Daandii hawaasa furmaatatti ceesisu saaquufi kallattii agarsiisuun ga’ee hayyootaati

Finfinnee: Qorannoorratti hundaa’uun daandii furmaatatti hawaasa ceesisu barreessuufi dubbachuun ga’ee hayyotaa ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Komishinarri Ittaantuu Komishinichaa Hiruut Gabirasillaasee marii komishinichi tibbana hayyota waliin taasiserratti akka ibsanitti, qorannoorratti hundaa’uudhaan yaada deeggarsaa ykn qeeqaa barreessuufi dubbachuun dhiyeessuun daandii hawaasa furmaatatti ceesisu agarsiisuun hayyotarraa eegama. Milkaa’ina kaayyoo marii biyyaalesaaf gumaachi hayyootaa murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, hanga ammaatti waldhabdee yaadaa mariin furuun hafee humnaan furuuf yaalame biyya gatii kaffalchiiseera. Garaagarummaa babal’isuun hafee mariidhaan akka furamuuf Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffame qaamolee hawaasaafi qooda fudhattoota mari’achiisuun ajandaa marii walitti qabaa jira.

Marii kana keessatti qaamoleen hawaasa garagaraarraa hirmaatanis kallattii hawaasaa sirreessuufi agarsiisuuf yaadotni qorannoorratti hundaa’uun komishinichaaf galtee ta’an hayyootarraa dhiyaachuu qabu jedhaniiru. Hayyotni qaama hawaasaa yaadaan biyya gaggeessan ta’uu himanii, deeggaruufis ta’ee qeequuf yaada qorannoon deeggarame dhiyeessuun yeroo itti hayyootni dirqama hayyummaa isaanii ba’atan ta’uu kaasu.

Komishinar Doktar Ambaayee Ugaatoo waraqaa ka’umsaa barbaachisummaa hayyootaa marii biyyaalessaarratti ibsan keessatti, garaagarummaan jiru mariidhaan akka furamuuf Komishinichi guyyaa hundeeffamerraa eegalee hojiilee gurguddaa hojjeteera. Adeemsa raawwii komishinichaa hanga ammaatti jiru keessattis shoorri hayyootaa olaanaa ta’uufi hayyootni rakkoo jiruuf daandii furmaataafi kallattii kaa’uun hawaasaaf ija ta’uutu irraa eegama jedhaniiru.

Akka ibsasaaniitti, hayyootni ofii arganii waan argan hawaasa agarsiisuudhaan seenessa qoodiinsaa babal’isanirratti yaada mo’ataa dhiyeessuun ittifalmanii sirreessuu akka qaban hubachiisu.

Hayyuun seenaa Asaffaa Wadaajoo marii kanarratti argamuun rakkoon Itoophiyaa rakkoo hayyoota biraa madde ta’uu himanii, hayyootni madda rakkoo akkuma turan madda furmaataa ta’uu qabu jedhaniiru. Garaagarummaa yaadaa kan qabu mariirratti argamuun yaadasaa ibsachuu qaba malee mariirraa dheessuun gaarii akka hintaane himanii, sirni dimookiraasii marii akkasiitiin guddachaa akka deemuufi dhimma hunda siyaasaan furuun hagas barbaachisaa miti jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017

Recommended For You