Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf biqiltuuleen biliyoonni 7.5 qophaa’aniiru – Waggoota ja’an darbanitti biqiltuuleen biliyoonni 40 dhaabamaniiru

Finfinnee: Sagantaa Ashaaraa Magariisaa ganna baranaatiif biqiltuu biliyoonni 7.5 qophaa’uu Ministeerri Qonnaa ibse. Sagantaan baranaas walakkeessa Waxabajjiirraa eegalee akka jalqabamu beekameera.

Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee gaafdeebii waajjirasaaniitti dhiheenya Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan ja’an darbanitti adeemsifameen biqiltuuwwan biliyoonni 40 dhaabameera; bara dhufu biliyoona 50n ga’uuf karoorfamee hojjetamaa jira. Ganna baranaas biqiltuu biliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamee karooraa ol qophaa’eera. Lafa biqiltuun itti dhaabamuun walqabatee hojiin ‘jiyoorifiransii’dhaan adda baasuu hojjetamaa jira.

Yeroo biqiltuun itti dhaabamu akkaataa ‘agiroo ikoolojii’ biyyattiin qabduun addaddummaa qabaachuu eeranii, akka fakkeenyaatti gara godinaalee Gujiifi  Booranaa akkasumas, Itoophiyaa Kibbaatti ganni dursee waan seenuuf biqiltuun dhaabamaa jiraachuu himu. Akka biyyaatti garuu akkuma kanaan dura barameen jalqabsiisummaa Ministirri Muummeetiin walakeessa ji’a Waxabajjiitti ni eegalama jedhamee akka eegamu ibsu.

Kana malees biqiltuu dhaabuun erga walakkeeffamee booda ji’a Adoolessaa keessa sagantaan duulaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoos kan jiraatu ta’uu himanii, inni kun keessumaa hawaasni kaayyoo tokkoof walitti dhufee waa milkeessuuf kutannoo inni qabu kan itti mul’atu waan ta’eef hiikniisaa biqiltuu dhaabuu gararraa ta’uu kaasu.

Ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuun uwwisa bosonaa dabaluuf qofa yaadamee kan hojjetamu akka hintaane kan himan Doktar Girmaan, kanneen dhaabaman keessaa % 60 biqiltuuwwan sirna qonnaa keessatti hammataman ta’uu dubbatu. Biqiltuuwwan kanneen akka avokaadoo, maangoofi kanneen nyaataaf oolan biroon kan dhaabaman ta’uu himu.

Kana malees biqiltuuwwan nyaata beeladaaf oolan kan hammatu yoo ta’u, inni kun ammoo insheetiivii maaddii guutuuf deeggarsa mataasaa akka qabu kaasanii, kanneen hafan % 35 mukkeen ijaarsa, farniichariifi bu’aalee garagaraaf oolan, dhibbantaan shan biqiltuuwwan miidhagina magaalaatiif oolan kan qabatan ta’uu himu.

Hojii kanarratti kutaan hawaasaa hundi addaddummaa umurii, korniyaa, amantii, siyaasaafi ilaalchaa malee hirmaachuun namoonni miliyoona 23-30 ashaaraasaanii kaa’uu himanii, gama carraa hojii uumuutinis lammiileen miliyoona tokkoo ol fayyadamoo ta’uu dubbatu.

Gama uwwisa bosonaa dabaluutiin hojiileen hanga yoonaa hojjetaman jajjabeessoo ta’uu kan himan ministirichi, osoo sagantaa Ashaaraa Magariisaa hineegaliin uwwisni bosonaa biyyattii %17 ture hanga bara darbeetti %23 caaluufi ALA bara 2030 irratti ammoo %30n ga’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsu. Sululawwan misooman keessattis qonnaan bulaan gaagura hidhee damma akka omishu, lageen deebisanii misooman hojiin jallisii akka si’atu taasisaa jiraachuus ni eeru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You