
Utubaa dinagdee Itoophiyaa keessaa qonni bakka olaanaa qaba. dameen kunis xiyyeeffannaan addaa kennameefi yeroodhaa gara yerootti fooyya’uun faayidaan irraa argamu daran dabalaa jira.
Keessumaa inisheetiviiwwan garagaraa bocamanii hojiirra oolan qonna biyyattii bu’uurarraa jijjiiruun sadarkaa cimaarra dhaabaa jiru. Nutis hojii seektarichaa keessumaa raawwii ji’oota sagalii ilaachisuun Ministira Qonnaa Doktar Girmaa Amantee keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii!
Bariisaa: Doktar, yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee raawwii ji’oota sagalii seektara keessanii nuu ibsaa. Dhiheenyas Ministira Muummeedhaan qoratamuunisaa ni yaadatamaatii ciminaafi hanqina jiran osoo nuu kaastanii.
Doktar Girmaa: Isinis galatoomaa jechuun barbaada. Egaan seektarri qonnaa akka biyyaatti seektara ijoodha. Guddinniifi jijjiramni seektara qonnaa keessatti dhufu kanuma seektaricha keessatti hafu qofa osoo hintaane kaaniifis bu’uuraafi galtee kan ta’udha.
Barana guddinni qonnaa akka waliigalaatti dhibbantaa 6.1n akka guddatu karoorfamee hojjetamaa jira. Waggaa darbe dhibbantaa 6.9n guddatee ture. Kana jechuun guddinni qonnaa waan xiqqaachaa dhufeef osoo hintaane dameeleen dinagdee kaaniis guddataa waan deemaniifi. Gahee qonni dur qofaasaa dinagdee keessaa qabu amma humni gargaaru waan dhufeef lakkoofsisaa xiqqaate malee qonnatu xiqqaate miti. Inumaayyuu guddinni omisha qonnaa kan bara darbeerra kan baranaatu caala.
Bu’uura Sagantaan Qindaa’aa Misooma Qonnaa Afrikaa baaseen biyyoonni Afrikaa wabii midhaan nyaataasaanii mirkaneeffachuuf dinagdeenisaanii waggaatti dhibbantaa ja’a guddachuu qaba. Haala kanaan waggoota shanan darban guddinni seektarri qonnaa ittiguddataa ture isa kaa’ameen oli. Karoora gaafa qabannuuf callisnee qabachuu qofa osoo hintaane manii akka Afrikaatti taa’e milkeessuuf nikaroorfanna.
Bara 2016/17 jallisii, arfaasaafi gannaatti lafa heektaara miliyoona 30.5 sanyiidhaan uwwisuun omisha kuntaala biliyoona 1.4 argachuuf karoorfame. Kun midhaan, kuduraafi kuduraa, jirbii dabalatee omishaalee qonnaa hunda kan hammatudha.
Haala kanaan kan ji’a sagalii yommuu ilaallu, lafaan heektaara miliyoona 31 ol, omishaan ammoo kuntaala biliyoona 1.2 qaqqabuu dandeenyeerra. Inni kun qamadiin jallisiidhaan facaafame omishisaa sassaabamee waan hindhumneef isa hindabalatu. Gaafa isa ittidaballu kan waggaaf karoorfanne nimilkeessina.
Qonni biyya kanaa harki caalaanisaa isa ooyiruu qonnaan bulaa xixiqqaa (small holder farmers) irraa sassaabamudha. Abbootii qabeenyaa gurguddootiin kan hojjetamu miti. Qonna keenya jijjiiruun kan danda’amu teknolojii qonnaa wanti nuti jennu hundi qonnaan bulaa xixiqqaa kana bira yoo ga’eedha.
Haala kanaan omisha gannaa bara darbee yoo fudhanne heektaara miliyoona 20.5 qotuuf karoorfannee guutuu mirkaneeffannee turre. Inni kun ganna bara achi aanuu heektaara miliyoona 17 waliin yoo ilaalamu gara miliyoona sadii caalmaa qaba. Gama omishaatiin ammoo ganna bara achi aanuu omisha kuntaala miliyoona 550 omisha gannaan kan omishne yoo ta’u, barana gara kuntaala miliyoona 610 omishne.
Caalmaa kana kan fide inni duraa bal’ina lafa qotameeti. Inni biraan lafti kilaastaraan qotame dabaluusaati. Bara achaanu lafa heektaara miliyoona 8.6 ture kilaasataraan kan facaafame. Bara kana ammoo lafa heektaara miliyoona 11.8 kilaastaraan facaafne.
Kana jechuun qonnaan bulaan waliin ta’ee, teknolojii walfakkaatutti fayyadamee yommuu hojjetu omishaafi omishtummaan isaa nidabala, deeggarsi ogummaa inni argatu dabalaa deema. Inni kun akka biyyaatti yoo ilaalamu %50 ol kilaastara jala galuusaa agarsiisa. Kan naannolee fudhattee yoo ilaalte kan Oromiyaa %70 hanga 80 qaqqabeera.
Bariisaa: Qonna ammayyeessuun walqabatee hojiin gama makaanaayizeeshiniitiin hojjetameewoo akkamiin ibsama?
Doktar Girmaa: Wayita ammaa lafti tiraaktaraan qotamu heektaara miliyoona shan qaqqabeera. Kun waggaa shanii ja’a dura miliyoona tokko hincaalu ture. Lafa kilaastaraan walitti sassaabuun warra tiraaktara kireessuuf hojii daran salphiseeraaf. Bakka tokkotti heektaara 50, 60 ol qotu waan ta’eef boba’aa asiifi achiin deeman akkasumas, yeroo isaan ittiin deeman sana qusateeraaf.
Hunda caalaa garuu kan dabale biyyi keenya kanaan dura waggaatti xaa’oo kuntaala miliyoona 12 ykn 13 fayyadamti. Bara darbe yeroo jalqabaatiif xaa’oo kuntaala miliyoona 20 binnee galchine. Kanaaf qonnaan bulaan keenya galteen sirnaan dhihaateefii, makaanaayizeeshiniin guutameefii, waliin ta’ee hojjechuu jalqabnaan omishni argamu dabalaa dhufa.
Bariisaa: Gama omishaatiin, jijjiiramni omisha qamadiirratti dhufe akka fakkeenyaatti ka’a. Kanarratti maaltu hojjetamnaan bu’aaqabeessa ta’e?
Doktar Girmaa: Omisha midhaanii keessaa qamadii qofaatti fudhannee yoo ilaalle, jijjiiramni olaanaan kan itti argamedha. Dubbii keenyarratti qamadiin biyya kanaaf haaraa miti. Qonnaan bulaan keenya baddaa Baalee, Arsiifaa durumaa qamadii qota. Garuu qamadiin nuti karaa baratameen qotaa turre kun biyya kana qamadii bituu keessaa baasuu hindandeenye.
Kanaaf waggoota 50n darban biyyi keenya qamadii bittee nyaataa ykn gargaarsaan argachaa turte. Waggaa shan dura qamadiin nuti qotaa turre gara heektaara miliyoona 1.75 ture. Kan omishnu ammoo gara kuntaala miliyoona 50ti. Omishtummaanis heektaaratti gara kuntaala 27 ture.
Inni kun biyya kana qamadii bituurraa ceesisuu waan hindandeenyeef waggoota shan dura kallattii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi kaa’aniin inisheetiviin qamadii yommuu bocamu, ganna qofa osoo hintaane bonas jallisiidhaan humnaafi qabeenya qabnu dabalatee omishuuf murteeffame.
Biyya kanatti jallisiidhaan qamadii qotuun hinbaratamne. Qorattoonni keenyallee “maaltu ija nu qabee ture?” jedhu amma. Biyyi Misir bishaan nurraa argamuun jallisiidhaan omisha qamadiin Afrikaarraa sadarkaa jalqabaarratti argamu.
Erga kan jallisii jalqabee booda waggaa shan keessatti heektaara kuma sadiifi 500 irraa ka’ee babal’ataa dhufee, bara kana heektaara miliyoona 3.5 geenyeerra. Omisha qamadii miliyoona 1.75n jalqabne ganna darbe miliyoona 4.7 irraan geenye. Kanarraa omisha kuntaala miliyoona 152 omishne.
Kun guddina dachaa sadii agarsiiseera jechuudha. Omishtummaanis heektaaraan kuntaala 36 qaqqabeera. Kan bonaa ammoo zeeroorraa kuntaala miliyoona 3.5 qaqqabeera. Bonaafi ganni walitti ida’amee bara kana omisha kuntaala miliyoona 300 argachuuf hojjetaa jirra. Bara darbe kan arganne kuntaala miliyoona 230 ture.
Bariisaa: Waan gama misooma beeladaatiinis hojjetame osoo nuu kaastanii.
Doktar Girmaa: Damee seektara keenyaa keessaa inni biraan damee beeladaati. Gama kanaan biyyi keenya Afrikaarraa tokkoffaadha, lammaffaadha kanneen jedhan yommuu sadarkaa tokkoffaa barannu ni dhageenya.
Garuu lakkoofsi kun maal fide yoo jenne ammallee daakuu aannanii biyya alaadhaa binnee ijoollee keenya obaasaaa jirra. Kana jechuun qabeenyi kun gara dinagdeetti jijjiiramaa hinjiru. Sababnisaa hinammayyoofne. Akkuma qonni keenya gateettii qootiyyoorraa hinbuune jennu sana, horsiisni beelada keenyaas hinammayyoofne.
Ministirri muummee akkuma midhaanirratti inisheetivii qamadii jalqabsiisan sana lukkuu, aannan, dammaafi qurxummiirratti xiyyeeffatamuu akka qabu kallattii kaa’uun Sagantaa Inisheetivii Maaddii Madaalawaa waggaa sadii dura eegalchiisan. Inisheetiviin kun hojii seektara qonnaatiin hojjetame keessaa kan mana nama baay’ee seenee yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama olaanaa fideedha.
Waggaa sadii dura misooma lukkuurratti cuucii guyyaa tokkoo miliyoona 26 qofa raabsaa turre. Inisheetiviin kun eegalee waggaasaatti garuu miliyoona 41 ta’e. Caalaatti akka hinomishneef rakkoo kan ture hanqina sanyii waan tureef Meedrok waliin ta’uun Bishaan Gurraachaarratti sanyii haadhoo (‘grandparents’) omishuun jalqabameera. Kana akka Afrikaattiyyuu biyyoota muraasatu qaba.
Haala kanaan hojjechuun, abbootii qabeenyaas hirmaachisuun barana ji’a sagal qofatti cuucii guyyaa tokkoo miliyoona 90 raabsuun danda’ameera. Karoorri keenya waggaa miliyoona 150 yoo ta’u, kana milkeessuufis hojjetamaa jira.
Misooma aannanii, horsiisa loonii, omisha dammaafi kanneen biroorrattis bu’aalee jajjabeessoon mul’ataniiru. Loon diqaalomsuu waliin walqabatee bara kana loon miliyoona 3.8 diqaalomsuuf karoorfamee ji’oota sagalitti miliyoona sadii bira ga’uun danda’ameera. Kun waggaa sadii dura miliyoona walakkaarra ture.
Misooma kanniisaan walqabatees omisha dammaa bifa aadaatiin omishamaa ture keessaa ba’uuf gaagura ammayyaa dhiheessuu waliin walqabatee bara kana ji’oota saglan darban gaagura ammayyaa miliyoona 2.2 dhiheessuun danda’ameera. Sanyiin qurxummiis miliyoona torbaa ol raabsameera. Kana dura qurxummii namni haroo deemee baasuurraa amma boroosaatti omishuu jalqabeera.
Inni kun akka waliigalaatti lammiin nyaata madaalawaa akka argatu taasisuurratti gaheen ba’ataa jiru olaanaadha. Sagantaa kana waggaa afur keessatti milkeessuuf qabamee waggaa lama keessatti bira ga’uun danda’ameera. Carraa hojii uumuufi gabaa tasgabbeessuu keessattis qoodni ba’ate olaanaadha.
asee akka biyyaatti yaaliin hedduun taasifameera. Yaaliin taasifame xiqqoodha jechuun hindanda’amu, waan jijjiire waan qabuuf. Garuu inisheetiviin Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Ashaaraa Magariisaan fidan jijjiirama olaanaa fideera.
Kanaan waggoottan ja’an darban gara biqiltuu biliyoona 40 dhaabameera. Isa kana hanga bara 2018tti biliyoona 50n ga’uuf hojjetamaa jira. Ganna baranaatiin biqiltuu biliyoona 7.5 dhaabna. Sagantaan kun biqiltuu dhaabuu qofa miti. Biqiltuun dhaabamu %60n biqiltuu sirna qonnaa keessatti hidhata qabudha; gamtokkoon nyaata jechuudha. Akkasumas biqiltuuwwan nyaata beeladaaf oolanis kan qabatedha. Inni kun ammoo gara maaddii guutuutti deema. Dhibbantaan 35 akaakuu biqiltootaa bosonummaaf oolan, shan ammoo miidhaginaaf kan oolanidha.
Hojii kanarratti namoonni miliyoona 25-30 ta’an waggaa waggaatti tokkummaan hirmaatu. Biqiltuu qopheessuu keessattis carraan hojii miliyoona tokkoo ol uumameera. Haala kanaan uwwisni bosonaa osoo sagantichi hinjalqabiin %17 ture, amma %23 qaqqabeera. ALA bara 2030tti ammoo %30 irraan ga’uuf karoorfameera. Kanaan walqabatee, sululawwan hidhaman keessatti qonnaan bulaan gurmaa’ee gaagura hidhataafi lageen deebi’anii misoomanii jallisiif oolaa jiru.
Hojii biraan nuti seektara kana keessatti hojjenne qabiyyee qonnaan bulaa mirkaneessuudha. Kanaan walqabatees oyiruuwwan akka biyyaatti jiran miliyoona 50tti siqan keessaa hanga yoonaa miliyoona 30tti kan siqu ragaa ittikennineerra.
Hojii kana keessatti wanti guddaan hojjetame tokko abbaa qabeenyummaa dubartootaa mirkaneessuudha. Baadiyyaa keessatti qabeenyi guddaan jiru lafa. Kanas haati warraafi abbaan warraa qixa mirga akka qaban, beekamtiishee malee gurguruu akka hindandeenye taasifameera. Dubartoonni qonnasaanii ofiin bulchan ammoo maqaasaaniitiin akka argatan ta’eera.
Kanaan walqabatee ammoo qonnaan bulaan kaardii magariisasaa fayyadamee liqii argachuu akka danda’uuf wanti hojjetame jajjabeessaadha.
Bariisaa: Galteewwan qonnaa dhiheessuun walqabateewoo maaltu hojjetame?
Doktar Girmaa: Kunis damee seektara qonnaa keessaa isa tokko. Bara kana haala addaan xaa’oo kuntaala miliyoona 24 ni dhiheessina jennee hojjetaa jirra. Bara darbe kuntaala 20 dhiheessine. Isa karoorfame keessaas hanga ji’a sagaliitti gara kuntaala miliyoona 11 biyya keessa galchineerra.
Adeemsa xaa’oo galchuu keessatti kan jijjiirre, kana dura yeroodhuma tokko caalbaasiin ba’ee bitama. Inni kun adeemsisaa waan harkifatuuf yeroo tokko tokko erga arfaasaan darbee xaa’oon qaqqaba. Isa kana hiikuuf naannoleen hundi yeroo Arfaasaasaanii akka adda baasan, kanattis xaa’oo hammamii akka barbaadan addaan baafne.
Waqtii qonnaa sadaniifi fedhii jiru jechuudha. Kanaaf bittaa si’a tokko gaggeessaa hinjirru. Yeroo qonna jallisii jallisiif kanbarbaachisu caalbaasii baafnee binna; kaanis akkasuma. Haala kanaan waan dhihaatuuf bara kana dhiheessii waliin walqabatee komiin ka’aa hinjiru. Gatii waliin walqabatee komii ka’uuf mootummaan bara kana biliyoona 84 tumsa taasiseera. Kana jechuun kuntaala tokkotti gara qarshii kuma sadiifi 107 jechuudha.
Hojii qonnaarratti kuteenyummaan hoggansa amma jiruu olaanaadha. Seektara qonna keenyaa nijijjiirra, birmadummaa nyaataa nimirkaneessina yoo jenne, galteen keenya olaanaan xaa’oo waan ta’eef kuntaala hamma kana alaa bitanii, dooniidhaan fe’anii, Jibuutiitti buusanii, achii fiduun baasii olaanaa qaba. Kun akkasitti deema taanaan ittifufuu hindandeenyu. Ministirri Muummee hidhi haaromsa keenyaa inni lammaffaan warshaa xaa’ooti jedhanii inni paarlaamaatti labsan gaaffii ijoo seektara qonnaa kan deebisudha.
Inni biraan sanyiidha. Waggoota darban giddugalaan sanyii kuntaala miliyoona tokkotti siqu dhiheessaa turre. Isumayyuu sanyii midhaanii akaakuu muraasatu dhihaataa ture. Inni kun gahaa miti.
Biyyuma kanattuu omishamuu danda’a. Sanyii tokko haadhoosaa baasanii, baay’isanii qonnaan bulaa bira ga’uuf bara darberraa kaasee koree addaa dhaabuun hojiitti seenameera. Barana yoo xiqqaate sanyii kuntaala miliyoona lama dhiheessuuf hojjetaa jirra. Sanyii baay’isuu waliin walqabatee dhaabbileen misoomaa muraasni nijiru. Isaan qofaan garuu qonnaan bulaa bira ga’uu waan hindandeenyeef oyiruu qonnaan bulaarratti sanyii baay’isuu eegalleerra. Inni kun cimee kan ittifufu ta’a.
Imaammata qonnaafi misooma baadiyyaa akka biyyaatti waggoota 20 oliif hojjetaa ture bara darbe jijjiirreerra; isa kanarratti hojii hubannoo uumuu hojjetaa jirra. Hojiirra oolmaasaafis labsii lafaa dabalatee labsiiwwan barbaachisan hunda qopheessaa jirra.
Qonni keenya gara qonna kontiraataatti jijjiiramuu qaba. yeroo tokko tokko magaalaa keessa omishni hinjiru jedhama; qonnaan bulaan ammoo omishee gabaa hinqabu jedha. Bara kana wanta inni gabaa qaba jedhee omishe bara dhufu gabaa dhabuu danda’a.
Gama kanaan muuxannoon addunyaa gurgurattee omishuu jedhamu nijira. Kana jechuun jalqaba nama omisha namarraa bitu beekuu barbaachisa. Warshaamoo, warra alatti ergumoo eenyuutu bita inni jedhu adda baafamuu qaba. Kunis waadaa qofa osoo hintaane waliigalteen hidhamuu qaba. Yoo danda’ame waliigaltee waggaa afurii shanii, yoo xiqqaate kan waggaa lamaa. Kanaaf waa’een gabaa yaaddoo hinta’u jechuudha.
Warri bitu ammoo xaa’oo, sanyii filatamaafi galteewwan addaddaaf liqii dhiheessuun qonnaan bulaa deeggaru. Sababnisaa yoo qonnaan bulaan omishe isaaniif faayidaa waan ta’eef. Kanaaf qonni kontiraataa inni jedhamu babal’achaa deemuu qaba. Isa kanaaf fakkeenya guddaa kan ta’u garbuu biiraati.
Warshaan Biqilaa Asallaa kana dura garbuu biiraa alaa bitee galchaa ture. Dhaabbileen biiraa Hayinikan dabalatee sanyii filatamaa biyya alaatii bitanii galchaniin, erga qoratameen booda qonnaan bulaan akka omishu ittikennan.
Gorsa ogummaallee kennaa deeggaraa turan. Haala kanaan hojjetamee, amma biyyattiin garbuu biiraa alaa bituu dhaabdee biyya keessatti omishaa jirti. Inni kun omishawwan addaddaarrattis cimee akka ittifufuuf labsiif qajeelfamasaa baasneerra. Kana keessatti booda walganuun akka hinjiraanne mirgaafi dirqamni qonnaan bulaafi isa biturraa eegamu adda baafamee taa’eera.
Bariisaa: Wanti akka hanqinaatti adda baafattanoo maalfa’i?
Doktar Girmaa: Akka hanqinaatti hojiileen hojjetaman kunneen sadarkaan ittihojjetaman naannolee gidduutti walqixa miti. Naannoleen hojicha bal’inaan fuudhanii ittideeman jiru. Naannoo tokko tokkorratti ammoo akka barbaannetti deemaa hinjiru. Kanaaf Ejensii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa waliin hojii tokko hojjetaa jirra.
Poteenshaala akka biyyaatti jiru adda baasaa jirra. Poteenshaalli jiru naannoleerratti addadda. Tokko qamadiirratti gaarii yoo deeme kaan ruuziidhaan deemuu danda’a. Kanaaf Roodmaappii Jijjiirama Bu’uura Qonnaa naannoleef adda addatti hojjetaa jirra. Isa kanaan Oromiyaan maalirratti yoo xiyyeeffate, Beenishaangul Gumuzoo kamirratti yoo xiyyeeffate wayya jechuun kan naannolee hundaa adda baasa.
Kunis callisanii waraqaa qofa qoratanii ittikennuu qofa osoo hintaane, waa hojjetanii agarsiisuu barbaachisa. Haala kanaan naannoo Somaalee wajjin ruuzii, Affaar wajjin nyaata beeladaarratti hojjechuuf waliigalleerra. Kun naannolee keenyallee walitti dhiheessuuf nigargaara.
Inni biraan qonnaan bulaa biratti fedhiin teknolojii daran dabaluusaa wajjin walqabatee akka carraatti kan ilaalamu ta’ullee fedhii jiru guutuu waliin hanqinni jira. Isa kana guutuuf hojjetamaa jira.
Kana malees makaanaayizeeshiniin walqabatee waanti jiru gahaa miti. Hojiin qonna ammayyeessuu maallaqa barbaada. Yeroon Oromiyaarra ture inisheetivii makaanaayizeeshinii jalqabnee, qonnaan bulaan dhibbantaa muraasa akka qusatu goonee, baankonni qonnaan bulaaf akka liqeessan yommuu bira deemnu baankonni fedhii hinqaban; baankiidhuma mootummaayyuu dabalatee. Isaan qonnaan bulaa kan beekan akka inni lafa heektaara 20, 30 qabu ture.
Isa kanaaf seera jijjiirsisuu qabna turre. Seera qonnaan bulaaf liqii makaanaayizeeshinii eeyyamu. Qonnaan bulaan %20, 30 qusatee isa hafe hojjetaa ittiin kaffalu fiduun salphaa hinturre. Amma inni sun gahaa ta’uu baatus furameera. Inni Oromiyaatti eegalee naannolee hundatti babal’ateera. Kana jajjabeessuufis mootummaan meeshaaleen makaanaayizeeshinii hundi ashuuraarraa bilisa ta’anii alaa akka galan eeyyamuunsaa gatiinisaa qonnaan bulaa akka hinmiineef qoodni taphate nijira.
Bariisaa: Doktar, waltajjii tokkorratti qonni keenya tiraaktaraayizeeshiniirra darbee makaanaayizeeshinii hinqaqqabne jettanii turtan. Maal jechuudha laata?
Doktar Girmaa: Ani yeroo tokko gara biyya Hindii deemee hojii makaanaayizeeshiniisaanii ilaaleen ture. Isaan tiraaktara tokkoon waan kudhan, kudha shan hojjetu. Gaafa qonni dhumu, mi’a ittijijjiiranii ittiin facaasu, gaafa facaasaan dhumummoo tireelarii ittihidhanii ittiin fe’atu, gaafa inni dhumu ammoo boqqolloo falfalu, ittiin bishaan obaasu, ittiin chaarjii godhatu.
Kan keenya garuu waan lama sadii hincaalu. Kanaaf nuti amma tiraaktaraan lafa qofa ittiin qonna taanaan sirrii miti. Lafa qotuurraa kaasee hanga dhaqee midhaan gumbiitti galutti makaanaayizeeshiniitti fayyadamuu qabna. Tiraaktaraan qottee kombaayinaraan hinhaamne taanaan tiraaktaraayizeeshiniidha jechuudha.
Isa kana halkan tokkoon fiduu hindandeenyu. Tiraaktarumaan jalqabuun keenyayyuu waan tokkodha. Suuta garuu tiraaktara tokkoon meeshaa ittijijjiiraa waan kudhan kudha shan hojjechuutti seenuu qabna. Inni kun immoo faayinaansii barbaada. Faayinaansiin keenya ammoo baadiyyaa deemaa hinjiru. Kanaaf qonnaan bulaan bunasaa, kaardii magariisasaa, looniifi gaalasaa qabsiisee liqeeffachuu danda’uu qaba. Gamoon magaalaa keessaa arginu hundi liqii baankiitu irra jira. Namni waa hojjetee, waa qusateetu liqii fudhatee hojiisaa kan babal’isu. Baadiyyaatti qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf faayinaansii osoo hindhiyeessiin qonni maaliif hinguddanne jechuun hindanda’amu.
Isa kanaaf wantoonni akka jalqabbiitti ka’an nijiru. Baankiin Biyyaalessaa qajeelfama tokko baaseera. Qabeenya socho’aa qabsiisuun qonnaan bulaan liqii argachuu kan dandeessisudha. Sirnasaa ijaarutu xiqqoo yeroo fudhataa jira. Qonnaan bulaan beeladasaatiin lakkoofsa eenyummeessaa akka baafatu taasisuu jalqabneerra. Namni tokko beelada shan qaba yoo ta’e, isa kamiin dhaqee baankii kamirraa liqeeffata inni jedhu beekamuutu irra jira. Ta’uu baannaan namni addaddaa beelada tokkoon ittiin liqeeffachuu danda’a; wanti ittiin gaafatan hinjiru. Liqiin hindeebi’u taanaan ammoo hojii hojjechuun hindanda’amu. Amma Oromiyaafi Somaaleerratti isa kana hojjetaa jirra.
Kana malees jijjiiramni qilleensaa mudatu akka qormaataatti ka’a. Yommuu qilleensi jijjiiramu ilbiisonni addaddaas waliin ka’u. Isa kanarratti dursinee hojjechuu qabna. Amma gara xiyyaara shanii qabna waan ta’eef dursinee xiyyeeffannee irratti hojjenna. Ilaalama yeroo jijjiiramaa keessaa tokko kan nuti shaakalle yommuu rakkoon dhufu carraatti jijjiiruudha. Yommuu homaan hawwaannisaa biyya kanatti ka’ee ture xiyyaara keemikaala farra ilbiisaa biifu Afrikaa Kibbaadhaa fidnee turre. Isarraa ka’uun hamma yoomitti akkanaan ittifufna jechuun amma xiyyaara ofii keenyaa shan bitanneerra.
Akka waliigalaatti dameewwan hojii arfan qonnaatiin ji’oota saglan darban hojiilee jajjabeessaatu hojjetame. Manii waggaaf qabanne haala nu dandeessisurra jirra.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017