Raawwiin sagantaa maaddii guutuu waggoota sadii maal fakkaata?

Finfinnee: Sagantaa Inisheetiivii maaddii madaalawaa waggaa sadii dura kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin eegalame. Kanaanis hawaasni boroosaatti omishuun wabii nyaataasaa mirkaneeffachuu qofa osoo hintaane nyaata madaalawaallee soorachuun lammii fayyabuleessa akka ta’u yaadama jedhuun eegale. Sagantichis, marsaan duraa turtii waggoota afurii kan qabu ta’us waggaa lama keessatti wantoonni qabaman milka’anii, karoora sagantichaas irra deebiin ilaaluun barbaachiseera.

Hojiin omisha lukkuu, aannan, dammaafi qurxummiirratti xiyyeeffatee hojjetamaa jiru kun inisheetiiviiwwan seektara qonnaatiin hojjetaman keessaa kan mana nama baay’ee seene, maatii magaalaafi baadiyyaa bira kan qaqqabeefi yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama olaanaa kan fide, hojii milkaa’aa ta’uusaati ragaan Ministeera Qonnaa kan mul’isu.

Waggaa sadii dura yommuu inisheetiiviin kun eegalametti cuuciin guyyaa tokkoo miliyoona 26 qofatu ture. Inisheetiiviin kun eegalee waggaasaatti garuu miliyoona 41 ta’e. Barana ji’a sagal qofatti cuucii guyyaa tokkoo miliyoona 90 raabsuun danda’ameera. Karoorri waggaa kanaa miliyoona 150 yoo ta’u, kanas milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan ministeerichaa ni eera.

Loon diqaalomsuun walqabatee barana loon miliyoona 3.8 diqaalomsuuf karoorfamee ji’oota sagaliitti miliyoona sadii bira ga’uun danda’ameera. Kun waggaa sadii dura miliyoona walakkaarra ture. Omishni aannaniis waggoota sadii keessatti aannan liitirri biliyoona 8.9 omishameera. Misooma kanniisaatiin walqabatees omisha dammaa bifa aadaatiin omishamaa ture keessaa ba’uuf gaagura ammayyaa dhiheessuun walqabatee barana ji’oota saglan darbanitti gaagura ammayyaa miliyoona 2.2 dhiheessuun danda’ameera. Sanyiin qurxummiis miliyoona torbaa ol raabsameera. Kana dura qurxummii namni haroo deemee baasuurraa amma boroosaatti omishuu jalqabeera.

Hojiin naannoleetti hojjetames jajjabeessaa yoo ta’u, keessumaa kan Oromiyaa akka agarsiiftuutti kan dhihaatudha. Muuxannoon naannichaas qorannoo raawwii waggoota sadii torban kana Jimmatti adeemsifamerratti dhihaateera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu hojii hojjetame ilaalchisuun akka Gaazexaa Bariisaaf ibsanitti, Oromiyaan qabeenya beeladaa fooyya’aa qabaachuunshee hojii kana milkeessuu keessatti qooda olaanaa qaba. Akka ragaan Bulchiinsa Istaatistiksii agarsiisuutti loon miliyoona 25.5, re’oota miliyoona 8.42, hoolota miliyoona 9.75fi gaalota kuma 929 qabdi. Akkasumas lukkuuwwan miliyoona 19.16 kan qabdu yoo ta’u, kanneen keessaa miliyoonni 6.5 (%34) kanneen hanqaaquu buusaniidha.

Gama qabeenya kanniisaatiin ammoo gurmuu kanniisaa miliyoona 3.7tti siqu qabaachuu kaasanii, qabeenyi qurxummiis naannolee kaanirra haala fooyya’aa ta’een jiraachuu himu.

Omisha aannanii dabaluuf waggoota sadan darban mandaroota aannanii kuma shaniifi 700 ol, namoota kuma 689 hammachuun ijaaramuu himanii, bara bajataa kanatti qofa qarshii miliyoona 300 ramaduun hanga ji’a Eblaatti loon aannanii kuma 300 ta’an diqaaloomsuun jabboota sanyii fooyya’oo kuma 689 argamuu ibsu. Omisha aannaniin walqabatees hanga ji’a walfakkaataatti aannan liitira biliyoona 3.3 omishuu himu.

Misooma lukkuun walqabatee hojii hanga yoonaa hojjetameen hanqaaquu biliyoona 3.7fi foon lukkuu toonii kuma 98 ol omishuun namoota miliyoona 5.9 fayyadamoo taasisuu eeranii, barana cuucii guyyaa tokkoo miliyoona 74.5fi hanqaaquu miliyoona 41.4 raabsamuu ibsu. Omisha dammaafis barana qofa gaagura ammayyaa miliyoona 1.5 raabsuuf karoorfamee miliyonni 1.2 kan raabsame yoo ta’u, damma toonii kuma 117fi gagaa toonii 7.2 omishamuu eeru.

Akkasumas misooma foon diimaatiin bara 2017 foon toonii miliyoona 1.3 ol omishuun namoota miliyoona 5.8 fayyadamoo taasisuu himanii, gama omisha qurxummiitiinis bara bajataa kanatti cuucii qurxummii miliyoona 1.9 raabsuun foon qurxummii toonii kuma 28 omishamuu addeessu.

Akka ibsa Obbo Geetuutti, hojii kanaan lammiilee hedduun carraa hojii ittiin argataniiru. Haala kanaan kilaastara beelladootaa magaalotaatiin bara 2016/17tti namoonni kuma 78 ol waldaadhaan gurmaa’uun carraa hojii argataniiru. Baadiyyaattis namoonni miliyoona 2.5 haala walfakkaatuun carraa hojii argataniiru.

Akka waliigalaatti hojii sagantaa Maaddii Madaalawaatiin hojjetameen hordooffiin hoggansaa sadarkaalee hundatti cimaa turuun akka hojichi bu’aqabeessa ta’uuf tumsuu himu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You