Alergii bunaa ji’a kudhanii irraa galiin doolaarri biliyoona 1.87 argame – Gatiin bunaa kan ji’a darbeerraa %10n gadi bu’eera

Finfinnee: Alergii bunaa ji’a kudhaniirraa galiin doolaara biliyoona 1.87 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Federaalaa beeksise. Gatiin bunaa ji’a darbee irraa %10 amala gadbu’uu agarsiisaa waan jiruuf qonnaan bultootaafi dhiyeessitootni buna harkaa qaban gabaaf akka dhiheessan gorsaniiru.

Daariktera Olaanaan Abbaa Taayitichaa Doktar Addunyaa Dabalaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, abbaan taayitichaa alergii bunaa ji’oottan kudhan darban irraa galii doolaara biliyoona 1.87 argamsiisuu danda’eera. Akka ibsa isaaniitti, abbaan taayitichaa bara kanatti buna toonii kuma 400 ol alergiif dhiyeessee galii doolaara biliyoona 2 argamsiisuuf biyyoota 60 ol ta’anitti daldalli alergii bunaa bal’inaan gaggeffamaa jira. Jarman, Sa’ud Arabiyaa, Ameerikaa, Beeljiyemiifi Jaappaan biyyoota kurnan (top ten) bunni Itoophiyaa itti ergamu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Abbaan taayitichaa buna, shaayeefi urgeessituuwwan sadarkaa omishaarraa eegalee hanga gabaatti dhiyaatutti hordoffii akka gaggeessuuf taayitaan ittikennameera.

Rakkoo omishaafi gabaan walqabatu maal akka ta’an adda baasuun alergiin akka dabaluuf hojjechaa jira.

Omishaafi omishtummaan bunaa akkuma dabalaa deemuun gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta’uuf qulqullinni omishaa barbaachisaadha. Kanaafis, irratti xiyyeeffachuudhaan hojjetamaa jira. Keessumaa omishaan booda rakkoo qulqullinaa wantota fiduu danda’an keessaa sirna sassaabbiifi miiccaa bunaa irratti leenjiifi galtee bunni ittifunaanamee qooru dhiyeessitootaaf akka kennamu ta’eera. Hojii hanga ammaatti hojjetameenis qisaasa’uu bunaa % 20 gadbuusuun danda’ameera. Buna gamashamuudhaan buna toonii 150 dabalataan akka ergamu ta’uufi qulqullinni bunaa harka 30irraa gara harka 60tti guddisuun danda’ameera.

Gabaa babal’isuun walqabatee hojii sona dabaluufi gabaa babal’isuuf muummee muummeen qooduudhaan hojii bal’aa hojjetameen gabaa biyyoota 33 irraa gara 60tti guddisuun danda’ameera.

Sona dabaluudhaan bunni Itoophiyaa gabaa addunyaa keessatti dorgomaa akka ta’uuf labsii, qajeelfamootaafi rifoormiin barbaachisoo ta’an akka fooyya’u ta’eera. Hojiiwwan omishaafi omishtummaa fooyyessuu, qulqullina dabaluufi gabaa babal’isuu hanga ammaatti hojjetameen buna toonii kuma 354 alergiif oolchuudhaan galiin ji’oota 10 keessatti akka dabalu ta’eera. Baatiiwwan lamaan hafanitti doolaara biliyoona lama bira ga’uuf hojiin hojjetamaa jiru cimee ittifufa jedhaniiru.

Dabalataanis, haalli gabaa bunaa ji’a darbee kan ji’a Caamsaatti %10 amala gadbu’uu agarsiisaa waan jiruuf qonnaan bultootaafi dhiyeessitootni buna harkatti qabatanii jiran gabaatti baasanii akka gurguran gorsa abbaa taayitichaa ta’uu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You