
Finfinnee: Balaa tasaa mudatu hambisuuf hojii ittisa balaa duraa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise. Kibxata darbe daawwannaan hojii ittisa balaa duraa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Nifaasi Silkii, Addis Katamaa, Qiirqoosiifi Araadaatti gaggeeffameera.
Sadarkaa Kantiibaa Ittaanaatti Gaggeessaan Hojii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee injiinar Wandimmuu Saattee daawwannaa booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, magaalaa Finfinneetti balaa tasaa hambisuuf hojiin ittisa balaa duraa xiyyeeffannaan ittikennamee hojjetamaa jira. Kanaafis, hirmaannaan ummata magaalichaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, bakkeewwan kutaa magaalaa balaaf saaxilamoo ta’an 278 adda ba’an keessaa akka saaxilamummaa isaaniitti 170f dursa kennamee hojiin ittisa balaa duraa hojjetamaa jira. Balaa gannaan walqabatee balaa lolaa qofti akka yaadatamu himanii, rooba gannaan walqabatee sigiga lafaa, bakkeewwan baay’ee namootni walitti dhiyaatanii jiraatanitti mukkeen utubaa humna elektirikaarratti kufuudhaan balaa ibiddaa qaqqabsiisuunfaas akka argaman kaasu. Hojiin hojjetamaa jirus kanneen ilaalcha keessa galchuun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, daandiiwwan yaa’aa balfa dhangala’oo (ujummoon) cuqqaalamuun lolaan aspaaltiirra yaa’uun balaan konkolaataa yeroo ittimudatu jiraachus nikaasu.
Lageen magaalaa Finfinnee keessa yaa’an daandii uumamasaanii akka gad hindhiifineefi lafti akka hinsigigaanneef ijaarsi dhagaa adeemsifamaa jiraachuu himanii, kanaanis balaa lolaa hambisuu qofaa utuu hintaane faalama lageenii namoota qarqara lagaa jiraataniin gageeffamaa ture hambisuun lageen magaalattii keessa jiran akka qulqullaa’an akka taasisu himu.
Dabalataanis, yoo balaan qaqqabes hatattamaan bakka balaan qaqqabe ga’uun balaa xiqqeessuf ijaarsi bu’uraalee misoomaa bakkeewwan balaaf saaxilamoo adda ba’anitti gaggeeffamaa jiraachuu eeru.
Hojiin guyyoota hafan keessatti hawaasa hirmaachisuun hojjetamu saaxilamummaa balaa akka hir’isu himanii, hojiin misooma kooriidarii akkasumas misooma qarqara lageeniin walqabatee hojjetame balaa hir’suu keessatti soora olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Jiraattuu Markaatoo naannawaa Mazgiidaa kan ta’an Aadde Abbabachi Mitikkuu tibba gannaa lolaafi dhimmuu, balfa gogaafi dhangala’aan ittiyaa’uun rakkachaa akka turan himanii, amma garuu mootummaan iddoo qubatan kenneefii bakka isaanirraa ka’an misoomsaa jira jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 23 Bara 2017