
Finfinnee: Shaampiyoonaan Atileetiksii Itoophiyaa umrii waggaa 18fi 20 gadii magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffamaa jiruun fiigichi xumuraa meetira kuma shanii dubartootaa umrii waggaa 20 gadii kaleessa dorgomameera.
Fiigicha Fageenya meetira kuma shanii kanaan Atileet Gammannee Maammitee Magaalaa Shaggarirraa 1ffaa yoo baatu, Atileet Maastawaal Muhabbaa Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaarraa 2ffaa, Atileet Alamnash Xilaayee immoo Akkaadaamii Ispoortii Afran Qalloorraa 3ffaa bahuun xumuraniiru.
Fiigicha meetira 800 dubartoota umrii waggaa 20 gadiitiin ammoo Atileet Asteer Ariiree Korporeeshiinii Ijaarsaa Oromiyaarraa 1ffaa, Atileet Aalgaanash Maarimaa Akkaadaamii Xurunash Dibaabaarraa 2ffaan yoo xumuran, Atileet Shuree Jaarsoo immoo Bulchiinsa Magaalaa Adaamaarraa 3ffaa bahuun xumurteetti.
Dorgommii fiigicha meetira 800 dhiirotaa umrii waggaa 20 gadiin immoo Atileet Taganee Wondimmeeneh Taantaa irraa 1ffaa yoo bahu, Atileet Umar Hasan Akkaadaamiii Ispoortii Itoophiyaarraa 2ffaa, Atileet Sixootaa Daawit immoo sadarkaa 3ffaan bahuun xumureera.
Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 2 dubartoota umrii waggaa 20 gadiin Atileet Badhaatuu Shibbiruu Magaalaa Shaggarirraa 1ffaa yoo baatu, Atileet Addisee Alamuu Tantaarraa 2ffaa, Atileet Bilisummaa Tashoomaa immoo Magaalaa Shaggarirraa 3ffaa bahuun dorgommichi goolabameera.
Atileetota sadarkaa argataniif badhaasni meedaaliyaafi mallaqni kennameera.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017