
Finfinnee: Ummatni Tigraay waraana Itoophiyaatti mootummaa federaalaafi ABUT duraanii gidduutti taasifameen seenessa badaa faca’aa tureen miidhamus, yeroo rakkoo kan baqatu gara Asmaraatti osoo hintaane gara Finfinneetti ta’uu Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Duraanii Naannoo Tigiraay Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan.
Ummatni Tigraay seenessa Itoophiyaarraa foxxoquu murni siyaasaa gurra isa duuchu moggaatti dhiisuun Itoophiyummaasaatti cichee kan jiru ta’uus Obbo Getaachoofi Bakka Bu’aa Olaanaa Mootummaa ta’uun Marii Piriitooriyaarratti kan hirmaataniifi Daarektarri Jeneraalaa Tajaajila Tika Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen turtii Tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin taasisaniin yaadachiisaniiru.
Akka Obbo Getaachootti, qondaaltoonni muraasni Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay(ABUT) duraanii yakka dalaganiif itti gaafatamummaa jalaa miliquufi qabeenya saamichaan tuullatan turfachuuf harka ummata Tigiraayiin ibidda qabaa jiru. Murni kun murna ummata Tigiraay bakka hinbuuneefi dantaa ummatichaa hinqabnedha. Ummatni Tigiraay wayita ABUT duraanii “Itoophiyaan haa baddu, haa diigamtu” jedhaa turetti iyyuu manneen amantiifi bakka walitti qabama ummataatti Itoophiyaa lallabaa ture.
Ambaasaddar Reeduwaan gamasaaniin, dantaa dhuunfaasaanii kabachiifachuuf jecha murni muraasni ABUT duraanii waliigalteen Piriitooriyaa hojiirra akka hinoolle walitti bu’iinsaafi danqaa uumaa jiraachuu ibsu. Ummatni Tigiraay Itoophiyaanummaasaatti cichee waan jiruuf malee seenessa badaa facaasuun miirri foxxoquu akka keessatti uumamuuf carraaqii jabaa taasisaa jiraachuu kaasanii, garuu gocha badaa taasisu kanatti kan hinmilkoofne ta’uu dubbatu.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017