Daawwannaa tarsimaawaa Doktar Abiyyi walitti dhufeenya biyyootaa cimsu

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad tibbana biyyoota Faransaay, Xaaliyaaniifi Vaatikaanitti daawwannaa adeemsisuun isaanii ni yaadatama. Daawwannaan isaanii kunis keessumaa walitti dhufeenya biyyootaa cimsuurra darbee muuxannoo biyyoonni kunneen qaban qooddachuuf carraa kan uume ture.

Jalqabarratti kan imalan gara Faransaay yoo ta’u, kanaanis Pirezidaantii biyyattii Imaanu’eel waliin marii taasisaniiru. Daawwannaan booda fuula feesbuukiisaaniirratti akka ibsanitti,

“Pirezidaanti Imaanu’eel Maakroon waliin dhimmoota danuu walittidhufeenyaafi walta’insa keenya cimsan irratti marii’achuun yoomiyyuu kan namatti toludha. Simannaa ho’aa nuuf taasifameefi marii milkaa’aa isa kanaan dura ji’a Sadaasaa keessa Finfinneetti goonetti itti fufiinsaan gooneef nan galateeffadha. Walta’insi keenya dameewwan faayidaa qaban hedduu irratti kan itti fufe yoo ta’u, hidhata daldalaa keenya caalaatti cimsuun xiyyeeffannaa keenya ijoo keessaa isa tokkodha” jedhaniiru.

Turtiisaaniitiin Kaatediraalii Notiraadaam Paarisitti argamus kan daawwatan yoo ta’u, kunis haala eegumsa hambaa irratti muuxannoon kan irraa argame ture. Balaa abiddaa ALA bara 2019 mudatee booda hojiileen eegumsaa taasifaman ejennoo biyyattiin hambaalee dhalootaaf dabarsuuf qabdu kan agarsiise ture. Itoophiyaanis hambaalee kanneen akka Masaraa Jimmaa Abbaa Jifaar, Laalibalaa, Faasiladasiifi kanneen biroo akkamiin kunuunsuun dhalootatti dabarsuu akka qabdu muuxannoo kan irraa argattedha.

Kana malees Doktar Abiyyi daawwannaan indastirii Paarisitti taasisan teknolojiifi intalajansii artifishaalaarratti kan xiyyeeffate ture. Jilasaanii waliin ta’uun wiirtuu istaarti appii biznasiin itti kalaqamu ‘Isteeshin Ef’ jedhamuufi dhaabbata nama dhuunfaa ta’e daawwataniiru. Akkasumas Wiirtuu Nookiyaa- Faransaay teknolojii 5Gfi 6G, nageenya saayibarii, intalajansii artifishaalaafi hidhata optikaalaa kan ta’e daawwataniiru.

Ittaansuun gara Vaatikaanitti qajeeluun Qulqulluu Poop Liyoo 14ffaa waliin mari’ataniiru. Simannaa ho’aa isaanii taasifameefis galateeffatanii, mariinsaanii nagaa addunyaa dabalatee dhimmoota garlameefi gardaneessa ta’an irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsu. Walgeettii barnootaa babal’isuu irrattis walta’insi akka barbaachisu waliigalteerra ga’aniiru.

Xumurarratti gara Xaaliyaan kan deeman Ministirri Muummichaa gitasaanii Ministira Muummee Xaaliyaanii, Joorjiyaa Meeloonii Room, Masaraa Chiigiitti arguun waliin marii’ataniiru. Kanattis gammaduusaaniifi mariin isaanii hidhata garlamee cimsuu, walta’insa gardaneessa guddisuu akkasumas Itoophiyaafi Xaaliyaanii gidduutti carraawwan invastimantiifi walta’insa dinagdee haaraa uumuu kan ilaallatu akka ture himu.

Walkabajuufi michummaa yeroo dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiran irratti hundaa’uun dameewwan garaa garaatiin walta’insa isaanii gadifageenyaan cimsuuf murannoo qaban waliif ibsuusaaniis ni kaasu.

Akkasumas, Raawwachiisaa Hojii Olaanaa, ‘Webuild Group’ Peetroo Saaliinii waliin Roomitti walarguun raawwii pirojektoota guguddoo biyyaalessaa itti hirmaataa jiran irratti mari’ataniiru. Hidha Haaromsa Itoophiyaa, Itoophiyaafi Afrikaaf boonsaa ta’eefii ji’oota muraasa booda xumuramu, akkasumas raawwii si’ataa Hidha Koyishaa irratti mul’ate galmaawwan biyyaalessaa milkeessuudhaan walta’insi ‘Webuild Group’ waliin jiru murteessaa ta’uu ibsu. Marii saaniitiinis raawwii pirojektoota hojjetamaa jiranii, bu’aa si’aayinaan deggarameefi kalaqaafi waara’insa wiirtuu hojii taasifachuu akka barbaachisu dubbataniiru. Mariin isaanii pirojektoota guddina dinagdee si’oomsanii biyya jijjiiran dhugoomsuun guddina biyyaa yeroo dheeraa deggaruu irratti murannoo waloo qaban kan mul’isedha.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You