Kilabni Mugar Simintoo dhiirootaan shaampiyoonaa kubbaa Shaaphaanaa baranaa ta’e

Finfinnee: Kilabni Kubbaa Saaphanaa Mugar Simintoo dhiirotaan Shaampiyoonaa Liigii Pirimiyeer Itoophiyaa bara 2017 ta’e.

Kilabiichi qabxii 39 galmeessuun tapha osoo hinxumuriin shaampiyoonaa ta’uusaa mirkaneeffateera.

Dorgommii Liigii Pirimiyeer Kubbaa Saaphanaa Itoophiyaa kana Muddee 5/2017 Magaalaa Adaamaatti jalqabsiisuufi Magaalaa Amboottiis bakka dorgommiin Kubbaa Saaphanaa Aanaalee Oromiyaa ittigaggeeffamuutti walmorkii gareewwan Liigichaa taasisuun muuxannoon babal’aan adeemsifameera. Mugar kan hundaa’ e bara 1989 yoo ta’u turmaata isaa keessatti taphattoota ciccimoo horachuuniifi mo’achuun jijjiirama guddaas galmeessaa dhufeera.

Bu’uruma kanaan, bara 2016 shaampiyoonaa ta’uu dabalatee waggaa waggaan mo’achaa kan dhufe yoo ta’u, injifannoo bara 2017 wanti adda godhu tapha moo’aa mo’attootaa injifachuu isaati. Inni biraa olaantummaadhaan osoo hininjifatamiin hanga xumuraatti deemuun seenaa addaa galmeesseera. Tapha dheengadda gaggeeffameen qofa kilabii ‘Biheraawii Alkool’ dhaan 3fi 1n injifatamus qabxii waligalaatiin shaampiyoonaa ta’eera.

Sagantaa xumura taphichaa irratti Pirezidaantiin Kubbaa Saaphanaa Doktar Simeenah Dassee, hoggantoonni ispoortii federaalaarraa affeeraman akkasumas, Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Kubbaa Saaphanaa Oromiyaa Obbo Baqqalaa Iraasuu saganticharratti argamuun meedaaliyaafi badhaasa kennuusaanii Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa odeeffanne.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You