
Finfinnee: Kilabni Ingliiz Cheelsiin tapha kilaba Ispeen Riyaal Beetis waliin waancaa Konfirans liigii Awurooppaatiif taasiseen galchii bal’aa 4 fi 1n injifachuudhaan waancaa Konfiransi liigii Awurooppaa bara 2025 injifateera.
Xapha xumuraa kilaboota lamaan gidduutti waancaadhaaf biyya Poolaand Istaadiyeemii Roklawutti adeemsifameen galii jalqabaa galchuudhaan Cheelsiirratti dhiibbaa uumuuf kan yaale kilabni Ispeen Riyaal beets, taphattootni kilaba Cheelsii garuu goolii akkuma taphichi eegaleen daqiiqaa 9 keessatti isaanirratti lakkaa’ameen osoo hin burjaaja’iin taphicha to’atanii taphachuudhaan injifannoo galii bal’aa ta’een injifachuu danda’aniiru.
Hanga boqonnaatti galchii 1fi 0n dursaa kan ture gareen Ispeen Riyaal Soosiidaad, boqonnaan booda galiin daqiiqaa 65ffaa irratti taphataa sarara duraa Cheelsii Inzoo Fernaandeeziin isaanirratti lakkoofsiseen madaala tapichaa jijjiiruu danda’eera.
Hanga galii jalqabaa daqiiqaa 65ffaatti argatanitti tapha bareedaa taphatanis galchiidhaan milkaa’uu kan hin dandeenye gareen Ingiliiz Cheelsiin, galii boqonnaan booda kana erga argateen boodatti hamileen goolii galchuufi carraanis gara isaaniitti waan deebiteef, daqiiqaa 70ffaarratti Niklas Jaaksan, daqiiqaa 80ffaa irratti immoo maanchister yuunaaytidirraa gara chelsiitti kan makame Jeedaan saanchooniifi daqiiqaan taphaa dhumee isa dabalataa keessatti immoo Moosis kaasidoon walitti ansuudhaan galii galchaniin cheelsii injifannoon gahaniiru.
Boqonnaan booda tapha dirree irratti olaantummaa fudhatee taphachuunsaa injifannoodhaaf karaa kan banate Cheelsiin, tapha boqonnaan dura tureen garuu olaantummaa dirree taphaa harka Riyaal Soosiidaa turus carraan galii dabalataa galchuu isaan waliin hin turre.
Boqonnaan booda dadhabinasaa ilaaluudhaan sirreeffatee gara dirreetti kan gale gareen Cheelsii, tapha to’atee taphachuudhaan galchii 4fi 1n injifatee yeroo jalqabaatiif waancaa Konfirensi Liigii Awurooppaa kana injifachuu danda’ee jira.
Kilabni Ispeen Riyaal Soosidaad immoo seenaasaa waggaa 117 keessatti kabaja waancaa Awurooppaa yeroo jalqabaatiif injifachuuf abdiin qabu osoo hin milkaa’iin hafeera.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017