Yeroo baay’ee uumamni haala waliin halluu jijjiirratu bineensa xiqqoo gaararraa jedhamtu akka ta’edha baay’een keenya kan beeknu. Godina Silxeetti garuu Haroo “ Har-Ashi Ixaanee” kan afaan Silxeen Ixaana Aarsi, jedhamu kan lafa hektaara 78 irra ciisee jiru, akkuma gaararraa waan naannawaasaatti argamu fakkaachuuf halluusaa battalatti jijjiirrata.

Harri kun halluu jijjiirrachuusaa qofa osoo hin taane dhagaa yookiin waan biraa yoo gubbaarraa itti darbatan biraan ga’uun hindanda’amu. Dhagaa keessa buusuuf yaaliin garaagaraa taasifamus namni hanga ammaatti dhagaa biraan ga’e hinjiru. Dhoksaa uumamaa ta’ee maaliif dhagaan yookiin wanti biroo haroo kanarra akka hinbuune qorannoo dabalataa kan fedhudha jedhu Doktar Yirdaawu.

Harri kun sababa dho’iinsa volkaanoon kan uumame yommuu ta’u gubbaarraa gad wayita ilaalamu meetira dhibba tokkoo ol gad fagaata. Daakuufi bashannanaaf kan oolu malee albuuda kaalshiyeemii hedduu qaba waan jedhameef dhugaatiif kan oolu miti.

Harri kun daandii asfaaltiirraa fageenya dhiyootti waan argamuuf daawwattootaaf akka filannoo jalqabaatti ilaalama. Kana malees, Haroon Abbayyaa Xuffaa kan qurxummii qorosoo jedhamu nyaataaf filatamaa ta’eefi hoomaa roobii of keessaa qabu yabala bidiruuf mijataa ta’e bakkeewwan hawwata turiizimii filatamoo keessaa isa tokkodha.

Godina Silxeetti Kabajni Ayyaana Arafaa duudhaa amantiin garasitti akka aadaatti kan ilaalamudha. Ayyaanni kun torban lama guutuu yookin guyyaa 15f waan kabajamuuf qophiin nyaataafi dhugaatii, mana miidhagsuufi naannoo qulqulleessuu bifa dhuunfaafi gartuun raawwatama. Dhadhaa baqsuu, qoccoofi mi’eessituuwwaan garaagaraa qopheessuun gahee dubartootaa yommuu ta’u dhimmi foon haala garaagaraan qophaa’u qopheessuu ammoo kan warra dhiirotaati.

Kabaja ayyaanaa kanarratti hirmaachuuf dhalattoonni godinichaa biyya keessaafi alaa bakka garaagaraa jiraatan akkasumas keessummootni garaagaraa kan hirmaatan ta’uu himanii; namootni bakkeewwan garaagaraarraa dhufan kunneen ayyaana kana akka carraatti gargaaramuun haala manneen barnootaa, yaala fayyaafi bu’uuraalee misoomaa godinichaa itti ijaaranirratti marii waloo akka adeemsisanis hubachiisaniiru. Kana duras bu’uuraaleen misoomaafi dhaabbileen tajaajila hawaasummaa bifa kanaan godinichatti hojjetaman jiraachuus eeraniiru.

Kabaja ayyaana kanaan walqabatee namootni bakkeewwan garaagaraarraa dhufan kan bultiillee ittidhaabbatan waan ta’eef yeroon turtii isaanii nidabala. Hanguma turan baasiin guddina dinagdee godinichaas biyyaaf isaan baasan kan dabaludha. Haaluma kanaan kabaja ayyaana kanaan qofa qarshiin miliyoona 20 dabalataan dinagdee godinichaa keessatti kan dabalamu ta’uu Doktar Yirdaawu dubbataniiru.

Waliigalaan barana hanga ammaatti bishaan ho’aafi tajaajila turiizimii biroorratti namoota 500 ta’aniif carraan hojii wayita uumamu, qarshii miliyoona 20 ol walitti qabuuf hojjetamaa jira. Bakkeewwan hawwata turiizimii mijataa taasisuuf ijaarsi bu’uuraalee misoomaafi loojiiwwanii bal’inaan adeemsifamaa jira.

Ittigaafatamtuun Qajeelcha Aadaafi Turiizimii Godina Guraagee Aadde Masarat Amergaa gamasaaniin akka jedhanitti, Godina Guraageetti kabajni Ayyaana Arafaa amantaan garasitti aadaa hawaasummaafi sochii turiizimii cimsuu keessatti shoora olaanaa qaba. Ayyaanni kun ayyaana waloon kabajamu waan ta’eef gamanumaan dubartoonni sochii dhadhaa, mi’eessituuwwaniifi nyaata garaagaraa walitti fiduun qopheessuu eegalaniiru. Warri dhiiraa ammoo qoraaniifi qalma garaagaraa qopheessuuf sochii eegalaniiru.

Ummatni Guraagee biyya keessaafi ala jiraatu bal’inaan ayyaana kanarratti hirmaata. Ammaan tana ummata golee garaagaraarraa dhufu simachuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramee jiraachuu ibsanii; dameen turiizimii, hoteelotaafi loojiiwwan sadarkaa barbaachisuun qophii taasisuu ibsaniiru. Ayyaana kana sababeeffachuun uffannaa, meeshaaleen nyaataafi faayawwan garagaraa aadaa Guraagee calaqqisiisan kan ittigurgutaaf dhiyaatan giddugalli gabaa 30 ol qophaa’aniiru.

Kabaja ayyaana kanaan walqabatee yoo xiqqaate qarshii miliyoona 70 galii argachuuf karoorfameera. Godinni Guraagee carraa kanatti fayyadamuun bakkeewwan hawwata turiizimii garaagaraatti haalli mijataa jira. Hawaasni bakka garaagaraarraa dhufu bakkeewwan hawwata turiizimii kana daawwachuu qofa osoo hin taane haalli inni ittihojii invastimantii garaagaraatti hirmaatu hojiin hubannoo uumuu nitaasifama.

Godinni kun bakkeewwan hawwata turiizimii kanneen akka Paarkii Biyyaalessaa Gibee, holqaafi tulluuwwan haroowwan garaagaraa bashannanaaf oolan qaba. Haa ta’u malee, sababa hanqina bu’uuraalee misoomaarraa kan ka’e bakkeewwan hawwata turiizimii bal’aa kanarraa galii guddina misooma godinachaas ta’e biyyaaf gumaachu sadarkaa barbaadameen maddisiisuun hin danda’amne.

Paarkiin biyyaalessaa Gibeen leenca dabalatee bineensotaafi Shimbirroota gosa garaagaraa qalbii namaa hawwatan of keessatti waan qabuuf bakka daawwannaa filatamaadha. Kana malees, misoomni Koriidarii baadiyyaa qajeelcha Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin hojjetame guutummaa Itoophiyaatti muuxannoon irraa qooddatamuu bira darbee bakka hawwata turiizimii ta’ee jira. Hudhaalee bu’uuraalee misoomaarraa kan hafe haalli nageenya godinichaa hawwataa waan ta’eef daawwannaafis ta’e invastimatiif filatamaa ta’aa dhufeera.

Ammaan tanas dhaabbileen turiizimii dameewwan turiizimii garaagaraarratti hirmaachaa jiraachuu himanii; abbootii qabeenyaafis ta’e daawwattoota gara godinichaa deemanii Godinicha misoomsuurratti qoodasaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru. Hudhaalee bu’uuraa jiran furuufis sochiin eegalamuu dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You