
Ogeessonniifi hayyoonni damee qonnaa qonni Itoophiyaa jijjiirameera; ce’aa jira jechuun sadarkaa guddina qonnaa yommuu ibsan ni dhaga’ama.
Keessumaa waggoota torban darban yeroo mootummaa jijjiiramaa jedhamuun beekamutti dameen kun bu’uurarraa jijjiiramaa jiraachuutu himama. Gaaffiilee, Qonni Itoophiyaa eessa ture? Maaltu jijjiirame? Agarsiiftuunsaa hoo maali? jedhaniifi kanneen biroorratti Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin ibsa ittaanu kennaniiru.
- Qonna harkaa gara afaaniirraa gara qonna daldalaatti
Kana dura qonnaan bulaan yommuu qonna qotu waanuma maatiin nyaatu qotee, isa irraa hafe immoo gurguree ijoolleef waa ittiin bita malee indastiriif ykn alergiif jedhee hinqotu; ittiin bulaa ture jechuudha.
Haala kanaan immoo biyyi qonna jijjire hinjiru. Qonni harkaa gara afaaniirraa gara qonna daldalaa ykn intarpiraayiziitti ce’uu qaba. Qonni mataansaa akka intarpiraayiziitti ilaalamuu qaba. Oyiruun qonnaan bulaa akka biznasii tokkootti fudhatamuu qaba. Galteesaa, baasiisaa, humnasaa, baasi ijoolleessaa shallagatee waan itti baase argachuu qaba.
Kanaaf yeroo ammaa yaadama nyaataaf omishuurra darbee karaa gabaa giddu galeessa godhateen daldalaaf omishuun jalqabameera. Qonnaan bultoonni baay’een gara invastarummaattiyyuu ce’aa jiru. Walitti dhufaniis kilaastaraan baay’inaafi qulqullinaan omishuu jalqabaniiru. Gama kanaan karaa walakkaa ol dhufneerra jennee fudhachuu dandeenya. Wanti kun makaanaayizeeshiniifi sanyii fooyya’aatti fayyadamuu fideera; gabaa yaadanii omishuun eegalameera.
- Gateettii qotiyyootiin qotuurraa gara makaanaayizeeshiniitti
Addunyaarratti biyyi qonna gateettii qotiyyootiin omishummaasaa milkeesse hinjiru. Isa kana jijjiiruun qonna biyyattii makaanaayiz gochuu qabna jennee hojii jalqabaneen yeroo ammaa % 25 irra geenyeerra. Kun ammas gahaa miti; garuu tarkaanfii eegaluudha. Kanaaf mootummaan imaammata fooyyesseera. Meeshaan qonnaa ashuuraarraa bilisa alaa akka galu, kanaaf ammoo qonnaan bulaan faayinaansiin mijateefii liqiidhaan akka bitatu taasifamaa jira.
Tiraaktarri dur Arsiifi Baaleetti bal’inaan beekamu amma guutummaa biyyaatti faayidaarra oolaa jira. Waggaa shan dura magaalaadhuma Finfinneetti dhihoo taate; Gincii Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa waliin kombaayinara fuunee deemne. Ummanni kombaayinara ilaaluuf qe’eedhaa yaa’ee ba’e. Har’a garuu goleewwan afranuu kombaayinarri deemaa jira. Gama kanaan jijjiiramni jiraatus ammallee karaa dheeraatu nu hafa.
- Roobarratti hundaa’uun omishuurra gara waggaa guutuu omishuutti
Qonni biyyattii roobarratti waan hirkatee tureef bara roobni sirriitti roobe omisha gaarii argachaa, yoo hinroobne ammoo omishni gadi bu’aa ture. Biyyi keenya biyya burqaa bishaanii (‘Water Tower of Africa’) jedhamtee osoo beekamtuu bishaan biyya kanaa oyiruu wajjiin wal argaa hinturre.
Lafa barana hektaara miliyoona 21 ni qootama jedhamee qabame keessaa bu’uura jallisii kan qabu hektaara miliyoona 1.5 yoo baay’ate miliyoona lama hincaalu. Kaan roobaan qotama. Qonni keenya yoo xiqqaate carraa bishaanii tokko lama qabaachuutu irra jiraata. Kan jijjiirama qilleensaa dandamatu ta’uun irra jira.
Kanaafis iskiimii bishaanii ijaaruun yeroofi kaappitaala guddaa kan fudhatu ta’us paampiitti fayyadamuun qamadii haala ajaa’ibsiisaan milkeessuu dandeenyeerra. Karaa Shawaa Kibba Lixaa yoo ilaalle bishaan Awaash balbala qonnaan bulaarra darba.
Garuu baasanii ittifayyadamuun hinjiru. Dura iskiimiin bishaanii hamma bira ga’utti eegu turan. Amma garuu paampiidhaan fayyadamanii hojii hedduu hojjechuu eegalaniiru. Inumaayyuu gara Harargeetti paampii riilee jedhanii paampiidhaan bishaan haroo tokkotti akka darbatu godhu, haroo sanarraa immoo olbaasanii darbatu.
Akka biyyaatti qamadii hektaara miliyoona 3.5 misoomsina jedhamee yommuu karoorri qabame kan iskiimiidhaan hojjetamu osoo hintaane paampiidhaani. Akka waliigalaatti hojiin kanarratti hojjetamaa jiru akka jalqabbiitti gaarii ta’uus ammallee waan hafu baay’ee qaba. Waqtiiwwan qonnaa jiran sadan omishuun caalaatti itti hojjetamuu qaba.
Kun jijjiirama aadaa hojiillee fideera. Qonnaan bulaan kana dura waqtiin bonaa yeroo boqonnaa keenyaati jedhee waan ganna omishe taa’ee nyaata. Amma garuu waggaatti lama sadii omishuun baramaa dhufeera. Gara baadiyyaa yoo deemame waqtii kamuu omishni jira.
Kanaaf qonna keenya jijjiirama qilleensaa kan dandamatu goonee, qabeenya bishaanii qabnutti fayyadamnee, waqtiiwwan jiranitti fayyadamnee yoo yeroo lamaa sadii omishuu dandeenye qonni caalaatti guddachuu danda’a.
- Fedhii biyya keessaaf omishuurraa hanga gabaa addunyaaf baay’inaan omishuutti
Akka waliigalaatti omishaafi omishtummaan daran dabaleera. Hammi alergii waggaa waggaan dabalaa jira. Yoo raawwii ji’oota sagalii qofa ilaalle alergiirraa galiin doolaara biliyoona 2.6 seektara qonnaa qofarraa argameera.
As keessatti gaheen bunaa olaanaadha. Raawwiinsaas isa karoorfame caala. Omishni qonnaa keenya fedhii biyya keessaa guutee fedhii gabaa biyya alaa guutaa jira. Buna qofa ji’oota kudhan darban keessatti toonii kuma 350 alatti erguun galii doolaara biliyoona 1.8 argachuun danda’ameera.
Bara darbe waggaa guutuu doolaara biliyoona 1.4 ture kan arganne. Barana garuu ji’oota lamaan hafanitti gara toonii kuma 100 dhiheessuun karoora Ministirri Muummee nuu qaban biliyoona lama caalaa ni deemna.
Kana cinaatti fedhiin fayyadama bunaa biyya keessaas olaanaa yoo ta’u, kanallee guutuun danda’ameera. Kana malees omishawwan kanneen akka midhaan dibataa, mi’eessituuwwan, fuduraafi muduraa, dammaafi kkf alatti erguun sharafni alaa olaanaa argamaa jira.
- Omishawwan gatii olaanaadhaan alaa bituurra biyya keessatti omishuu
Kana dura qamadiin alaa gatii olaanaadhaan gala ture. Buna alatti erginee sharafa argannuun qamadiifi bu’aalee qamadii alaa galchaa turre. Garbuun biiraa duraan alaa galu amma biyya keessatti warshaalee wajjin waliigaltee uumuun omishamaa jira. Akkasumas bu’aalee qamadii kanneen akka paastaafi makaroonii, aannaaniifi nyaatawwan daa’immanii, cuunfaawwan akaakuuwwan garagaraa alaa gatii olaanaadhaan galaa turan biyyuma keessatti omishuun baasii sharafa alaa xiqqeessaa jiru.
- Beelladaafi bu’aalee beelladaa gabaaf dhiheessuu qofarraa gara ofiifis fayyadamuutti
Sagantaa Inisheetiivii maaddii madaalawaa waggaa sadii dura eegaleen omisha lukkuu, aannan, dammaafi qurxummii irratti xiyyeefatamee hojjetamaa jira. Inisheetiiviin kun hojii seektara qonnaatiin hojjetamee keessaa kan mana nama baay’ee seenedha. Maatii magaalaafi baadiyyaa bira seenee yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama olaanaa fideedha.
Waggoota sadii dura misooma lukkuurratti cuuciiwwan guyyaa tokkoo miliyoona 26 qofatu ture. Inisheetiiviin kun eegalee waggaasaatti garuu miliyoona 41tti guddate. Caalaatti akka hinomishneef rakkoo kan ture sanyiin haadhoo lukkuu alaa dhufeetu inkubeetara keessa galee cuuciin ba’a ture. Kunis gaafa sharafni alaa argamu ni dhufa; gaafa hinjirre ni hafa ture. Kanarrattis Meedrok waliin ta’uun Bishaan Gurraachaarratti sanyii haadhoo (grandparents) omishuun jalqabameera. Kana akkuma Afrikaattuu biyyoota muraasatu qaba.
Haala kanaan hojjechuun, abbootii qabeenyaas hirmaachisuun barana ji’a sagal qofatti cuuciiwwan guyyaa tokkoo miliyoona 90 raabsuun danda’ameera. Karoorri keenya waggaa miliyoona 150 yoo ta’u, kanas milkeessuuf hojjetamaa jira.
Misooma aannanii, horsiisa loonii, omisha dammaafi kanneen biroorrattis bu’aalee jajjabeessoon mul’ataniiru. Loon diqaalomsuun walqabatee barana loon miliyoona 3.8 diqaalomsuuf karoorfamee ji’oota sagalitti miliyoona sadii bira ga’uun danda’ameera.
Kun waggoota sadii dura miliyoona walakkaarra ture. Misooma kanniisaatiin walqabatees omisha dammaa bifa aadaatiin omishamaa ture keessaa ba’uuf gaagura ammayyaa dhiheessuun walqabatee barana ji’oota saglan darban gaaguura ammayyaa miliyoona 2.2 dhiheessuun danda’ameera. Sanyiin qurxummiis miliyoona torbaa ol raabsameera. Kana dura qurxummii namni haroo deemee baasuurraa amma boroosaatti omishuu jalqabeera.
Kun akka waliigalaatti lammiin nyaata madaalawaa akka argatu taasisuurratti gaheen ba’ataa jiru olaanaadha. Sagantaa kana waggaa afur keessatti milkeessuuf qabatame waggaa lama keessatti bira ga’uun danda’ameera. Carraa hojii uumuufi gabaa tasgabbeessuu keessattis qoodni ba’ate olaanaadha.
Akka waliigalaatti qonna keenyarratti jijjiiramni jiraatus hamma deemuu qabnu hindeemne. Keessumaa yommuu humnaafi qabeenya qabnu waliin madaalamu ammayyuu waan nu hafu akka jiru nu agarsiisa. Yoo xiyyeeffannee hojjechuu dandeenye ammoo kana caalaa milkeessuu akka dandeenyu haalonni agarsiisan nijiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017