
Oromiyaan qabeenya bishaaniifi maddoota inarjii haaromfamoo akaakuuwwan adda addaa baay’ee qabdi. Qabeenya bishaan lafarraa meetir kuubii biliyoona 58fi kan lafa jalaa meetir kuubii biliyoona 23.5tti shallagamu kan waggaatti dhangala’u qabdi.
Akkasumas, lageen guguddoo Oromiyaatti argaman kanneen akka Awaash, Gannaalee, Waabii Shabalee, Dhidheessaa, Gibeefi Abbayyaafaa eeruun nidanda’ama.
Gama kaaniin bishaan dhugaatiifi madda inarjiitiif oolu akkasumas, akaakuu maddoota inarjii adda addaa kanneen akka baayoo inarjii, humna bishaanii, aduu, bubbee, ji’oo tarmaalii, dhakaa cileefa’iinis kan badhaateedha.
Qabeenya bishaaniifi inarjii misoomsuun fayyadamummaa hawaasummaafi dinagdee ummata baadiyyaafi magaalaa mirkaneessuufis hojii bal’aa hojjetamaa tureefi jiruun jijjiiramni galmaa’e daran olaanaadha.
Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaas karoora xiiqii qabame milkeessuuf bajata mootummaan waggaa waggaan ramadu dabalatee hirmaannaa hawaasaa, sagantaalee garagaraafi dhaabbilee mitmootummaa deeggartoota misoomaa hirmaachisuun hojii bal’aa hojjataa jiruun fedhii bal’aa dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluufi Inarjii haaromfamaa ummataa guutuuf sochii bal’aa taasisaa jira.
Bara bajataa baranaattis pirojektota kuma sagalii ol ijaaruun ummata naannichaa miliyoona lama fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf karoorfatee hojjetaa jira.
Kana malees sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii ammayyeessuudhaan faalamaafi alseerummaa ittifayyadama qabeenya bishaanii hir’isuu; dhiheessii bishaan dhugaatii fooyyessuudhaan fayyadamummaa hawaasaa dabaluu; ittifufiinsa kenna tajaajila iskiimota bishaan dhugaatii mirkaneessuu, teknolojii inarjii haaromfamaa babal’isuufi carraa hojii uumuuratti gaheesaa bahachaa jira. Nageenyummaa qabeenya bishaanii eeguu, faalama bishaanii to’achuufi ittisuus akka hojii ijoo tokkootti xiyyeeffannoon hojjechuurratti argama.
Fedhii ummataa sadarkaa sadarkaan guutuuf waggoota jahan jijjiiramaa kana keessatti qofa pirojektota kuma 47fi 764 hojjechuun namoota miliyoona 17 ta’aniif bishaan dhugaatii qulqulluu dhiheessuun danda’ameera.
Bara 2016 qofa bajata mootummaa, hirmaannaa ummataafi mitmootummaa akkasumas qooda fudhattoota hirmaachisuudhaan pirojektota bishaan dhugaatii kuma sagaliifi 654 naannichatti hojjetaman irraa hawaasa miliyoona lamatti siqu fayyadamaa ta’eera.
Naannichatti hanga ammaatti iskiimonni bishaan dhugaatii kuma 91 oltu hojjetame. Dhaabbileen Tajaajiloota Bishaaniifi Dhangala’aa sadarkaalee adda addaatiin eeraman 235 riifoormiin caaseffamanii hojii keessa jiru.
Akkasumas, waldaaleen ittifayyadamtoota bishaan dhugaatiifi dhangala’aa baadiyyaa kuma sadiifi 349fi yuniyeenonni waldaa ittifayyadamtoota bishaan dhugaatiifi dhangala’aa aanaalee 191 hundeeffamanii tajaajila kennaa jiru. Dhaabbileen kunneen fooramii mana maree maamilaa hundeessuun waggaatti si’a lama walitti dhufuun ciminaafi hanqina raawwii hojii dhaabbatasaanii nigamaaggamu. Kunimmoo kenna tajaajila dhaabbatasaanii fooyyessuurra darbee yaadaafi gaaffiileen akka sirnaan keessummeeffaman kan taasisuudha.
Dhaabbileen kunneen galii keessoo isaanii cimsachuun qajeelfama baasiin ofdanda’uu akka Oromiyaatti bahe hojiirra oolchuun tajaajila ittifufaafi dhaqqabamaa kennuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jira.
Akkuma beekamu baay’inni ummataa yeroo yeroon dabalaa, invastimantiinis babal’achaa dhufuun walqabatee fedhiin bishaan dhugaatii garmalee guddataa dhufeera. Kanaafuu waliingahiinsa bishaan dhugaatii mirkaneessuuf hojii guddaafi daandii dheeraan akka hafu beekamaadha.
Walumaagalatti damichaan imala hanga ammaatiin milkaa’inoonni guguddoo hawaasa baadiyyaafi magaalaa fayyadamaa taasisaniifi jiruufi jireenyasaa fooyyessan hedduun raawwatamaniiru.
Kunis daaw’annaa miidiyaa tibbana Godinaalee Arsii Lixaa, Arsiifi Baaletti qindeessummaa Biirolee Kominikeeshiniifi Bishaaniifi Inarjii Oromiyaatiin taasifameen dhugaa qabataman lafaratti mul’ate ta’ee galmaa’eera. Ummanni fayyadamaa tajaajilichaa ta’es gammachuudhaan ragaa baheera.
Keessumaa kan naannolee ollaa dabalatee naannoolee networkiidhaan walitti hidhuun tattaaffiin ummataaf bishaan dhugaatii qulqulluu dhiheessuuf taasifamaa jiru daran abdachiisaafi milkaa’aa waan ta’eef imala cimee ittifufuu qabuudha.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017