“Ummanni keenya kennaasaa baree hojjechuu qaba”- Obbo Eebbaa Yiggazuu

Dhiyeenya kana wayita dhimma hojiitiif gara Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo misooma koriidariitiin daran miidhagdeef miidhagaa jirtu deemnetti waa’ee abbaa qabeenyaa tokkoo dhageenye. Abbaan qabeenyaa kun ijoollummaasaaniirraa kaasanii bizinasii wajjin walittidhiyeenya akka qabaniifi tattaaffii cimaa hojiisaaniirratti taasisaniin maqaa gaarii akka qaban dhageenyee nutis waan dhageenyarratti hundoofnee isaan wajjin gaafdeebii gochuun muuxannoosaanii dubbistoota keenya kabajamoof akka ittaanutti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Eebbaa Yiggazuun eenyu? Maalis qabu, hojjetu?

Obbo Eebbaa: Eebbaan nama umrii jiddugaleessaa keessa jiruudha. Nama yeroo barnootaas ta’e hojiirratti tattaafatuudha. Tattaafatee ammoo sadarkaa amma irra jirurra ga’eedha. Gamoo guddaa Magaalaa Aggaaroo keessatti argamu, Gamoo Eebbaa ‘PLC’ jedhamu, kan tajaajila hundagaleessaaf oolu aniifi haati warraa koo hundeessineerra.

Gamoon kun iddoo namni ittiboqotu, mana nyaataa (baariifi restoraantii), taphawwan geemii adda addaatiif ooluufi dargaggoonni itti bashannanan, suuqota gara garaa, baankonni tajaajila itti kennaniidha. Egaa abjuun keenya kana qofa miti, egere biyyi keenyas nutis nagaaa taanaan hojii kana caalu hojjenna. Wallaggaa, Najjoottis peenisiyoonii qabna. Achis manni tajaajila kiraaf oolu jira. Raabsa qorichaas niqabna. Qinxaaboodhaanis Magaalaa Aggaarootti nigurgurra.

Bariisaa: Eebbaan maatii akkamiirraa yoom, eessatti dhalatan? Waa’ee barnootaas achumaan otoo nuu ibsitanii?

Obbo Eebbaa: Ani Magaaalaa Najjootti haadha koo Aadde Atsadaa Alamaayyoofi abbaa koo Obbo Yiggazuu Nigaatuu jedhamanirraan bara 1973n dhaladhe. Barnoota koo sadarkaa 1ffaa Mana Barnootaa Abdiisaa Aagaatti, hanga kutaa 10ffaatti ammoo Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Najjoottin baradhe. 11ffaafi 12ffaa Finfinnee, Mana Barnootaa Mananittin baradhe.

Kolleejjis ogummaa diraagistiitiin (Faarmaasii) baradhe. Isa booda kallattumaanin gara hojiitti seene. Bara barkumee eebbifameen waanin durumaa qabee Magaalaa Aggaaroo tureef achumatti deebi’ee qarshii kuma tokkoofi 740n mindeeffamee waggaa tokkoof hojjedhe. Baruma sana keessa maatiis hundeeffadhe. Hojii mataa koottis galee hojjetaan jira. Ani maatii kootiif ilma jahaffaadha. Ani ammoo abbaa ijoollee dubaraa shaniifi dhiira tokkooti.

Bariisaa: Haala guddina keessanii otoo nuu kaastanii?

Obbo Eebbaa: Ani waggaa jahaattin kutaa 1ffaa seene. Baruma sanarraa kaaseen tattaafachaa ture jechuudha. Qe’ee keenya bunni jira. Akaakayyuu koo duukaan buna funaanaa ture.

Buna sana gurgureen hoolaa bitadhe. Yeroon baradhu sanatti hoolaan koos naa horte. Isa booda yeroon dargaggoomutti hoolota sana gurguree Magaalaa Najjootti barachaa suuqii banadheen hojjechaa ture. Mana rifeensi ittisirreeffamus qaban ture. Achii egaa waan haalli yeroo sanaa naa hinmijanneef dhiisee gara Finfinneetti qajeele. Finfinneetti joottaniifaa kireessaa barnoota koo ittifufe. Sababa naannawa keenya bunni jiruuf bunafaan daldalaa ture. Yeroo barnoonni hinjirretti ykn boqonnaatti buna Finfinnee geesseen gurguraa ture. Maatiin koos daldaltoota.

Bariisaa: Bizinasii keessaniin carraa hojii hammam uumameera?Obbo Eebbaa: Amma Aggaaroo, Finfinneefi Najjootti namoota 40f carraan hojii banameera. Gibira mootummaa qarshii kuma 600 oltu kaffalama.

Bariisaa: Yoom hojii bizinasiitti seentan?

Obbo Eebbaa: Hojii bizinasii ulaagaa barbaachisu hunda guuttadhee kanin hojii jalqabe bara 2003 ogummaa diraagistii Roobeeraa jedhamuuni. Kunis eeyyama qinxaaboo qorichaa Magaalaa Aggaarootti banameeni.

Otoon isa hojjedhu hojiin koo babal’achaa deemnaan carraa mootummaan naannoo yeroo tokko abbootii qabeenyaa Magaalaa Aggaarootiif akka Oromiyaatti kenneen daldaltoonni xixiqqaan (maayikiroon) lafa fudhatanii invastimantiiwwan adda addaarratti hirmaachuu danda’u oggaa jedhamu mootummaan carraa kana nuu kennee anis yeroo sanatti fedhii mana ijaaruu waan qabuuf ijaarradhee sadarkaa kanarra ga’eera jechuudha.

Gamoon kun anis haati warraa koo, maatiifi hiriyyoonni koo hundi ittidabalamnee inni kaan cirracha, kaan armaataa bukeessuun, kaan bishaan ittinaqaa hojjetame. Gamoo kana hojjetaa biraa dhaabannee mitii kan hojjechiifne. Ofumaaf hojjenne jechuun nidanda’ama. Waggaa tokko keessatti harka 60n geenyeerra; ittiduullee hojjechuun. Manni kun waggoota sadii keessatti sadarkaa amma irra jirurra qaqqabe.

Bariisaa: Ka’umsi keessan Najjoo ta’ee akkamitti Aggaaroo filattan?

Obbo Eebbaa: Aggaaroo fira tokko bira hojjechuufan dhufe. Isa bira takka hojjedheera. Ijoollummaa kootti fedhiin koo konkolaataa oofuu ture. Inni ammoo konkolaataan sii hinta’u; hojii faarmaasii wayya jedhe. Isa booda utuman faarmaasiisaa hogganuu barumsasaa baradhee garana dhufe. Waggoota lamaa sadii booda ammoo gara dhaabbata mataa kootti dhufe jechuudha.

Bariisaa: Ijoollummaatti maal ta’uu hawwaa turtan? Hammam immoo isinii milkaa’e?

Obbo Eebbaa: Milkaa’eera. faarmaasistiin ta’a jechaan ture. Waaqayyo haa galateeffamuu waanin baachuu hindandeenyes na hinbaachisne. Waanuman barbaadu naa kenne. Har’a kunoo kanarra geenyeerra.

Bariisaa: Eebbaan abbaa qabeenyaa invastimantiirratti bobba’eedha jechuu dandeenyaa?

Obbo Eebbaa: Ilaa ani jireenya koo keessatti hojiidhaanin mul’achuu barbaada. Maqaa koo kan ibsu hojiidha jedheen amana. Ummanni asiifi kantiibaan Magaalaa Aggaaroo na beeku. Ani akka nama tokkootti yeroo Waaqayyo naa kennetti fayyadamee as ga’eera warri kaanis narraa baratanii tattaafatanii otoo guddatanii natti tola.

Namni waan irratti bobba’eefi fakkeenya gaarii ta’u hojiidhaan ibsuu qaba. Ani ganama ganama mana ciisichaarra deemee waan hanqate ilaala. Guwaantii keewwadhees waantota barbaachisan hunda hojjedha. Hojjechuu nama boonsa malee nama hinqaanessu. Ani yeroo dheeraaf xiiqiin qaba. Ummanni keenya of kennee hojjechuu qaban jedha, waanin hojiitti amanuuf. Waan hojjetee argate ammoo qusatee waan gaariirra oolchuu qaba. Kanaaf, sadarkaan amma irra jiru invastara na jechisiisa.

Bariisaa: Kaappitaalli ka’umsaa keessan hammam ture?

Obbo Eebbaa: Waaqayyo isa har’aan na gaheef galanni haa ta’uu ani hammuma ammaattuu onnee malee kaappitaala hinqabu. Gaafan ijaarsa mana kanaa jalqabu bizinasiiwwan adda addaa keessa jiraadhus akkasumas uqqubiiwwan qabaadhus yeroo sana qarshii miliyoona tokko hinguutu.

Qarshii kuma 960n qabaayyu. Konkolaataa garagalchu tokko bitadheera. Miniibaasii tokkos qaba. Konkolaataa garagalchu ergan lafa kana fudhadheen bite. Waantonni ijaarsaaf barbaachisan dhiyaatanii bakki kun mijatee hojiitti seename.

Hojjetaaf qarshii kuma 100 keenyee aniifi maatiin koos humnaan hojiitti seenne. Hiriyoonni koos kaan cirracha, kaan ammoo simintoo fiduudhaan nu gargaaraniiru. Xiyyeeffannaan ittiduullee waan hojjenneef ji’a tokko keessatti bu’uura ijaarsa gamoo kanaa baasne.

Uqqubii yeroosaa eeggatee naa baheen ammoo ‘giraawundi pilaas’ ijaarree xumurree baankota dabalatee tajaajilawwan adda addaatiif kireessine. Kiraa irraa argamus asumatti invasti gochuun ijaarree xumurre.

Kan gargaare yeroo kootti sirnaan fayyadamuufi qusannoo kooti. Qabeenyan hojiidhuma kanarran oolche. Iccitiin milkaa’uu keenya kana. Waan jiru walsimachiisanii carraa argametti jabaatanii hojjechuudha. Namni carraa argateen hinhojjetuu taanaan waan hinmilkoofne hinjiru. Hojii tokko keessatti iddoo barbaachisaa ta’etti hayyuu mariisuunis daran barbaachisaadha.

Bariisaa: Har’a qabeenyi keessan waliigalaa hammam ta’a?

Obbo Eebbaa: Najjoorraas G+3 kan bakka ciisichaa 24 qabun qaba. Bakki tajaajila biraatiif kireeffamus jira. Ani naannawa otoo hintaane biyyattin amana. Carraa hojii argannaan eessattuu nan hojjedha. Aggaarootti mana jireenyaa qarshii miliyoona 4.8 baasu qaba. Gamoo G+6 tajaajila waliigalaatiif oolu ijaarsisuuf qophiirran jira. Finfinneettis sheediiwwan gara garaa qaba. Shaggarittis akkasuma. Walumaagalatti kaappitaalli koo qarshii miliyoona 200tti tilmaamama.

Bariisaa: Yeroo isin bizinasii kanatti abdii kutattan jiraa?

Obbo Eebbaa: Ani bizinasiitti abdii hinkutadhu. Yoon qaawwa itti uume akka abdii nama kutachiisu beeka. Barri kun bara jabaadha. Bara waantonni hundi abbaa barbaadaniidha. Bizinasiin abbaa barbaada. Baasiifi galii kee beekuu qabda; otoo abdii kutachuu bira hinga’iin jechuudha.

Yoo baasiifi galiin kee walhinmadaalu ta’e dhaabattee of ilaalluu qabda, furmaata itti barbaaduu qabda. Waanti hidhee asitti si hambisus hinjiru. Sababiinsaas addunyaan kun bal’ina qabdi kaa. Madaaleen keessa darba malee abdii hinkutu.

Bariisaa: Oromoon bal’inaan akka bizinasiitti seenuuf maal gorsitu mee?

Obbo Eebbaa: Namni keenya sodaa qaba. Waan sodaatuufis qaba. Walutubuurra walcabsuunis jira. Akka inni si hincabsineef ammoo ati hubannaa qabaachuu; seeraafi deemsa bizinasii beekuu qabda. Mirgaafi dirqama kees addaan baastee beekuun sirraa eegama. Tokko tokko hojjetee gibira kaffaluufaa akka waan biraatti fudhata.

Tokko tokko ammoo otoo baasiifi galiisaa addaan hinbaafatiin, qabeenyasaarratti inventarii hingeggeessiin, herregasaa hinhojjetiin waan biraa dubbata. Qabeenya kee yeroo yeroodhaan hinto’attu taanaan bizinasiin kee nimiidhama, nimanca’a.

Kanaaf namni tokko bizinasiisaa dhiyeenyatti to’achuu qaba. Bizinasiin koo maanaajara teknikii qaba. Amma sababiin tokkollee waan hinjirreef namni keenya bizinasiitti bal’inaan seenee hojjechuu qaba. Adeemsa waa raawwachiifachuu keessa darbamu sodaachuu hinqabu.

Ani waanin hojjechuu danda’uuf dhaabadheen mirga koo kabachiifadha; dhimma koo raawwachiifadha. Ani kutadheetuman hojiitti seene. Garuu Waaqayyoon haa galatuu Waajjira Pirezidaantiifi Biiroo Invastimantii dabalatee sektaroonni dhimmi ilaallatu hundi na duukaa dhaabataniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You